Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 35

Murtoo Gaarii Gochuun kan Dandaʼamu Akkamitti?

Murtoo Gaarii Gochuun kan Dandaʼamu Akkamitti?

Hundi keenya murtoon gochuu qabnu jira. Murtoowwan goonu keessaa baayʼeen isaanii nu irrattis taʼe michummaa Yihowaa wajjin qabnu irratti dhiibbaa guddaa geessisuu dandaʼu. Fakkeenyaaf, eessa jiraachuu akka qabnu, maallaqa nu barbaachisu akkamitti akka argannu ykn gaaʼela dhaabbachuu fi dhiisuuf murteessuun nu barbaachisuu dandaʼa. Murtoowwan gaggaarii yommuu goonu jireenya gammachiisaa jiraanna, Yihowaa gammachiisuus ni dandeenya.

1. Murtoowwan gaggaarii gochuuf Kitaaba Qulqulluutti fayyadamuu kan dandeessu akkamitti?

Murtoo tokko gochuu kee dura gargaarsa argachuuf Yihowaa kadhadhu, akkasumas Yihowaan dhimma sanaaf ilaalcha akkamii akka qabu beekuuf Kitaaba Qulqulluu qoradhu. (Fakkeenya 2:3-6 dubbisi.) Yihowaan haalawwan tokko tokko ilaalchisee ajaja ifa taʼe kenneera. Yeroo akkasiitti murtoon hunda irra caalu ajajawwan kana hojii irra oolchuu dha.

Haa taʼu malee, ajajni Kitaaba Qulqulluu ifa taʼee fi wanta gochuu qabdu ibsu hin jiru yoo taʼe hoo? Yeroo akkasiittis Yihowaan ‘karaa irra deemuu qabdu irra si geggeessa.’ (Isaayyaas 48:17) Akkamitti? Gama kanaan qajeelfamoonni si geggeessan jiraachuu dandaʼu. Qajeelfamoonni Kitaaba Qulqulluu, dhugaawwan buʼuuraa yaadaa fi miira Waaqayyoo ibsani dha. Yeroo baayʼee seenaa Kitaaba Qulqulluu tokko yommuu dubbisnu, ilaalcha Waaqayyo dhimma tokkoof qabu baranna. Ilaalcha Waaqayyo qabu yommuu hubannu immoo, murtoowwan isa gammachiisan gochuu dandeenya.

2. Murtoo gochuu kee dura maal irratti yaaduu qabda?

Kitaabni Qulqulluun, “Namni abshaalli . . . tarkaanfii isaa hundumaa irratti xiinxala” jedha. (Fakkeenya 14:15) Kana jechuun murtoo tokko gochuu keenya dura yeroo fudhannee filannoowwan qabnu irratti yaaduu qabna jechuu dha. Filannoo qabdu hunda irratti yeroo yaaddu akkana jedhii of gaafadhu: ‘Qajeelfamoonni Kitaaba Qulqulluu na gargaaruu dandaʼan kam faʼi? Nagaa sammuu kan naaf kennu filannaa isa kami? Murtoon koo warra kaan irratti dhiibbaa kan godhu akkamitti? Hunda caalaa immoo, murtoon koo Yihowaa ni gammachiisaa?’—Keessa Deebii 32:29.

Yihowaan wanti gaariinii fi wanti gaarii hin taane maal akka taʼe nutti himuuf mirga qaba. Seerawwanii fi qajeelfamoota isaa akka gaariitti beeknee hordofuuf yommuu murteessinu qalbii keenya leenjisaa jirra jechuu dha. Qalbiin dandeettii keessa keenya jiruu fi wanta sirrii taʼee fi wanta dogoggora taʼe adda baasnee beekuuf nu gargaaru dha. (Roomaa 2:14, 15) Qalbiin leenjiʼe murtoo gaarii gochuuf nu gargaara.

CAALAATTI BARADHU

Qajeelfamoonni Kitaaba Qulqulluu fi qalbiin keenya murtoo gochuuf akkamitti akka nu gargaaran baradhu.

3. Kitaabni Qulqulluun akka si qajeelchu godhi

Murtoo yeroo goonu qajeelfamoonni Kitaaba Qulqulluu nu qajeelchuu kan dandaʼan akkamitti? VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa.

  • Mirga filannaa jechuun maal jechuu dha?

  • Yihowaan mirga filannaa kan nuu kenne maaliifi?

  • Mirga filannaa keenyatti karaa hunda irra caaluun akka itti fayyadamnu nu gargaaruuf maal nuu kenneera?

Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu tokko akka fakkeenyaatti ilaaluuf, Efesoon 5:15, 16 dubbisaa. Achiis wantoota armaan gadiitiif ‘yeroo keessanitti akka gaariitti fayyadamuu’ kan dandeessan akkamitti akka taʼe mariʼadhaa:

  • Yeroo hunda Kitaaba Qulqulluu dubbisuuf.

  • Hiriyaa gaaʼelaa, warra, ilma ykn intala gaarii taʼuuf.

  • Walgaʼiiwwan gumii irratti argamuuf.

4. Murtoo gaarii gochuuf qalbii kee leenjisi

Dhimma tokko ilaalchisee ajajni Kitaaba Qulqulluu ifa taʼe yeroo jiraatutti filannaa sirrii gochuun salphaa fakkaachuu dandaʼa. Haa taʼu malee, ajajni ifa taʼe yeroo hin jiraannetti hoo? VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffii armaan gadii irratti mariʼadhaa.

  • Obboleettiin viidiyicha irratti ibsamte, qalbii ishii leenjisuu fi murtoo Yihowaa gammachiisu gochuuf tarkaanfiiwwan akkamii fudhatteetti?

Warri kaan murtoo nuti gochuu qabnu akka nuuf godhan gaafachuu kan hin qabne maaliifi? Ibroota 5:14 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Namoonni kaan murtoo akka nuuf godhan gaafachuun salphaa fakkaatus, ofuma keenyaan maal gargar baafachuu qabna?

  • Wantoonni qalbii kee leenjisuu fi murtoo gaarii gochuu akka dandeessu si gargaaruuf qophaaʼan maal faʼi?

Qalbiin keenya akkuma kaartaa jireenya keenya keessatti nu qajeelcha

5. Qalbii warra kaanii kabaji

Namoonni adda addaa murtoo garaa garaa godhu. Maarree qalbii namoota kaanii akka kabajnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Mee haalawwan lama haa ilaallu:

Haala 1: Obboleettiin meekaappii dibachuu jaallattu takka gumii obboleettonni wanti akkasii isaan jeequ baayʼeen keessatti argaman deemte.

Roomaa 15:1 fi 1 Qorontos 10:23, 24 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Caqasoota kana irratti hundaaʼuudhaan obboleettiin sun murtoo akkamii gochuu dandeessi? Atoo nama wanta qalbiin kee akka gootu siif heyyamu qalbiin isaa akka hin goone isa dhowwu waliin utuu taatee maal goota?

Haala 2: Obboleessi tokko Kitaabni Qulqulluun dhugaatii alkoolii hamma tokko dhuguu akka hin balaaleffanne beeka; taʼus dhuguu dhiisuuf filateera. Obboleessi kun qophii tokko irratti argamee obboloonni dhugaatii alkoolii yommuu dhugan arge.

Lallaba 7:16 fi Roomaa 14:1, 10 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Caqasoota kana irratti hundaaʼuudhaan, obboleessi sun maal gochuu dandaʼa? Namni tokko wanta qalbiin kee akka gootu siif hin heyyamne tokko yommuu godhu yoo argite maal goota?

 Murtoo gaarii gochuuf tarkaanfii akkamii fudhachuu qabda?

1. Maal gochuu akka qabdu murteessuuf akka si gargaaru Yihowaa gaafadhu.Yaaqoob 1:5.

2. Qajeelfamoota hojii irra oolchuu dandeessu argachuuf, Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan irratti qorannoo godhi. Kiristiyaanota muuxannoo qabanis gorsa gaafachuu dandeessa.

3. Murtoon gootu qalbii kee irrattis taʼe qalbii warra kaanii irratti dhiibbaa akkamii akka godhu yaadi.

NAMOONNI TOKKO TOKKO AKKANA JEDHU: “Wantan barbaade gochuuf mirga qaba. Wanti namoonni jedhan na hin yaaddessu.”

  • Wanti Waaqayyoo fi namoota kaanitti dhagaʼamu nu yaaddessuu kan qabu maaliifi?

MAAL BARATTE?

Dhimma tokko ilaalchisee Yihowaatti maaltu akka dhagaʼamu beekuunii fi gochi keenya namoota kaan kan fayyadu ykn kan miidhu taʼuu fi dhiisuu isaa irratti yaaduun murtoo gaarii gochuuf nu gargaara.

Irra Deebii

  • Murtoo Yihowaa gammachiisu gochuu kan dandeessu akkamitti?

  • Qalbii kee leenjisuu kan dandeessu akkamitti?

  • Qalbii namoota kaanii akka kabajju argisiisuu kan dandeessu akkamitti?

Galma

QORANNOO DABALATAA GODHI

Murtoo michummaa Waaqayyoo wajjin qabdu siif cimsu gochuu kan dandeessu akkamitti?

“Murtoo Waaqayyoof Ulfina Fidu Godhi” (Masaraa Eegumsaa, Ebla 15, 2011)

Akkaataa itti Yihowaan gorsa nuuf kennu ilaalchisee hubannaa qabdu guddifadhu.

Yihowaan Saba Isaa ni Geggeessa (9:50)

Namni tokko murtoo ulfaataa taʼe akka godhu kan isa gargaare maal akka taʼe ilaali.

Yihowaan Wanti Hundi Gaarii Akka Taʼu Waadaa Galeera (5:46)

Yihowaan dhimma tokko ilaalchisee qajeelfama ifa taʼe yeroo hin kenninetti isa gammachiisuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe caalaatti baradhu.

“Yeroo Hunda Seerri Kitaaba Qulqulluu Si Barbaachisaa?” (Masaraa Eegumsaa, Muddee 1, 2003)