Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 41

Kitaabni Qulqulluun Saalqunnamtii Ilaalchisee Maal Jedha?

Kitaabni Qulqulluun Saalqunnamtii Ilaalchisee Maal Jedha?

Namoonni hedduun waaʼee saalqunnamtii dubbachuun isaan qaanessa. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun waaʼee saalqunnamtii ifatti, garuu immoo karaa kabaja qabuun dubbata. Dhimma kana ilaalchisee wanti inni dubbatus nu fayyada. Kitaabni Qulqulluun, Yihowaa isa Uumaa keenya taʼe biraa waan dhufeef, kan nu fayyadu taʼuun isaa kanuma eegamu dha. Yihowaan wanti hunda caalaa nuuf wayyu maal akka taʼe beeka. Gochi keenya akkamitti isa gammachiisuu akka dandaʼuu fi wanti gammachuudhaan bara baraaf jiraachuuf nu gargaaru maal akka taʼe nutti hima.

1. Yihowaan saalqunnamtiidhaaf ilaalcha akkamii qaba?

Saalqunnamtiin kennaa Yihowaa biraa argame dha. Dhiirrii fi dubartiin gaaʼela godhatan saalqunnamtii irraa gammachuu akka argatan barbaada. Kennaan kun hiriyoonni gaaʼelaa ijoollee akka godhatan qofa utuu hin taʼin, jaalala waliif qaban karaa sirrii fi gammachiisaa taʼeen akka walii ibsan isaan gargaara. Dubbiin Waaqayyoo, “Haadha manaa dargaggummaa [keetti] gammadi” kan jedhu kanaafi. (Fakkeenya 5:18, 19) Yihowaan Kiristiyaanonni gaaʼela godhatan hiriyaa gaaʼelaa isaaniitiif amanamoo akka taʼan isaan irraa eega; kanaafuu matumaa ejja hin raawwatan.—Ibroota 13:4 dubbisi.

2. Halalummaan maali dha?

Kitaabni Qulqulluun, “Warri halaleen . . . Mootummaa Waaqayyoo hin dhaalan” jedha. (1 Qorontos 6:9, 10) Barreessitoonni Kitaaba Qulqulluu Afaan Giriikiitiin barreessan halalummaa ibsuuf, jecha poorniyaa jedhutti fayyadamaniiru. Jechi kun (1) saalqunnamtii a namoota seeraan gaaʼela hin godhanne gidduutti raawwatamu, (2) saalqunnamtii saala wal fakkaatu gidduutti raawwatamuu fi (3) saalqunnamtii bineeldotaa wajjin raawwatamu kan dabalatu dha. ‘Halalummaa irraa yommuu fagaannu,’ Yihowaa ni gammachiisna, ofii keenyaafis faayidaa arganna.—1 Tasalonqee 4:3.

CAALAATTI BARADHU

Halalummaa irraa fagaachuu kan dandeessu akkamitti akka taʼee fi karaa naamusaa qulqulluu taatee jiraachuun kan si fayyadu akkamitti akka taʼe baradhu.

3. Halalummaa irraa baqadhu

Namni amanamaan Yoseef jedhamu karaa naamusaa qulqulluu taʼee jiraachuuf carraaqqii guddaa godheera. Uumama 39:1-12 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Yoseef akka baqatu kan isa kakaase maali dha?—Lakkoofsa 9 ilaali.

  • Yoseef murtoo sirrii kan godhe sitti fakkaataa? Maaliif?

Dargaggoonni yeroo harʼaatti fakkeenya Yoseef hordofuu fi halalummaa irraa baqachuu kan dandaʼan akkamitti? VIIDIYICHA taphachiisaa.

Yihowaan hundi keenya iyyuu halalummaa irraa akka fagaannu barbaada. Qorontos Tokkoffaa 6:18 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Haalawwan namni tokko halalummaa akka raawwatu isa taasisan tokko tokko kam faʼi?

  • Halalummaa irraa baqachuu kan dandeessu akkamitti?

4. Qorumsa si mudatu moʼuu ni dandeessa

Wanti qorumsa halalummaa akka raawwattuuf si mudatu dandamachuun akka sitti ulfaatu gochuu dandaʼu maali dha? VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffii armaan gadii irratti mariʼadhaa.

  • Obboleessi viidiyicha irratti ibsame, yaanni isaa fi gochi isaa haadha manaa isaatiif akka hin amanamne isa taasisuu akka dandaʼu yommuu hubatu maal godhe?

Kiristiyaanonni amanamoo taʼan illee yeroo tokko tokko yaada qulqulluu qabaachuuf qabsoo gochuun isaan barbaachisa. Wantoota naamusaan ala taʼan irra deddeebitee yaaduu irraa fagaachuu kan dandeessu akkamitti? Filiphisiyus 4:8 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Wantoota akkamii irratti yaaduu qabna?

  • Kitaaba Qulqulluu dubbisuunii fi hojiin Yihowaa akka nuuf baayʼatu gochuun, qorumsa cubbuu akka raawwannu nu irra gaʼu dandamachuuf kan nu gargaaru akkamitti?

5. Ulaagaaleen Yihowaa nu fayyadu

Yihowaan wanta hunda caalaa nuuf wayyu beeka. Karaa naamusaa qulqulluu taʼuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼee fi akkas gochuun faayidaawwan akkamii akka qabu nutti hima. Fakkeenya 7:7-27 dubbisaa ykn VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa.

  • Dargaggeessi kun haala qorumsaaf isa saaxilu keessa kan gale akkamitti?—Fakkeenya 7:8, 9 ilaali.

  • Fakkeenyi 7:23, 26 akka jedhutti, halalummaan miidhaa guddaa geessisa. Karaa naamusaa qulqulluu taanee yoo jiraanne rakkoowwan akkamii irraa baraaramna?

  • Karaa naamusaa qulqulluu taʼuun gammachuudhaan bara baraaf jiraachuuf kan nu gargaaru akkamitti?

Namoonni tokko tokko wanti Kitaabni Qulqulluun saalqunnamtii saala wal fakkaataa gidduutti raawwatamu ilaalchisee dubbatu jaalala irratti kan hundaaʼe miti jedhanii dubbatu. Haa taʼu malee, Yihowaan inni Waaqa jaalalaa taʼe namni hundi gammachuudhaan bara baraaf akka jiraatu barbaada. Bara baraaf jiraachuuf immoo ulaagaalee isaa wajjin wal simnee jiraachuu qabna. Qorontos Tokkoffaa 6:9-11 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Akka ilaalcha Yihowaatti wanti dogoggora taʼe saalqunnamtii saala wal fakkaatu gidduutti raawwatamu qofa dhaa?

Waaqayyoon gammachiisuuf, hundi keenya jijjiirama tokko tokko gochuu qabna. Maarree akkas gochuuf carraaquun kee faayidaa qabaa? Faarfannaa 19:8, 11 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Ulaagaaleen naamusaa Yihowaan baase sirrii sitti fakkaataa? Maaliif?

Yihowaan namoonni hedduun ulaagaalee naamusaa isaa akka eegan isaan gargaareera. Siinis si gargaaruu ni dandaʼa

NAMOONNI TOKKO TOKKO AKKANA JEDHU: “Namoonni lama hamma wal jaallatanitti saalqunnamtii raawwachuun isaanii rakkina hin qabu.”

  • Atoo maal jetta?

MAAL BARATTE?

Saalqunnamtiin kennaa Yihowaan haati manaa fi abbaan manaa akka itti gammadaniif kenne dha.

Irra Deebii

  • Halalummaan maalfaa dabalata?

  • Halalummaa irraa fagaachuuf maaltu nu gargaara?

  • Ulaagaalee naamusaa Yihowaa hordofuun kan nu fayyadu akkamitti?

Galma

QORANNOO DABALATAA GODHI

Waaqayyo dhiirri tokkoo fi dubartiin takka seeraan gaaʼela akka godhatan kan barbaadu maaliif akka taʼe qoradhu.

“Gaaʼela Utuu hin Dhaabbatin Waliin Jiraachuu Ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?” (Mata duree jw.org irratti baʼe)

Barumsi Kitaaba Qulqulluu saalqunnamtiin saala wal fakkaatu gidduutti raawwatamu dogoggora akka taʼe ibsu, namoota akkasii jibbuu qabna jechuu kan hin taane maaliif akka taʼe baradhu.

“Saala Wal Fakkaatu Wajjin Saalqunnamtii Raawwachuun Dogoggoraa?” (Mata duree jw.org irratti baʼe)

Seerri Waaqayyo saalqunnamtii ilaalchisee kenne eegumsa kan nuuf godhu akkamitti akka taʼe baradhu.

“Saalqunnamtiin Afaaniin Godhamu Dhuguma Saalqunnamtii Jedhamaa?” (Mata duree jw.org irratti baʼe)

Muuxannoo “Na Kabajaniiru” jedhu irraa, namni kanaan dura saala wal fakkaataa wajjin saalqunnamtii raawwachaa ture tokko Waaqayyoon gammachiisuuf jireenya isaa akka jijjiiru kan isa kakaase maal akka taʼe dubbisi.

“Kitaabni Qulqulluun Jireenya Namootaa ni Jijjiira” (Mata duree Masaraa Eegumsaa irratti ba’e)

a Gocha saalqunnamtii kan jedhamu, saalqunnamtii karaa afaanii fi karaa munnee raawwatamu, akkasumas fedhii saalaa guuttachuuf qaama saalaa nama kan biraa sukkuumuu dabalatee gochawwan gara garaa kan of keessatti qabate dha.