Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 40

Waaqayyo Duratti Qulqulluu Taʼuu kan Dandeenyu Akkamitti?

Waaqayyo Duratti Qulqulluu Taʼuu kan Dandeenyu Akkamitti?

Haati mucaa ishii jaallattu takka ilma ishii mana barumsaatti erguuf qopheessaa akka jirtu godhii yaadi. Mucichi qulqulluu taʼuu isaa, uffanni isaas qulqulluu taʼuu fi sirreeffamuu isaa mirkaneeffatti. Kunis mucaan sun fayya buleessa akka taʼu godha, akkasumas warri isaa akka isa kunuunsan argisiisa. Haaluma wal fakkaatuun, Abbaan keenya Yihowaan inni jaalala qabeessa taʼe karaa qaamaa fi karaa naamusaa qulqulluu akka taanu barbaada. Qulqulluu taʼuun keenya nu fayyada; isaafis ulfina fida.

1. Karaa qaamaa qulqulluu taʼuu kan dandeenyu akkamitti?

Yihowaan “Qulqulloota taʼaa” nuun jedheera. (1 Pheexiros 1:16) Qulqulluu taʼuun qulqullina qaamaa fi naamusaa wajjin wal qabata. Yeroo hundumaa qaama keenya dhiqachuudhaan, akkasumas uffata keenya, mana keenyaa fi konkolaataa keenya qulqulleessuudhaan qulqullina keenya eeggachuu dandeenya. Galma Walgaʼii keenya qulqulleessuu irrattis hirmaachuu dandeenya. Karaa qaamaa qulqulluu taʼuudhaan Yihowaan ulfina akka argatu goona.—2 Qorontos 6:3, 4.

2. Qulqulluu taʼuuf barsiifatawwan akkamii irraa fagaachuu qabna?

Kitaabni Qulqulluun, ‘wanta foonii fi hafuura xureessu hundumaa irraa akka of qulqulleessinu’ nu gorsa. (2 Qorontos 7:1) Kanaafuu wanta qaama keenya ykn sammuu keenya miidhu kam irraa iyyuu fagaachuuf carraaqqii goona. Wanti yaannu Yihowaa kan gammachiisu taʼuu qaba; yaadawwan sirrii hin taane irraa fagaachuuf wanta nuuf dandaʼame hunda kan goonus kanaafi. (Faarfannaa 104:34) Dubbiin keenyas qulqulluu akka taʼu gochuuf ni carraaqna.—Qolosaayis 3:8 dubbisi.

Wanti karaa qaamaa ykn karaa naamusaa nu xureessuu dandaʼu kan biraan hoo maali dha? Wantoonni tokko tokko qaama keenya miidhuu dandaʼu. Kanaafuu tamboo xuuxuu, jimaa qamaʼuu fi bashannanaaf jecha qoricha sammuu namaa hadoochu fudhachuu irraa of qusachuu qabna. Wantoota kana irraa fagaachuudhaan fayya buleeyyii taʼuu fi jireenya isa kennaa taʼeef kabaja akka qabnu argisiisna. Barsiifatawwan xuraaʼoo kan akka maastarbeeshinii a fi poornoogiraafii b ilaaluu irraa fagaachuudhaanis karaa naamusaa qulqulluu taanee jiraachuuf carraaqqii goona. (Faarfannaa 119:37; Efesoon 5:5) Barsiifatawwan kana mooʼuun ulfaataa taʼus gargaarsa Yihowaatiin mooʼuu ni dandeenya.—Isaayyaas 41:13 dubbisi.

CAALAATTI BARADHU

Karaa qaamaa qulqulluu taʼuun keenya Yihowaadhaaf ulfina kan fidu akkamitti akka taʼee fi barsiifatawwan xuraaʼoo akkamitti mooʼuun akka dandaʼamu baradhu.

3. Karaa qaamaa qulqulluu taʼuun Yihowaadhaaf ulfina fida

Ajaja saba Israaʼel duriitiif kenne qoruudhaan ilaalcha Yihowaan qulqullinaaf qabu hubachuu dandeenya. Baʼuu 19:10 fi 30:17-19 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Caqasoonni kun ilaalcha Yihowaan qulqullinaaf qabu ilaalchisee maal ibsu?

  • Barsiifatawwan gaggaariin karaa qaamaa qulqulluu taʼuuf si gargaaran kam faʼi?

Karaa qaamaa qulqulluu taʼuun yeroo fi carraaqqii gaafata. Taʼus kan jiraannu eessa iyyuu yoo taʼe ykn qabeenyi qabnu hammam iyyuu yoo taʼe karaa qaamaa qulqulluu taʼuu ni dandeenya. VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffii armaan gadii irratti mariʼadhaa.

  • Qabeenya keenya qulqullinaan qabuun namoonni hojii lallabaa keenya akka kabajan kan godhu akkamitti?

4. Barsiifatawwan gadhee mooʼi

Yihowaan barsiifata gadhee akkamii iyyuu akka injifannu nu gargaaruu dandaʼa

Tamboo kan xuuxxu ykn bashannanaaf jettee qoricha sammuu namaa hadoochu kan fudhattu yoo taʼe barsiifata kana mooʼuun hammam ulfaataa akka taʼe beekta. Maarree maaltu si gargaara? Dhiibbaa barsiifanni akkasii si irraan geessisu hubadhu. Maatewos 22:37-39 dubbisaa, achiis barsiifanni akkasii haalawwan armaan gadii irratti dhiibbaa kan geessisu akkamitti akka taʼe mariʼadhaa:

  • Michummaa namni tokko Yihowaa wajjin qabu irratti.

  • Maatii keenyaa fi namoota kan biroo nu wajjin jiran irratti.

Barsiifata gadhee tokko mooʼuuf karoora baafadhu. c VIIDIYICHA taphachiisaa.

Filiphisiyus 4:13 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Namni tokko yeroo hunda kadhachuun, Kitaaba Qulqulluu qoʼachuunii fi walgaʼii irratti argamuun isaa barsiifata gadhee mooʼuuf kan isa gargaaru akkamitti?

5. Yaadawwanii fi gochawwan xuraaʼoo taʼan irraa fagaadhu

Qolosaayis 3:5 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Poornoogiraafiin, seeksitiingii d fi maastarbeeshiniin Yihowaa duratti gochawwan xuraaʼoo taʼuu isaanii akkamitti beekna?

  • Yihowaan gama naamusaatiin qulqulluu akka taanu nu irraa eeguun isaa sirrii sitti fakkaataa? Maaliif?

Yaadawwan xuraaʼoo taʼan irraa fagaachuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe hubadhu. VIIDIYICHA taphachiisaa.

Yesuus fakkeenya karaa naamusaa qulqulluu taanee jiraachuuf tarkaanfii cimaa fudhachuu akka qabnu ibsu dubbateera. Maatewos 5:29, 30 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • As irratti Yesuus qaama keenya akka miinu utuu hin taʼin, tarkaanfii fudhachuu akka qabnu dubbachaa jira. Namni tokko yaadawwan xuraaʼoo taʼan irraa fagaachuuf tarkaanfii cimaa akkamii fudhachuu dandaʼa? e

Yaadawwan xuraaʼoo taʼan sammuu kee keessaa baasuuf qabsoo gochaa jirta yoo taʼe Yihowaan carraaqqii gootuuf iddoo guddaa kenna. Faarfannaa 103:13, 14 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Barsiifata xuraaʼaa tokkoo wajjin waldhaansoo gochaa jirta yoo taʼe caqasni kun qabsoo gochuu kee akka itti fuftu kan si jajjabeessu akkamitti?

Abdii hin kutatin!

Tarii ‘Naaf hin milkoofne, kanaafuu dhiisuu naa wayya’ jettee yaadda taʼa. Mee fakkeenya tokko haa ilaallu: Atileetiin fiigicha maaraatoonii irratti hirmaatu tokko gufatee waan kufeef qofa dorgommicha irratti mooʼameera jechuu miti ykn duubatti deebiʼee akka haaraatti dorgommicha jalqabuu qaba jechuu miti. Haaluma wal fakkaatuun, barsiifanni tokko yoo sitti deebiʼe qabsoo barsiifata sanaa wajjin gootu irratti mooʼamteetta jechuu miti. Carraaqqiin hanga ammaatti gootes gatii hin qabu jechuu miti. Qabsoo barsiifata gadhee injifachuuf goonu irratti yeroo tokko tokko mooʼamuun waanuma jiru dha. Kanaafuu abdii hin kutatin! Gargaarsa Yihowaatiin barsiifata gadhee kana injifachuu dandeessa.

NAMOONNI TOKKO TOKKO AKKANA JEDHU: “Araada waan natti taʼeef dhiisuu hin dandaʼu.”

  • Namni tokko gargaarsa Yihowaatiin barsiifata gadhee tokko dhiisuu akka dandaʼu ibsuuf caqasa kamitti fayyadamuu dandeessa?

MAAL BARATTE?

Qaamni keenya, sammuun keenyaa fi amalli keenya qulqulluu akka taʼu gochuudhaan Yihowaa gammachiisuu dandeenya.

Irra Deebii

  • Qulqulluu taʼuun baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

  • Karaa qaamaa qulqulluu taʼuu kan dandeessu akkamitti?

  • Yaadaa fi amala kee qulqulluu gochuu kan dandeessu akkamitti?

Galma

QORANNOO DABALATAA GODHI

Qabeenyi qabdu muraasa yoo taʼe illee karaa qaamaa qulqulluu taʼuuf wantoota sasalphaa akkamii gochuu dandeessa?

Fayyaa fi Qulqullina Eeggachuu—Harka Dhiqachuu (3:01)

Tamboo xuuxuu dhiisuuf tarkaanfiiwwan akkamii fudhachuu akka dandeessu hubadhu.

“Tamboo Xuuxuu Dhiisuun kan Dandaʼamu Akkamitti?” (Dammaqaa!, Caamsaa 2010)

Poornoogiraafiin miidhaa akkamii akka geessisu qoradhu.

“Poornoogiraafiin Miidhaa Qabaa?” (Mata duree Masaraa Eegumsaa irratti ba’e)

Namni tokko araada poornoogiraafii ilaaluu kan mooʼe akkamitti akka taʼe dubbisi.

“Yeroo Baayʼee Moʼamus Dhuma Irratti Naaf Milkaaʼeera” (Mata duree Masaraa Eegumsaa irratti ba’e)

a Maastarbeeshiniin qaama saalaa ofii sukkuumuudhaan gammaduu argisiisa.

b Poornoogiraafiin viidiyoo, suuraa, ergaa fi sagalee fedhii saalqunnamtii kakaasuuf qopheeffaman argisiisa.

c Mata dureen “Tamboo Xuuxuu Dhiisuun kan Dandaʼamu Akkamitti?” jedhu araada kana mooʼuuf tarkaanfiiwwan akkamii fudhachuun akka dandaʼamu ibsa; mata dureen kun kutaa Qorannoo Dabalataa Godhi jedhuu fi barumsa kana keessatti argamu jala jira.

d Seeksitiingiin meeshaalee elektiroonikiitiin ergaawwan, suuraawwan ykn viidiyoowwan naamusaan ala taʼan erguu argisiisa.

e Yaada barsiifata maastarbeeshinii mooʼuuf si gargaaru argachuuf mata duree “Barsiifata Maastarbeeshinii Moʼuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?” jedhuu fi kitaaba Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname Jildii 1, boqonnaa 25 irratti argamu ilaali.