Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 33

Mootummaan Waaqayyoo Maal Raawwata?

Mootummaan Waaqayyoo Maal Raawwata?

Mootummaan Waaqayyoo samii irratti bulchaa jira. Dhiheenyattis lafa irratti bulchuu jalqaba, haala addunyaa irra jirus ni fooyyessa. Mee amma wantoota Mootummichi raawwatu tokko tokko haa ilaallu.

1. Mootummaan Waaqayyoo lafa irratti nagaa fi haqa kan fidu akkamitti?

Yesuus inni Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼe, namoota hamoo fi bulchiinsa ilmaan namootaa waraana Armaagedoon irratti ni balleessa. (Mulʼata 16:14, 16) Yeroo sanatti abdiin Kitaaba Qulqulluu, “Yeroo muraasaaf qofa malee, namoonni hamoon hin jiraatan” jedhu guutummaatti raawwatama. (Faarfannaa 37:10) Yesuus Mootummichatti fayyadamee nagaa fi haqni guutummaa lafaa irra akka jiraatu godha.—Isaayyaas 11:4 dubbisi.

2. Fedhiin Waaqayyoo lafa irratti yommuu raawwatamu jireenyi maal fakkaata?

Bulchiinsa Mootummaa Waaqayyoo jalatti, “qajeelonni lafa ni dhaalu, bara baraafis ishii irra ni jiraatu.” (Faarfannaa 37:29) Addunyaa namoota qajeeloo taʼaniin, akkasumas Yihowaa fi walii isaanii jaallataniin guutame keessa jiraachuun maal akka fakkaatu mee yaadi! Namni tokko illee hin dhukkubsatu, namni hundis bara baraaf jiraata.

3. Mootummaan Waaqayyoo namoonni hamoon erga balleeffamanii booda maal raawwata?

Namoonni hamoon erga balleeffamanii booda Yesuus waggaa 1,000f Mootii taʼee bulcha. Yeroo sanatti innii fi namoonni isa wajjin bulchan 144,000, namoonni lafa irra jiraatan mudaa kan hin qabne akka taʼanii fi cubbuu irraa walaba akka taʼan gargaaru. Yeroon sun yommuu xumuramu lafti gara jannata bareedduutti jijjiiramti; namoonni hundis seera Yihowaatiif waan ajajamaniif gammadoo taʼu. Achiis Yesuus Mootummicha Yihowaa isa Abbaa isaa taʼeef dabarsee kenna. Karaa kanaan dura matumaa taʼee hin beekneen, ‘maqaan Yihowaa ni qulqullaaʼa.’ (Maatewos 6:9, 10) Kunis Yihowaan Bulchaa gaarii warra isa jalatti bulaniif yaadu taʼuu isaa mirkaneessa. Sana booda Yihowaan Seexana, jinniiwwanii fi warra bulchiinsa isaa irratti finciluu filatan hunda ni balleessa. (Mulʼata 20:7-10) Achiis eebbi Mootummaan Waaqayyoo fidu bara baraaf itti fufa.

CAALAATTI BARADHU

Waaqayyo abdiiwwan Kitaaba Qulqulluu hunda raawwachuuf Mootummichatti akka fayyadamu kan amannu maaliif akka taʼe ilaali.

4. Mootummaan Waaqayyoo bulchiinsa namootaa ni balleessa

“Namni nama isa kan biraa irratti aangoo kan qabaate isa miidhuuf jedhee ti.” (Lallaba 8:9) Yihowaan Mootummaa isaatti fayyadamee jalʼina haqaa kana ni sirreessa.

Daaniʼel 2:44 fi 2 Tasalonqee 1:6-8 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Yihowaanii fi Ilmi isaa Yesuus bulchiinsa ilmaan namootaa fi warra isaan deeggaran irratti tarkaanfii akkamii fudhatu?

  • Wanti waaʼee Yihowaa fi waaʼee Yesuus baratte gochi isaanii haqaa fi sirrii akka taʼe kan siif mirkaneesse akkamitti?

5. Yesuus Mootii hunda irra caalu dha

Yesuus Mootii Mootummaa Waaqayyoo waan taʼeef wanta namoota lafa irra jiraatan fayyadu hedduu ni raawwata. Yesuus namoota gargaaruuf fedhii akka qabuu fi Waaqayyo humna akka isaaf kenne kan argisiise akkamitti akka taʼe ilaaluuf VIIDIYICHA taphachiisaa.

Yesuus lafa irra yeroo turetti wanta Mootummichi raawwatu hamma tokko argisiiseera. Eebbawwan as irratti tarreeffaman keessaa caalaatti isa kam arguuf hawwita? Caqasoota waaʼee eebbawwan kanaa ibsan dubbisaa.

YESUUS LAFA IRRA YEROO TURETTI . . .

YESUUS SAMII IRRA TAʼEE . . .

6. Mootummaan Waaqayyoo yeroo gaariin akka dhufu godha

Mootummichi kaayyoon Waaqayyo ilmaan namootaatiif qabu inni jalqabaa guutummaatti akka raawwatamu godha. Namoonni lafa jannata taatu irra bara baraaf jiraatu. Yihowaan kaayyoo isaa galmaan gaʼuuf Ilma isaa Yesuusitti kan fayyadamu akkamitti akka taʼe ilaaluuf VIIDIYICHA taphachiisaa.

Faarfannaa 145:16 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Yihowaan ‘fedhii uumamawwan jiraatoo hundumaa akka quubsu’ beekuu keetti maaltu sitti dhagaʼama?

NAMOONNI TOKKO TOKKO AKKANA JEDHU: “Hundi keenya walii gallee yoo hojjenne, rakkoowwan addunyaa furuu ni dandeenya.”

  • Rakkoowwan bulchiinsi ilmaan namootaa furuu hin dandeenyee fi Mootummaan Waaqayyoo furu kam faʼi?

MAAL BARATTE?

Mootummaan Waaqayyoo kaayyoo isaa galmaan ni gaʼa. Lafa kana gara jannata namoota gaggaarii bara baraaf Yihowaa waaqeffataniin guutametti jijjiira.

Irra Deebii

  • Mootummaan Waaqayyoo maqaa Yihowaa kan qulqulleessu akkamitti?

  • Mootummaan Waaqayyoo abdiiwwan Kitaaba Qulqulluu ni raawwata jennee kan amannu maaliifi?

  • Wantoota Mootummichi raawwatu keessaa caalaatti isa kam arguuf hawwita?

Galma

QORANNOO DABALATAA GODHI

Wantoota yeroo Yesuus waggaa 1,000f bulchutti raawwatamanii fi sana booda taʼan dubbisi.

“Guyyaa Firdiitti Maaltu Raawwatama?” (Masaraa Eegumsaa, Onkoloolessaa-Muddee 2012)

Maatiin tokko eebbawwan Mootummichi gara fuulduraatti fidu irratti yommuu xiinxalan ilaali.

Jannata Keessa Akka Galte Godhii Yaadi (1:50)

Mata duree “Gaaffiiwwan Na Jeeqan Hedduun Qaba Ture” jedhu keessatti namni qabsaaʼaa siyaasaa taʼe tokko furmaata barbaadaa ture akkamitti akka argate baradhu.

“Kitaabni Qulqulluu Jireenya Namootaa ni Jijjiira” (Mata duree Masaraa Eegumsaa irratti ba’e)