Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 18

Kiristiyaanota Dhugaa Adda Baasnee Beekuu kan Dandeenyu Akkamitti?

Kiristiyaanota Dhugaa Adda Baasnee Beekuu kan Dandeenyu Akkamitti?

Namoonni biliyoonaan lakkaaʼaman Kiristiyaana akka taʼan dubbatu. Haa taʼu malee, hundi isaanii wanta wal fakkaatutti hin amanan ykn ulaagaalee wal fakkaatuun hin geggeeffaman. Maarree Kiristiyaanota dhugaa adda baasnee beekuu kan dandeenyu akkamitti?

1. Kiristiyaana jechuun maal jechuu dha?

Kiristiyaanonni barattoota ykn duuka buutota Yesuus Kiristoosi. (Hojii Ergamootaa 11:26 dubbisi.) Barattoota Yesuus taʼuu isaanii kan mirkaneessan akkamitti? Yesuus “Isin dubbii kootiin yoo jiraattan dhuguma barattoota koo ti” jedheera. (Yohaannis 8:31) Kana jechuun Kiristiyaanonni dhugaan barumsawwan Yesuus hojii irra oolchuu qabu jechuu dha. Yesuus yeroo hunda wanta Kitaabni Qulqulluun dubbatu barsiisa ture; namoonni dhugumaan isa hordofanis akkasuma gochuu qabu.—Luqaas 24:27 dubbisi.

2. Kiristiyaanonni dhugaan jaalala kan argisiisan akkamitti?

Yesuus duuka buutota isaatiin, “Akkuman isin jaalladhe isinis wal jaalladhaa” jedheera. (Yohaannis 15:12) Yesuus barattoota isaa akka jaallatu kan argisiise akkamitti? Isaanii wajjin yeroo dabarseera, isaan jajjabeesseera, akkasumas isaan gargaareera. Lubbuu isaa illee dabarsee isaaniif kenneera. (1 Yohaannis 3:16) Haaluma wal fakkaatuun, Kiristiyaanonni dhugaanis waaʼee jaalalaa barsiisuudhaan qofa hin daangeffaman. Kanaa mannaa, dubbii isaaniitiinis taʼe gocha isaaniitiin akka wal jaallatan argisiisu.

3. Kiristiyaanonni dhugaan hojii akkamii hojjetu?

Yesuus barattoota isaatiif hojii kenneera. ‘Mootummaa Waaqayyoo akka lallaban isaan ergeera.’ (Luqaas 9:2) Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa iddoowwan waaqeffannaa isaanii keessatti qofa utuu hin taʼin, bakka namoonni itti baayʼatanii fi mana namootaa dhaqanii lallabaa turan. (Hojii Ergamootaa 5:42; 17:17 dubbisi.) Kiristiyaanonni dhugaan yeroo harʼaa jiranis bakka namoota argatan hundatti dhugaa Kitaaba Qulqulluu ni lallabu. Namoota waan jaallataniif yeroo fi humna isaaniitti fayyadamanii ergaa Kitaaba Qulqulluu isa abdii fi jajjabina qabate lallabuun isaan gammachiisa.—Maarqos 12:31.

CAALAATTI BARADHU

Kiristiyaanota dhugaa namoota barumsawwanii fi fakkeenya Yesuus hin hordofne irraa adda baastee beekuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe ilaali.

4. Dhugaa Kitaaba Qulqulluu argachuuf carraaqqii godhu

Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa Dubbii Waaqayyootiif iddoo guddaa kennu turan

Dhugaa Kitaaba Qulqulluutiif iddoo guddaa kan kennan namoota Kiristiyaana ofiin jedhan hunda miti. VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffii armaan gadii irratti mariʼadhaa.

  • Waldaaleen Kiristiyaana ofiin jedhan tokko tokko wanta Yesuus barsiise irraa adda taʼe kan barsiisan akkamitti?

Yesuus Dubbii Waaqayyoo irraa dhugaa barsiiseera. Yohaannis 18:37 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Akka Yesuus dubbatetti Kiristiyaanota ‘dhugaa cinaa dhaabbatan’ adda baasnee beekuu kan dandeenyu akkamitti?

5. Dhugaa Kitaaba Qulqulluu keessatti argamu lallabu

Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa warra kaaniif ni lallabu turan

Yesuus gara samii deemuu isaa dura hojii hamma bara keenyaatti itti fufu duuka buutota isaatiif kenneera. Maatewos 28:19, 20 fi Hojii Ergamootaa 1:8 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Hojiin lallabaa kan hojjetamu hamma yoomiitti? Kan lallabamu hoo hanga eessaatti?

6. Wanta lallaban hojii irra oolchu

Namichi Toom jedhamu amantaa dhugaa akka argate kan isa amansiise maali dha? VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa.

  • Toom amantaatti abdii akka kutatu kan isa taasise maali dha?

  • Amantaa dhugaa akka argate kan isa amansiise maali dha?

Gochi keenya dubbii keenya caalaa eenyummaa keenya ibsa. Maatewos 7:21 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Yesuus iddoo guddaa kan kennu, wanta akka itti amannu dubbannuufi moo wanta gocha keenyaan mirkaneessinuufi?

7. Wal jaallatu

Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa wal jaallatu turan

Kiristiyaanonni dhugumaan obboloota isaaniitiif jedhanii lubbuu isaanii balaadhaaf ni saaxiluu? VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa.

  • Obboleessi keenya Looyidsi obboleessa keenya Yohaansaniif jedhee lubbuu isaa balaadhaaf akka saaxilu kan isa kakaase maali dha?

  • Tarkaanfiin inni fudhate Kiristiyaana dhugaa taʼuu isaa kan argisiisu sitti fakkaataa?

Yohaannis 13:34, 35 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Barattoonni Yesuus (Kiristiyaanonni dhugaan) namoota sanyii ykn lammummaa isaan irraa adda taʼe qabaniif ilaalcha akkamii qabu?

  • Yeroo waraanaatti jaalalli maal gochuuf isaan kakaasa?

NAMOONNI TOKKO TOKKO AKKANA JEDHU: “Amantaan hundi Waaqayyo duratti fudhatama qaba.”

  • Kiristiyaanota dhugaa adda baasnee beekuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ibsuuf caqasa isa kamitti fayyadamuu dandeessa?

MAAL BARATTE?

Kiristiyaanonni dhugaan barumsawwan Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchu, jaalala ofittummaa irraa walaba taʼe walitti argisiisu, akkasumas dhugaa Kitaaba Qulqulluu lallabu.

Irra Deebii

  • Amantaan Kiristiyaanota dhugaa maal irratti kan hundaaʼe dha?

  • Amalli Kiristiyaanota dhugaa adda baasee beeksisu isa kami?

  • Kiristiyaanonni dhugaan hojii akkamii hojjetu?

Galma

QORANNOO DABALATAA GODHI

Waaʼee garee namootaa fakkeenyaa fi barumsawwan Yesuus Kiristoos hordofuuf carraaqu tokkoo caalaatti baradhu.

Dhugaa Baatonni Yihowaa Eenyu? (1:13)

Dubartiin kanaan dura moloksee turte “kutaa obbolummaa addunyaa maraa” kan taate akkamitti akka taʼe dubbisi.

“Gaaffii Hunda kan naa Deebisan Macaafa Qulqulluutti Fayyadamaniiti!” (Masaraa Eegumsaa, Adoolessaa-Fulbaanaa 2014)

Kiristiyaanonni dhugaan obboloota isaanii gargaarsi barbaachisutti jaalala kan argisiisan akkamitti akka taʼe baradhu.

Yeroo Balaan Uumamutti Obboloota Keenya Gargaaruu—Gabaabfamee kan Fudhatame (3:57)

Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa fi Kiristiyaanonni dhugaan yeroo harʼaa jiran, ulaagaa Yesuus duuka buutota isaa adda baasee akka beeksisu dubbate kan guutan akkamitti akka taʼe qoradhu.

“Mallattoowwan Kiristiyaanummaa Dhugaa Adda Baasanii Beeksisan Kam Faʼi?” (Masaraa Eegumsaa, Adoolessaa-Fulbaanaa 2012)