Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 30

Michoonni Kee Duʼaan Dhabde Deebiʼanii Jiraachuu Dandaʼu!

Michoonni Kee Duʼaan Dhabde Deebiʼanii Jiraachuu Dandaʼu!

Duuti gadda guddaa geessisaa jira. Kitaabni Qulqulluun duʼa diina jedhee kan waamus kanaafi. (1 Qorontos 15:26) Barumsa 27⁠ffaa irratti Yihowaan diina kana akka injifatu baratteetta. Haa taʼu malee, namoonni hanga harʼaatti duʼan maal taʼu? Barumsa kana keessatti, abdii dinqisiisaa Yihowaan kenne kan biraa ilaalla, Yihowaan namoota biliyoonaan lakkaaʼaman gara jireenyaatti deebisee bara baraaf akka jiraatan godha. Eeyyee duʼaa isaan kaasa! Kun dhugumaan ni raawwatamaa? Namoonni kun samii irra jiraachuuf moo lafa irra jiraachuuf duʼaa kaafamu?

1. Yihowaan michoota keenya jaallannuu fi duʼaan dhabneef maal gochuu barbaada?

Yihowaan namoota duʼan gara jireenyaatti deebisuuf ni hawwa. Iyyoob inni nama amantii ture yoo duʼe illee Waaqayyo akka isa hin irraanfanne amanannaa qaba ture. Kanaafuu, Yihowaadhaan, “Ati [Awwaala keessaa] na waamta, anis nan owwaadha” jedheera.—Iyyoob 14:13-15 dubbisi.

2. Namoonni duʼan duʼaa akka kaafaman beekuu kan dandeenyu akkamitti?

Waaqayyo, Yesuus yeroo lafa irra turetti humna namoota duʼan duʼaa kaasuuf isa dandeessisu isaaf kenneera. Yesuus intala waggaa 12 fi ilma dubartii abbaa manaa irraa duʼe tokkoo duʼaa kaaseera. (Maarqos 5:41, 42; Luqaas 7:12-15) Yeroo booda immoo michuun isaa Alaazaar ni duʼe. Alaazaar duʼee erga awwaalamee guyyaa afur booda illee Yesuus duʼaa isa kaaseera. Gara Waaqayyootti kadhannaa erga dhiheessee booda, Yesuus sagalee isaa ol kaasee, “Alaazaar, as baʼi!” jedhe. “Namichi duʼe sunis miilli isaa fi harki isaa akka kafanametti gad baʼe.” (Yohaannis 11:43, 44) Mee yeroo kanatti maatiinii fi michoonni Alaazaar hammam akka gammadan yaadi!

3. Namoonni jaallattuu fi duʼaan dhabde abdii akkamii qabu?

Kitaabni Qulqulluun, ‘duʼaa kaʼuun’ akka jiru abdii kenneera. (Hojii Ergamootaa 24:15) Namoonni Yesuus bara duriitti duʼaa kaase gara samii hin dhaqne. (Yohaannis 3:13) Kanaa mannaa lafuma kana irra akka jiraataniif duʼaa isaan kaase; kunis isaan gammachiiseera. Haaluma wal fakkaatuun, Yesuus dhiheenyatti namoonni biliyoonaan lakkaaʼaman lafa jannata taatu irra bara baraaf akka jiraataniif duʼaa isaan kaasa. Yesuus “warri awwaala yaadannoo keessa jiran hundi” duʼaa akka kaafaman dubbateera; namoonni yoo isaan irraanfatan illee Waaqayyo waan isaan yaadatuuf duʼaa isaan kaasa.—Yohaannis 5:28, 29.

CAALAATTI BARADHU

Yesuus namoota duʼan duʼaa kaasuuf humna akka qabuu fi kanas akka godhu mirkanaaʼoo kan taane maaliif akka taʼe Kitaaba Qulqulluu irraa baradhu. Duʼaa kaʼuun si jajjabeessuu fi abdii siif kennuu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe baradhu.

4. Yesuus namoota duʼaa kaasuu akka dandaʼu mirkaneesseera

Yesuus michuu isaa Alaazaariif maal akka godhe caalaatti baradhu. Yohaannis 11:14, 38-44 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Alaazaar dhugumaan duʼee akka ture akkamitti beekna?—Lakkoofsa 39 ilaali.

  • Alaazaar gara samii dhaqeera utuu taʼee Yesuus gara lafaatti kan isa deebisu sitti fakkaataa?

VIIDIYICHA taphachiisaa.

5. Namoonni hedduun duʼaa ni kaafamu!

Faarfannaa 37:29 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Namoonni biliyoonaan lakkaaʼamanii fi duʼaa kaafaman eessa jiraatu?

Yesuus namoota Yihowaa waaqeffachaa turan dabalatee namoota hedduu duʼaa ni kaasa. Hojii Ergamootaa 24:15 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Namoota duʼaa kaafaman keessaa eenyuun arguu barbaadda?

Mee yaadi: Yesuus akkuma abbaan tokko ilma isaa hirriba irraa dammaqsu salphaadhumatti namoota duʼan duʼaa kaasuu dandaʼa

6. Duʼaa kaʼuun si jajjabeessuu fi abdii siif kennuu dandaʼa

Seenaan Kitaaba Qulqulluu waaʼee intala Yaayiros dubbatu namoota hedduu jajjabeesseera. Seenaa dhugaa Luqaas 8:40-42, 49-56 irratti galmeeffamee jiru dubbisaa.

Yesuus intala Yaayiros duʼaa kaasuu isaa dura, abbaa ishiitiin “Amani qofa malee hin sodaatin” jedhee ture. (Lakkoofsa 50 ilaali.) Abdiin duʼaa kaʼuu haalawwan armaan gadii keessatti si gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?

  • Yeroo nama jaallattu duʼaan dhabdu

  • Yeroo lubbuun kee balaadhaaf saaxilamu

VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffii armaan gadii irratti mariʼadhaa.

  • Abdiin duʼaa kaʼuu warra Filiisiitii kan jajjabeesse akkamitti?

NAMOONNI TOKKO TOKKO AKKANA JEDHU: “Namoonni duʼan lafa irra jiraachuuf utuu hin taʼin samii irra jiraachuuf duʼaa kaafamu.”

  • Atoo maal jetta?

  • Namoota duʼan keessaa hedduun isaanii duʼaa kan kaafaman lafa irra jiraachuuf akka taʼe ibsuuf caqasa kamitti fayyadamuu dandeessa?

MAAL BARATTE?

Kitaabni Qulqulluun namoonni duʼanii fi biliyoonaan lakkaaʼaman duʼaa akka kaafaman abdii kenneera. Yihowaan deebiʼanii akka jiraatan barbaada, duʼaa akka isaan kaasuufis Yesuusiif humna kenneera.

Irra Deebii

  • Yihowaa fi Yesuus namoota duʼan duʼaa kaasuuf akka hawwan akkamitti beekna?

  • Namoonni biliyoonaan lakkaaʼamanii fi duʼaa kaafaman samii irra moo lafa irra jiraatu? Akkas jettee kan deebiste maaliifi?

  • Namoonni jaallattuu fi duʼaan dhabde duʼaa akka kaʼan kan si amansiise maali dha?

Galma

QORANNOO DABALATAA GODHI

Gadda si mudate dandamachuuf wanta gochuu dandeessu baradhu.

“Gargaarsa Namoota Gaddi Irra Gaʼeef Taʼu” (Dammaqaa! Lakk. 3 2018)

Qajeelfamoonni Kitaaba Qulqulluu nama gaddaa jiru tokko gargaaruu ni dandaʼuu?

Nama Jaallannu Yeroo Duʼaan Dhabnu (5:06)

Ijoolleen gadda nama jaallatan yeroo duʼaan dhabanitti isaanitti dhagaʼamu dandamachuu kan dandaʼan akkamitti?

Furicha (2:07)

Namoonni samii irra jiraachuuf duʼaa kaafaman jiruu? Kan duʼaa hin kaafamne hoo eenyu faʼi?

“Duʼaa Kaʼuun Maali Dha?” (Mata duree jw.org irratti baʼe)