Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 27

Duuti Yesuus Nu Fayyisuu kan Dandaʼu Akkamitti?

Duuti Yesuus Nu Fayyisuu kan Dandaʼu Akkamitti?

Cubbamoota kan taane, kan rakkannuu fi kan duunu, namoonni jalqabaa lamaan, jechuunis Addaamii fi Hewaan Waaqayyoof ajajamuu waan didaniifi. a Kana jechuun garuu abdii hin qabnu jechuu miti. Yihowaan Ilma isaa Yesuus Kiristoositti fayyadamee karaa abaarsa cubbuu fi duʼaa jalaa itti nu baasu qopheesseera. Kitaabni Qulqulluun duuti Yesuus furii akka nuuf argamsiise barsiisa. Furiin gatii nama tokko bilisa baasuuf kaffalamu dha. Gatiin Yesuus kaffale immoo lubbuu isaa isa mudaa hin qabne dha. (Maatewos 20:28 dubbisi.) Yesuus fedhiidhaan mirga bara baraaf lafa irra jiraachuu dhiisuun isaa wanta Addaamii fi Hewaan dhaban akka argannuuf karaa baneera. Kana malees, Yesuus innii fi Yihowaan hangam akka nu jaallatan argisiiseera. Barumsi kun dinqisiifannaa duʼa Yesuusiif qabdu guddifachuuf si gargaara.

1. Yeroo harʼaatti duʼa Yesuus irraa fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?

Cubbuu waan dhaalleef, wantoota Yihowaa hin gammachiisne hedduu raawwanna. Haa taʼu malee, cubbuu raawwanneef garaadhaa yoo gaabbine, Yihowaan karaa Yesuus Kiristoos dhiifama akka nuuf godhu yoo gaafannee fi cubbuu sana irra deebiʼuu dhiisuuf wanta nuuf dandaʼame hunda yoo goone, Waaqayyoo wajjin michummaa cimaa uumuu dandeenya. (1 Yohaannis 2:1) Kitaabni Qulqulluun, “Kiristoos inni qajeelaa taʼe warra jalʼootaaf jedhee cubbuudhaaf yeroo hundumaatiif akka taʼutti al tokkicha duʼeera; kana kan godhes gara Waaqayyootti isin qajeelchuuf jedhee ti” jedha.—1 Pheexiros 3:18.

2. Gara fuulduraatti hoo duʼa Yesuus irraa fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?

Yihowaan, Yesuus lubbuu isaa isa mudaa hin qabne aarsaa godhee akka kennu gara lafaatti kan erge, “[Yesuusitti] kan amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin [badneefi].” (Yohaannis 3:16) Wanta Yesuus raawwateef galanni haa taʼuutii, Yihowaan miidhaa ajajamuu diduun Addaam geessise hundumaa ni balleessa. Kana jechuun aarsaa Yesuusitti yoo amanne, abdii bara baraaf lafa irra jiraachuu qabaanna jechuu dha!—Isaayyaas 65:21-23.

CAALAATTI BARADHU

Yesuus lubbuu isaa aarsaa kan godhe maaliif akka taʼee fi kun immoo kan si fayyadu akkamitti akka taʼe caalaatti baradhu.

3. Duuti Yesuus cubbuu fi duʼa jalaa bilisa nu baasa

VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffii armaan gadii irratti mariʼadhaa.

  • Addaam ajajamuu diduu isaatiin maal dhabe?

Roomaa 5:12 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Addaam cubbuu hojjechuun isaa miidhaa akkamii sirraan geessiseera?

Yohaannis 3:16 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Yihowaan ilma isaa gara lafaatti kan erge maaliifi?

  1. Addaam nama mudaa hin qabne ture, taʼus Waaqayyoof ajajamuu diduudhaan ilmaan namootaa cubbuu fi duʼa akka dhaalan godheera

  2. Yesuus nama mudaa hin qabnee fi Waaqayyoof ajajame waan tureef, ilmaan namootaa mudaa kan hin qabne akka taʼanii fi jireenya bara baraa akka qabaatan isaan gargaara

4. Duuti Yesuus namoota hundumaa ni fayyada

VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffii armaan gadii irratti mariʼadhaa.

  • Duuti nama tokkoo namoota hundumaa fayyaduu kan dandaʼu akkamitti?

Ximotewos Tokkoffaa 2:5, 6 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Addaam inni ilmaan namootaatti cubbuu fi duʼa fide mudaa kan hin qabne ture. Yesuusis nama mudaa hin qabne ture. Maarree Yesuus “furii wal gitu” kan dhiheesse karaa kamiini?

5. Furichi kennaa Yihowaan siif kenne dha

Michoonni Yihowaa furichi kennaa Yihowaan dhuunfaatti isaaniif kenne akka taʼetti ilaalu. Galaatiyaa 2:20 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Phaawulos ergamaan furichi kennaa dhuunfaatti isaaf kenname akka taʼetti kan ilaalu taʼuu isaa kan ibse akkamitti?

Addaam cubbuu hojjechuu isaatiin kan kaʼe, isaa fi sanyii isaa hundatti duuti murteeffameera. Haa taʼu malee, Yihowaan bara baraaf jiraachuu akka dandeessuuf, Ilmi isaa siif jedhee akka duʼu erge.

Caqasa armaan gadii yommuu dubbistu yeroo Ilmi isaa dhiphatetti wanta Yihowaatti dhagaʼamee taʼuu qabu hubachuuf yaali. Yohaannis 19:1-7, 16-18 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Wanta Yihowaa fi Yesuus siif godhan ilaalchisee maaltu sitti dhagaʼama?

NAMNI TOKKO AKKANA JEDHEE SI GAAFATA TAʼA: “Namni tokko duʼuun isaa namoota hunda fayyisuu kan dandaʼu akkamitti?”

  • Maal jettee deebista?

MAAL BARATTE?

Yesuus nuuf jedhee waan duʼeef Yihowaan cubbuu keenyaaf dhiifama nuuf godha, bara baraafis jiraachuu dandeenya.

Irra Deebii

  • Yesuus kan duʼe maaliifi?

  • Jireenyi Yesuus inni mudaa hin qabne furii wal gitu taʼuu kan dandaʼu karaa kamiini?

  • Duuti Yesuus si fayyaduu kan dandaʼu akkamitti?

Galma

QORANNOO DABALATAA GODHI

Jireenyi Yesuus inni mudaa hin qabne furii kan jedhame maaliif akka taʼe baradhu.

“Aarsaan Yesuus ‘Namoota Hedduudhaaf Furii’ kan Taʼu Akkamitti?” (Mata duree jw.org irratti baʼe)

Fayyina argachuuf maal gochuu akka qabnu ilaali.

“Yesuus ni Fayyisa—Akkamitti?” (Mata duree jw.org irratti baʼe)

Yihowaan cubbuuwwan ciccimoo taʼaniif illee dhiifama gochuu dandaʼaa?

“Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu” (Mata duree Masaraa Eegumsaa irratti ba’e)

Namichi tokko waaʼee aarsaa Kiristoos barachuunsaa eenyummaasaa jijjiiruuf kan isa gargaare akkamitti akka taʼe dubbisi.

“Ani Kana Booda Garba Yakkaa Miti” (Mata duree jw.org irratti baʼe)

a Cubbuu jechuun wanta dogoggora taʼe raawwachuu qofa miti. Sanyii Addaam taʼuu keenyaan Waaqayyo irraa adda baʼuu keenyas kan argisiisu dha.