Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 37

Kitaabni Qulqulluun Hojii fi Maallaqa Ilaalchisee Maal Jedha?

Kitaabni Qulqulluun Hojii fi Maallaqa Ilaalchisee Maal Jedha?

Waaʼeen hojii ykn waaʼeen maallaqaa si yaaddessee beekaa? Wanta jireenyaaf nu barbaachisu guuttachaa waaqeffannaa Yihowaadhaaf malu dhiheessuun ulfaataa taʼuu dandaʼa. Kitaabni Qulqulluun gama kanaan gorsa nu gargaaruu dandaʼu nuuf kenna.

1. Kitaabni Qulqulluun hojii ilaalchisee maal jedha?

Waaqayyo hojii keenyatti akka gammannu barbaada. Kitaabni Qulqulluun, “Hojii isaa isa jabaatee hojjetetti gammachuu argachuu caalaa wanti namaaf gaarii taʼe tokko illee hin jiru” jedha. (Lallaba 2:24) Yihowaan jabaatee hojjeta. Nutis jabaannee hojjechuudhaan fakkeenya Yihowaa yommuu hordofnu isa gammachiisna, ofii keenyaafis gammachuu arganna.

Hojiin barbaachisaa dha. Haa taʼu malee, waaqeffannaa Yihowaadhaaf dhiheessinu caalaa matumaa iddoo guddaa kennuufii hin qabnu. (Yohaannis 6:27) Yihowaan yommuu dursa isaaf kenninu wanta jireenyaaf nu barbaachisu akka nuuf guutu waadaa galeera.

2. Maallaqaaf ilaalcha akkamii qabaachuu qabna?

Kitaabni Qulqulluun, “maallaqni eegumsa [akka] argamsiisu” kan dubbatu taʼus, maallaqni qofti gammachuu akka hin argamsiisnes ni akeekkachiisa. (Lallaba 7:12) Kanaafuu, maallaqa jaallachuu mannaa ‘wantoota amma qabnutti gammannee akka jiraannu’ jajjabeeffamneerra. (Ibroota 13:5 dubbisi.) Wantoota qabnutti gammannee kan jiraannu yoo taʼe, yeroo hundumaa wanta gaʼaa akka hin qabne yaaduudhaan gammachuu keenya hin dhabnu. Idaa hin barbaachisne keessas hin gallu. (Fakkeenya 22:7) Kana malees, qumaaraa fi hojiiwwan yeroo gabaabaa keessatti nama sooromsu jedhamanii yaadaman keessa akka hin galle nu gargaara; hojiiwwan akkasii balaa qabaachuu dandaʼu.

3. Karaa ofittummaa irraa walaba taʼeen maallaqatti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?

Yihowaan Waaqa arjaa dha, nutis ‘arjootaa fi warra kaaniif hiruuf qophaaʼoo yommuu taanu’ fakkeenya isaa hordofna. (1 Ximotewos 6:18) Gumii deggeruu fi warra gargaarsi isaan barbaachisu, keessumaa immoo obboloota keenya gargaaruudhaan maallaqa keenyatti karaa ofittummaa irraa walaba taʼeen itti fayyadamuu dandeenya. Yihowaan xiyyeeffannaa guddaa kan kennu hamma nuti kenninuuf utuu hin taʼin kakaʼumsa keenyaafi. Garaadhaa kakaanee arjummaadhaan yommuu kenninu gammachuu arganna; Yihowaanis nutti gammada.—Hojii Ergamootaa 20:35 dubbisi.

CAALAATTI BARADHU

Hojiidhaaf ilaalcha sirrii qabaachuunii fi wantoota qabnutti gammannee jiraachuun faayidaa akkamii akka argamsiisu hubadhu.

4. Akkaataa itti hojjettuun Yihowaadhaaf ulfina kenni

Michummaan Yihowaa wajjin qabnu ilaalcha hojiidhaaf qabnu irratti jijjiirama fiduu qaba. VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa.

  • Viidiyoo kana irratti, ilaalchaa fi amala Jeesan bakka hojiitti qabu ilaalchisee wanti si dinqisiise maali dha?

  • Hojiidhaaf ilaalcha sirrii qabaachuuf maal godheera?

Qolosaayis 3:23, 24 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Jabaannee hojjechuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

Hojiin barbaachisaa dha. Haa taʼu malee, waaqeffannaa Yihowaadhaaf dhiheessinu caalaa matumaa iddoo guddaa kennuufii hin qabnu

5. Wanta qabnutti gammannee jiraachuun nu fayyada

Namoonni hedduun hamma dandaʼan maallaqa walitti qabachuuf yaalu. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun wanta kana irraa adda taʼe akka goonu nu jajjabeessa. Ximotewos Tokkoffaa 6:6-8 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Kitaabni Qulqulluun maal akka goonu nu jajjabeessa?

Wanti qabnu xinnoo taʼu illee, gammachuu qabaachuu dandeenya. VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffii armaan gadii irratti mariʼadhaa.

  • Maatiiwwan kun maallaqni qaban muraasa taʼus wanti gammachuu argachuuf isaan gargaare maali dha?

Taʼus utuu wanta baayʼee qabnuu wanta dabalataa yoo barbaanne hoo? Kun balaa akka qabu Yesuus fakkeenyaan ibseera. Luqaas 12:15-21 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Fakkeenya Yesuus kenne irraa maal baratte?—Lakkoofsa 15 ilaali.

Fakkeenya 10:22 fi 1 Ximotewos 6:10 dubbisaatii wal bira qabaa ilaalaa. Achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Wanti caalaatti barbaachisaa taʼe isa kam sitti fakkaata? Yihowaa wajjin michummaa qabaachuu dha moo maallaqa hedduu qabaachuu dha? Maaliif?

  • Yeroo hundumaa maallaqa dabalataa argachuuf carraaqqii gochuun miidhaa akkamii geessisa?

6. Yihowaan wanta jireenyaaf nu barbaachisu nuuf kenna

Hojiinii fi rakkinni maallaqaa amantii Yihowaa irratti qabnu qoruu dandaʼu. Qorumsa akkasii akkamitti dandamachuu akka dandeenyu beekuuf VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa.

  • Viidiyicha irraa akka hubannutti, rakkoowwan obboleessa kana mudatan maal faʼi?

  • Rakkoowwan kana milkaaʼinaan dandamachuuf maal godhe?

Maatewos 6:25-34 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Yihowaan warra isaaf dursa kennaniif maal gochuuf waadaa galeera?

NAMOONNI TOKKO TOKKO AKKANA JEDHU: “Maatii koo deggeruuf jabaadhee hojjechuun qaba. Kanaafuu, torban torbaniin gumii irratti argamuu hin dandaʼu.”

  • Caqasni waaqeffannaa Yihowaatiif dursa kennuun yeroo hundumaa murtoo gaarii taʼuu isaa si amansiise isa kami?

MAAL BARATTE?

Hojii fi maallaqni barbaachisaa dha, haa taʼu malee, Yihowaa tajaajiluu irraa xiyyeeffannaan keenya akka hihhiramu gochuu hin qaban.

Irra Deebii

  • Hojiidhaaf ilaalcha sirrii qabaachuuf maaltu si gargaaruu dandaʼa?

  • Wanta qabdutti gammaddee jiraachuun kan si fayyadu akkamitti?

  • Waadaa Yihowaan saba isaa kunuunsuuf gale irratti amanannaa akka qabdu argisiisuu kan dandeessu akkamitti?

Galma

QORANNOO DABALATAA GODHI

Kitaabni Qulqulluun maallaqa ilaalchisee maal akka jedhu qori.

“Maallaqni Hundee Wantoota Miidhaa Geessisan Hundumaa Tii?” (Mata duree jw.org irratti baʼe)

Waaqayyoon gammachiisuuf maallaqa keenyatti akkamitti fayyadamuu akka qabnu baradhu.

“Kitaabni Qulqulluun Kennaa Kennuu Ilaalchisee Maal Jedha?” (Mata duree jw.org irratti baʼe)

Namni qumaara taphachaa fi hataa ture tokko akkaataa jireenyaa isaa jijjiiruuf kan isa kakaase maal akka taʼe dubbisi.

“Dorgommii Farda Gulufsiisuu Baay’een Jaalladhan Ture” (Mata duree Masaraa Eegumsaa irratti ba’e)