Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 45

Siyaasaa fi Waraana Irratti Hirmaachuu Dhiisuun Maalfaa Dabalata?

Siyaasaa fi Waraana Irratti Hirmaachuu Dhiisuun Maalfaa Dabalata?

Yesuus duuka buutonni isaa ‘kutaa addunyaa taʼuu’ akka hin qabne barsiiseera. (Yohaannis 15:19) Kunis siyaasaa fi waraana irratti hirmaachuu dhiisuu dabalata. Dhugaa dubbachuuf garuu akkas gochuun yeroo hundumaa salphaa miti. Sababa kanaan namoonni nutti qoosuu dandaʼu. Maarree siyaasaa fi waraana irratti hirmaachuu dhiisuudhaan Yihowaadhaaf amanamoo taanee jiraachuu kan dandeenyu akkamitti?

1. Kiristiyaanonni dhugaan mootummoota ilmaan namootaatiif ilaalcha akkamii qabu?

Kiristiyaanonni mootummaa ni kabaju. Akkuma Yesuus jedhe, “wanta kan Qeesaar taʼe Qeesaariif” ni kennina; kana jechuun gibira kaffaluu dabalatee seera biyya keessa jiraannuuf ni ajajamna jechuu dha. (Maarqos 12:17) Kitaabni Qulqulluun mootummoonni ilmaan namootaa kan bulchan, Yihowaan waan isaanii heyyameef qofa akka taʼe dubbata. (Roomaa 13:1) Kanaafuu aangoon ilmaan namootaa qaban daangaa akka qabu ni hubanna. Rakkina ilmaan namootaa kan furu Waaqa keenyaa fi Mootummaa isaa isa samii akka taʼe ni amanna.

2. Siyaasaa fi waraana irratti akka hin hirmaanne argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

Nutis akkuma Yesuus siyaasa keessa hin gallu. Yesuus namoonni dinqiiwwan inni raawwate keessaa isa tokko arganii yommuu lafa irratti mootii isaanii akka taʼu gochuuf yaalanitti tole hin jenne. (Yohaannis 6:15) Maaliif? Sababiin isaas akkuma yeroo booda dubbate, “Mootummaan [isaa] kutaa addunyaa kanaa miti.” (Yohaannis 18:36) Nutis barattoota Yesuus waan taaneef, siyaasaa fi waraana irratti akka hin hirmaanne karaawwan hedduudhaan argisiisuu dandeenya. (Miikiyaas 4:3 dubbisi.) Mallattoolee biyyaalessaa kan akka alaabaa ni kabajna; garuu akka waaqeffannaatti waan ilaalamuuf kabaja adda taʼe hin kenninuuf. (1 Yohaannis 5:21) Kana malees, paartii siyaasaa ykn kaadhimamaa siyaasaa kam iyyuu hin deggerru ykn hin morminu. Karaawwan kanaa fi kan birootiin Mootummaa Waaqayyootiif guutummaatti amanamoo akka taane argisiisna.

CAALAATTI BARADHU

Haalawwan siyaasaa fi waraana irratti hirmaachuu dhiisuun akka nutti ulfaatu godhan maalfaa akka taʼanii fi murtoo Yihowaa gammachiisu gochuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe qori.

3. Kiristiyaanonni dhugaan siyaasaa fi waraana irratti hin hirmaatan

Yesuusii fi duuka buutonni isaa fakkeenya nuuf taʼaniiru. Roomaa 13:1, 5-7 fi 1 Pheexiros 2:13, 14 dubbisaa. Achiis, VIIDIYICHA taphachiisaa, akkasumas gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa.

  • Abbootii taayitaa mootummaa kabajuu kan qabnu maaliifi?

  • Karaawwan akka isaaniif bitamnu argisiisuu itti dandeenyu keessaa tokko tokko kam faʼi?

Yeroo waraanni kaʼu, mootummoonni tokko tokko siyaasaa fi waraana keessa akka hin galle kan dubbatan taʼus gama lamaaniifuu gargaarsa ni godhu. Garuu dhugumaan siyaasaa fi waraana irratti hirmaachuu dhiisuu jechuun maal jechuu dha? Yohaannis 17:16 dubbisaa. Achiis, VIIDIYICHA taphachiisaa, akkasumas gaaffii armaan gadii irratti mariʼadhaa.

  • Siyaasaa fi waraana irratti hirmaachuu dhiisuu jechuun maal jechuu dha?

Abbootiin taayitaa mootummaa wanta seera Waaqayyoo wajjin wal faallessu akka raawwannu yoo nu gaafatan maal gochuu qabna? Hojii Ergamootaa 5:28, 29 dubbisaa. Achiis, VIIDIYICHA taphachiisaa, akkasumas gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa.

  • Yeroo seerri namootaa seera Waaqayyoo wajjin wal faallessutti, eenyuuf ajajamuu qabna?

  • Kiristiyaanonni abbootii taayitaa mootummaatiif kan hin ajajamne yeroo akkamiitti?

4. Yaadaanis taʼe gochaan siyaasaa fi waraana irratti hirmaachuu irraa of qusadhu

Yohaannis Tokkoffaa 5:21 dubbisaa. Achiis, VIIDIYICHA taphachiisaa, akkasumas gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa.

  • Ayeengeen miseensa paartii siyaasaa kan hin taane ykn ayyaana biyyaalessaa kan akka alaabaadhaaf kabaja addaa kennuu jiran irratti kan hin hirmaanne maaliifi?

  • Murtoo gaarii akka godhe sitti dhagaʼamaa?

Haalawwan kan biroon siyaasaa fi waraana irratti akka hirmaannu nu qoruu dandaʼan kam faʼi? VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa.

  • Dorgommii ispoortii biyyoolessaa irratti biyya isa tokko akka hin deggerre argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

  • Murtoon namoonni siyaasaa godhan kan nu miidhu ykn kan nu fayyadu yoo taʼe illee siyaasaa fi waraana irratti hirmaachuu irraa of qusachuu kan dandeenyu akkamitti?

  • Oduuwwan sabqunnamtiidhaan dhihaatan ykn michoonni keenya siyaasaa fi waraana irratti akka hirmaannu dhiibbaa nu irratti gochuu kan dandaʼan akkamitti?

Kiristiyaanni tokko yaadaa fi gocha isaatiin siyaasaa fi waraana irratti hirmaachuu kan hin qabne haalawwan akkamii keessatti?

NAMNI TOKKO AKKANA JEDHEE SI GAAFATA TAʼA: “Alaabaadhaaf kabaja addaa kan hin kennine ykn faaruu alaabaa kan hin faarfanne maaliifi?”

  • Maal jettee deebista?

MAAL BARATTE?

Kiristiyaanonni yaada, dubbii fi gocha isaaniitiin siyaasaa fi waraana irratti hirmaachuu dhiisuuf carraaqqii guddaa godhu.

Irra Deebii

  • Mootummoota ilmaan namootaatiif maal kennuu qabna?

  • Siyaasa keessa galuu kan hin qabne maaliifi?

  • Haalawwan siyaasaa fi waraana irratti akka hirmaannu nu qoruu dandaʼan kam faʼi?

Galma

QORANNOO DABALATAA GODHI

Siyaasaa fi waraana irratti hirmaachuu dhiisuuf aarsaawwan akkamii gochuun nu barbaachisuu dandaʼa?

Yihowaan Matumaa Nu hin Gatu (3:14)

Maatiiwwan qorumsa siyaasaa fi waraana irratti akka hirmaataniif isaan irra gaʼuuf dursanii qophaaʼuu kan dandaʼan akkamitti?

Qophiiwwan Hawaasaa Irratti Addunyaa Irraa Walaba Taʼuu (4:25)

Biyya tokkoof eegumsa gochuun kabaja guddaa namni tokko argachuu dandaʼu miti kan jennu maaliifi?

“Waaqayyoof Wanti Hundi ni Dandaʼama” (5:19)

Hojii ilaalchisee murtoo yommuu gootu kutaa addunyaa taʼuu dhiisuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe ilaali.

“Namni Adduma Addaan Waan Ofii Isaatii Baatu Qaba” (Masaraa Eegumsaa, Ebla 1, 2006)