Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 42

Kitaabni Qulqulluun Qeenxee Taʼuu fi Gaaʼela Ilaalchisee Maal Barsiisa?

Kitaabni Qulqulluun Qeenxee Taʼuu fi Gaaʼela Ilaalchisee Maal Barsiisa?

Aadaawwan tokko tokko keessatti namoonni namni tokko gaaʼela yoo godhate malee gammachuu argachuu hin dandaʼu jedhanii amanu. Taʼus namoonni gaaʼela qaban hundi gammachuu qabu jechuu miti ykn namoonni qeenxee taʼan hundi gammachuu hin qaban jechuu miti. Kitaabni Qulqulluun qeenxee taʼuunis taʼe gaaʼela godhachuun kennaa akka taʼe dubbata.

1. Qeenxee taʼuun faayidaawwan akkamii qaba?

Kitaabni Qulqulluun, “Inni fuudhu gaarii godha, inni hin fuune immoo caalaatti gaarii godha” jedha. (1 Qorontos 7:32, 33, 38 dubbisi.) Namni qeenxeen tokko ‘caalaatti gaarii godheera’ jedhamuu kan dandaʼu akkamitti? Kiristiyaanni qeenxeen tokko hiriyaa gaaʼelaa kunuunsuun isa irraa eegamu hin qabu. Kanaafuu namni qeenxeen tokko akka walii galaatti bilisummaa dabalataa qaba. Fakkeenyaaf, Kiristiyaanonni tokko tokko misiraachicha lallabuuf biyya kan biraa deemuu dabalatee karaawwan adda taʼaniin tajaajila isaanii balʼifachuu dandaʼaniiru. Hunda caalaa immoo, Yihowaatti dhihaachuuf yeroo dabalataa argatu.

2. Seeraan gaaʼela godhachuun faayidaawwan akkamii qaba?

Gaaʼelli akkuma qeenxee taʼuu faayidaawwan adda taʼan qaba. Kitaabni Qulqulluun, “Tokko taʼuu mannaa lama taʼuu wayya” jedha. (Lallaba 4:9) Keessumaa kun Kiristiyaanota qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu gaaʼela isaanii keessatti hojii irra oolchaniif dhugaa dha. Hiriyoonni gaaʼelaa seeraan gaaʼela godhatan wal jaallachuuf, wal kabajuu fi wal kunuunsuuf kakuu waliif galu. Kanaan kan kaʼes, yeroo baayʼee namoota akkasumatti waliin jiraatan caalaa nageenyi isaanitti dhagaʼama. Ijoollee isaaniittis caalaatti nageenyi akka dhagaʼamu godha.

3. Yihowaan gaaʼelaaf ilaalcha akkamii qaba?

Yihowaan yeroo gaaʼela isa jalqabaa hundeessetti, “Namni abbaa isaa fi haadha isaa ni dhiisa, haadha manaa isaattis ni maxxana” jedheera. (Uumama 2:24) Yihowaan abbaan manaa fi haati manaa hamma lubbuudhaan jiranitti akka wal jaallatanii fi akka waliin jiraatan barbaada. Hiriyoonni gaaʼelaa akka wal hiikan kan heyyamu tokkoon isaanii yommuu ejja raawwatan qofa dha. Haala akkasii keessatti Yihowaan hiriyaan gaaʼelaa inni balleessaa hin qabne hiikuuf ykn dhiisuuf akka murteessu mirga isaaf kenneera. a (Maatewos 19:9) Yihowaan Kiristiyaanni tokko hiriyaa gaaʼelaa tokkoo ol akka qabaatu hin heyyamne.—1 Ximotewos 3:2.

CAALAATTI BARADHU

Gaaʼela godhattus godhachuu baattus ofii keetiif gammachuu qabaachuu fi Yihowaa gammachiisuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe baradhu.

4. Qeenxee taʼuu keetti akka gaariitti fayyadami

Yesuus qeenxee taʼuu kennaa akka taʼetti ilaala ture. (Maatewos 19:11, 12) Maatewos 4:23 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Yesuus qeenxee taʼuu isaatti fayyadamee Abbaa isaa kan tajaajilee fi warra kaan kan gargaare akkamitti?

Kiristiyaanonni qeenxee taʼanis jireenya isaanii akkuma Yesuusitti itti fayyadamuudhaan gammachuu argachuu dandaʼu. VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffii armaan gadii irratti mariʼadhaa.

  • Kiristiyaanonni qeenxee taʼuu isaanii karaa eebba argamsiisuun itti fayyadamuu kan dandaʼan akkamitti?

Kana beektaa?

Kitaabni Qulqulluun namni tokko gaaʼela godhachuuf umuriin isaa hammam taʼuu akka qabu hin dubbatu. Haa taʼu malee, namni tokko “umurii dargaggummaa” yeroo itti fedhiin saalqunnamtii cimaan murtoo gaarii gochuun akka isatti ulfaatu godhu hamma darbutti eeguu akka qabu jajjabeessa.—1 Qorontos 7:36.

5. Nama hiriyaa gaaʼelaa siif taʼu ogummaadhaan filadhu

Hiriyaa gaaʼelaa filachuun murtoowwan guguddaa gootu keessaa isa tokko dha. Maatewos 19:4-6, 9 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Kiristiyaanni tokko gaaʼela godhachuuf ariifachuu kan hin qabne maaliifi?

Kitaabni Qulqulluun hiriyaan gaaʼelaa gaariin tokko amalawwan akkamii qabaachuu akka qabu hubachuuf si gargaara. Hunda caalaa, hiriyaa gaaʼelaa Yihowaa jaallatu argachuuf carraaqqii godhi. b Qorontos Tokkoffaa 7:39 fi 2 Qorontos 6:14 dubbisaa. Achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Kiristiyaanni tokko nama Kiristiyaana taʼe qofa hiriyaa gaaʼelaa godhachuu kan qabu maaliifi?

  • Nama Yihowaa hin jaallannee wajjin gaaʼela yoo godhanne Yihowaatti maaltu dhagaʼama jettee yaadda?

Beeladoonni baayʼee garaa gara taʼan lama yoo walitti camadaman lamaanuu ni miidhamu. Haaluma wal fakkaatuun, Kiristiyaanni tokko nama hin amannee wajjin gaaʼela yoo godhate rakkina hedduutu isa mudata

6. Gaaʼelaaf ilaalcha Yihowaa qabaadhu

Israaʼel durii keessatti dhiironni tokko tokko ofittummaadhaan kakaʼanii haadhotii manaa isaanii hiiku turan. Miilkiyaas 2:13, 14, 16 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Yihowaan karaa sirrii hin taaneen wal hiikuu kan jibbu maaliifi?

Ejjii fi wal hiikuun hiriyaa gaaʼelaa balleessaa hin qabnee fi ijoollee baayʼee miidha

VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffii armaan gadii irratti mariʼadhaa.

  • Hiriyaan gaaʼelaa kee nama Yihowaa hin jaallanne yoo taʼe, gaaʼelli kee milkaaʼina akka qabaatu gochuuf maal gochuu dandeessa?

7. Ulaagaalee Yihowaan gaaʼelaaf baase hordofi

Namni tokko ulaagaalee Yihowaan gaaʼelaaf baase hordofuuf carraaqqii guddaa gochuun isa barbaachisuu dandaʼa. c Taʼus Yihowaan namoota carraaqqii akkasii godhan ni eebbisa. VIIDIYICHA taphachiisaa.

Ibroota 13:4 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Ulaagaaleen Yihowaan gaaʼelaaf baase sirrii sitti fakkaataa? Maaliif?

Mootummoonni biyyoota hedduu hiriyoonni gaaʼelaa gaaʼela godhachuu fi wal hiikuu isaanii akka galmeessisan barbaadu; Yihowaanis Kiristiyaanonni akkasuma akka godhan isaan irraa eega. Tiitoo 3:1 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Gaaʼela godhatteetta yoo taʼe gaaʼelli kee seeraan mootummaa biratti galmaaʼeraa?

NAMNI TOKKO AKKANA JEDHEE SI GAAFATA TAʼA: “Gaaʼela godhachuun maaliif barbaachise? Namoonni lama akkasumatti waliin jiraachuu hin dandaʼanii?”

  • Maal jettee deebista?

MAAL BARATTE?

Qeenxee taʼuunii fi gaaʼelli kennaa Yihowaa ti. Namoonni qeenxee taʼanis taʼe gaaʼela godhatan, fedha Yihowaa wajjin wal simanii kan jiraatan yoo taʼe gammachuu argachuu ni dandaʼu.

Irra Deebii

  • Namni tokko yeroo qeenxee taʼuudhaan dabarsu akka gaariitti itti fayyadamuu kan dandaʼu akkamitti?

  • Kitaabni Qulqulluun nama Kiristiyaana taʼe waliin qofa gaaʼela godhadhaa kan jedhu maaliifi?

  • Kitaabni Qulqulluun wanti wal hiikuuf sababa taʼe maal qofa akka taʼe dubbata?

Galma

QORANNOO DABALATAA GODHI

“Gooftaadhaan qofa” gaaʼela godhachuu jechuun maal jechuu dha?

“Gaaffii Dubbistootaa” (Masaraa Eegumsaa, Adoolessa 1, 2004)

Viidiyoowwan gaggabaaboo gaaʼelaaf wal qorachuu fi gaaʼela dhaabbachuu ilaalchisee murtoo gaarii gochuuf si gargaaran lama ilaali.

Gaaʼela Dhaabbachuuf Qophaaʼuu (11:53)

Obboleessi tokko wanti Yihowaan isaaf kenne wanta inni dhiise irra baayʼee akka caalu kan isatti dhagaʼame maaliif akka taʼe ilaali.

Dhugaa ni Baratti Jedhee Abdadheen Ture (1:56)

Namni tokko hiriyaa gaaʼelaa isaa hiikuu ykn gargar baʼuu isaa dura wantoonni irratti yaaduu qabu tokko tokko kam faʼi?

“‘Wanta Waaqayyo Walitti Hidhe’ Kabajaa” (Masaraa Eegumsaa, Muddee 2018)

a Utuu ejja hin raawwatin gargar baʼuu ilaalchisee odeeffannoo argachuuf Ibsa Dabalataa 4 ilaali.

b Aadaawwan tokko tokko keessatti ilma ykn intala isaaniitiif hiriyaa gaaʼelaa kan filatu warra dha. Akkas taanaan, warri jaalala qabeeyyii taʼan jalqaba irratti maallaqa ykn iddoo namni sun hawaasa keessatti qabu utuu hin taʼin, Yihowaa ni jaallata moo hin jaallatu kan jedhu ilaaluu qabu.

c Nama tokko wajjin seeraan utuu gaaʼela hin godhatin akkasumatti wajjin jiraachaa jirta yoo taʼe, nama sana dhiisuun ykn nama sanaa wajjin gaaʼela godhachuun murtoo kee ti.