Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 48

Michoota Kee Ogummaadhaan Filadhu

Michoota Kee Ogummaadhaan Filadhu

Michoonni keenya yeroo gaarii taʼetti gammachuun keenya akka dabalu godhu, yeroo rakkinaatti immoo nu jajjabeessu. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun michuu gaarii taʼuu kan dandaʼan namoota hunda akka hin taane nu akeekkachiisa. Maarree michoota gaarii filachuu kan dandeessu akkamitti? Mee gaaffiiwwan armaan gadii irratti yaadi.

1. Michoonni ati filatte dhiibbaa kan sirraan geessisan akkamitti?

Yeroo baayʼee namoota yeroo wajjin dabarsinu fakkaanna. Namoonni kun dhiibbaa gaarii ykn dhiibbaa gadhee nu irraan geessisuu dandaʼu; namoonni qaamaanis taʼe karaa weebsaayitii hawaasaa yeroo wajjin dabarsinu dhiibbaa nu irratti godhu. Kitaabni Qulqulluun, “Namni ogeeyyii wajjin deemu ogeessa taʼa, namni gowwootaa [namoota Yihowaa hin jaallannee] wajjin walitti dhufeenya qabu garuu rakkina irra buʼa” jedha. (Fakkeenya 13:20) Michoonni Yihowaa jaallatanii fi isa waaqeffatan isatti akka dhihaattuu fi murtoo gaarii akka gootu si gargaaru. Michoonni Yihowaa hin jaallanne garuu isa irraa si fageessuu dandaʼu. Kitaabni Qulqulluun michoota keenya ogummaadhaan akka filannu kan nu jajjabeessu kanaafi! Namoota Yihowaa jaalatan michuu godhachuun keenya, ofii keenyaafis taʼe isaaniif faayidaa argamsiisa. ‘Wal jajjabeessuu fi wal ijaaruu keenya itti fufuuf’ nu gargaaru.—1 Tasalonqee 5:11.

2. Michoota filannu ilaalchisee Yihowaatti maaltu dhagaʼama?

Yihowaan michoota isaa of eeggannoodhaan filata. “Warra qajeelota taʼanii wajjin . . . michummaa cimaa qaba.” (Fakkeenya 3:32) Yihowaan michoota isa hin jaallanne yoo filanne maaltu isatti dhagaʼama? Baayʼee gadda! (Yaaqoob 4:4 dubbisi.) Karaa biraatiin immoo, Yihowaan michoota gadhee irraa fagaachuudhaan isattii fi namoota isa jaallatanitti yoo dhihaanne ni gammada, michoota isaa akka taanus nu filata.—Faarfannaa 15:1-4.

CAALAATTI BARADHU

Michoota gaarii filachuun barbaachisaa kan taʼe maaliif akka taʼe qori; michummaa gaarii sanas cimsachuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe baradhu.

3. Michoota gadhee irraa of eeggadhu

Namoonni Waaqayyoo fi ulaagaalee isaa hin jaallanne michoota gaarii nuuf taʼuu hin dandaʼan. VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffii armaan gadii irratti mariʼadhaa.

  • Utuu nutti hin beekamin michoota gadhee horachuu kan dandeenyu akkamitti?

Qorontos Tokkoffaa 15:33 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Michuu gadhee kan jedhamu nama akkamiiti? Maaliif?

Faarfannaa 119:63 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Namni tokko michuu gaarii taʼuu isaa kan argisiisu maali dha?

Poomiin tortore tokko warra hafan kaanis tortorsuu dandaʼa. Michuu gadheen tokko si irratti dhiibbaa gochuu kan dandaʼu akkamitti?

4. Namoonni nu irraa adda taʼan michoota gaarii nuuf taʼuu dandaʼu

Kitaabni Qulqulluun waaʼee Daawitii fi Yonaataan ni dubbata; namoonni kun Israaʼel durii keessa jiraatu turan. Umuriin isaanii fi haalli isaanii baayʼee garaa gara ture; taʼus michoota gaarii turan. Saamuʼel Tokkoffaa 18:1 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Michoonni keenya yeroo hundumaa umurii keenya irratti kan argaman ykn namoota akka keenyaa taʼuu kan hin qabne maaliifi?

Roomaa 1:11, 12 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Michoonni Yihowaa jaallatan wal jajjabeessuu kan dandaʼan akkamitti?

Viidiyoo kana irraa obboleessi tokko bakka hin yaadamnee michuu kan argate akkamitti akka taʼe ilaali. VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa.

  • Viidiyicha irratti akkuma ibsame, michoonni Akiil mana barumsaatti horate warra isaa kan yaaddesse maaliifi?

  • Jalqaba irratti michoota kana kan jaallate maaliifi?

  • Kophummaa isatti dhagaʼame kan moʼe akkamitti?

5. Michummaa gaarii uumuun kan dandaʼamu akkamitti?

Michoota gaarii argachuu fi michuu gaarii taʼuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe ilaali. VIIDIYICHA taphachiisaa.

Fakkeenya 18:24 fi 27:17 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Michoonni dhugaan kan wal gargaaran akkamitti?

  • Atoo michoota gaarii akkasii qabdaa? Hin qabdu yoo taʼe akkamitti horachuu dandeessa?

Filiphisiyus 2:4 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Michoota gaarii qabaachuuf, atis michuu gaarii taʼuun si barbaachisa. Maarree michuu gaarii taʼuu kan dandeessu akkamitti?

Michoota gaarii argachuuf, michuu gaarii taʼuu si barbaachisa

NAMOONNI TOKKO TOKKO AKKANA JEDHU: “Michuu dhabuu irra nama kam iyyuu michuu godhachuu wayya.”

  • Atoo maal jetta?

MAAL BARATTE?

Michoota keenya ogummaadhaan yoo filanne Yihowaa ni gammachiisna, ofii keenyaafis faayidaa arganna.

Irra Deebii

  • Michoonni filannu Yihowaa kan yaaddessu maaliifi?

  • Namoota akkamii michoota godhachuu irraa fagaachuu qabna?

  • Michummaa michoota gaarii wajjin qabnu cimsachuu kan dandeenyu akkamitti?

Galma

QORANNOO DABALATAA GODHI

Michoonni gaariin yeroo rakkisaa taʼetti nu gargaaruu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe ilaali.

“Dhumni Dhufuu Isaa Dura Michummaa Cimaa Uumuuf Carraaqqii Godhaa” (Masaraa Eegumsaa, Sadaasa 2019)

Intarneetiidhaan michummaa uumuu ilaalchisee maal beekuu qabda?

Weeb Saayitii Hawaasaa Yeroo Fayyadamtu Hubannaa Qabaadhu (4:12)

Seenaa jireenyaa “Jaalala Abbaa Argachuuf Baayʼeen Hawwan Ture” jedhu irraa, namni tokko michoota isaa kan jijjiire akkamitti akka taʼe baradhu.

“Kitaabni Qulqulluun Jireenya Namootaa ni Jijjiira” (Masaraa Eegumsaa, Eblaa-Waxabajjii 2012)