Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 50

Maatiin Kee Gammachuu Qabaachuu kan Dandaʼu Akkamitti?—Kutaa 2

Maatiin Kee Gammachuu Qabaachuu kan Dandaʼu Akkamitti?—Kutaa 2

Ijoolleen kennaa Yihowaa biraa argamani dha. Yihowaan warri kennaa kanaaf kunuunsa gaarii akka godhan isaan irraa eega. Gorsa gaarii kana gochuuf isaan dandeessisus isaaniif kenna. Gorsi isaa ijoolleenis maatiin isaanii gammachuu akka qabaatu gochuu irratti gumaacha gochuu akka dandaʼan gargaara.

1. Yihowaan warraaf gorsa akkamii kenne?

Yihowaan warri ijoollee isaanii akka jaallatanii fi hamma isaaniif dandaʼame yeroo dheeraa akka isaanii wajjin dabarsan barbaada. Kana malees, warri ijoollee isaanii miidhaa irraa akka eeganii fi qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluutti fayyadamanii akka isaan leenjisan barbaada. (Fakkeenya 1:8) Yihowaan abbootiidhaan, “Gorsa Yihowaatiin [ijoollee keessan] guddisaa” jedheera. (Efesoon 6:4 dubbisi.) Yihowaan warri ijoollee isaanii yommuu guddisan qajeelfama isaa kan hordofanii fi itti gaafatamummaa kana nama kan biraatti hin dabarsan yoo taʼe ni gammada.

2. Yihowaan ijoolleedhaaf gorsa akkamii kenne?

Yihowaan “Warra keessaniif ajajamaa” jedhee ijoollee ajajeera. (Qolosaayis 3:20 dubbisi.) Ijoolleen warra isaanii yommuu kabajanii fi yommuu isaaniif ajajaman Yihowaas taʼe warra isaanii ni gammachiisu. (Fakkeenya 23:22-25) Yesuus ijoollee yeroo turetti gama kanaan fakkeenya gaarii taʼeera. Inni mudaa kan hin qabne taʼus warra isaatiif ajajameera, akkasumas isaan kabajeera.—Luqaas 2:51, 52.

3. Maatiidhaan taatanii Yihowaatti dhihaachuu kan dandeessan akkamitti?

Ijoollee yoo qabaatte, ijoolleen kee akkuma kee Yihowaa akka jaallatan akka barbaaddu beekamaa dha. Maarree ijoolleen kee Yihowaa akka jaallatan gochuu kan dandeessu akkamitti? Gorsa Kitaaba Qulqulluu, “[Dubbii Yihowaa] garaa ijoollee keetii keessatti boci; yommuu mana kee keessa teessu, yommuu karaa irra deemtu . . . waaʼee isaanii dubbadhu” jedhu hojii irra oolchuudhaani. (Keessa Deebii 6:7) ‘Bocuu’ jechuun wanta tokko irra deddeebiʼanii barsiisuu jechuu dha. Ijoolleen kee wanta tokko akka yaadataniif yeroo baayʼee irra deddeebitee itti himuun si barbaachisuu dandaʼa. Caqasni kun waaʼee Yihowaa ijoollee kee barsiisuuf yeroo hundumaa carraa barbaaduu akka qabdu kan ibsu dha. Torban torbaniin waaqeffannaa maatiitiif yeroo ramaduun keessan baayʼee gaarii dha. Ijoollee hin qabdan yoo taʼe illee torban torbaniin Dubbii Waaqayyoo qoʼachuun isin fayyada.

CAALAATTI BARADHU

Yaadawwan maatiin tokko gammachuu fi nageenya akka qabaatu gargaaran tokko tokko ilaali.

4. Ijoollee keessan jaalalaan leenjisaa

Ijoollee leenjisuun rakkisaa taʼuu dandaʼa. Maarree Kitaabni Qulqulluun gama kanaan isin gargaaruu kan dandaʼu akkamitti? Yaaqoob 1:19, 20 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Warri ijoollee isaanii wajjin yommuu haasaʼan jaalala argisiisuu kan dandaʼan akkamitti?

  • Warri yeroo aaranii jiranitti matumaa ijoollee isaanii adabuu kan hin qabne maaliifi? a

5. Ijoollee keessaniif eegumsa godhaa

Ijoollee keessaniif eegumsa gochuuf tokkoon tokkoon isaanii waaʼee saalqunnamtii barsiisuun keessan baayʼee barbaachisaa dha. Akkas gochuun kan nama qaanessu taʼuu dandaʼa. VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa.

  • Warri tokko tokko ijoollee isaanii waaʼee saalqunnamtii barsiisuun kan isaanitti ulfaatu maaliifi?

  • Warri tokko tokko ijoollee isaanii waaʼee saalqunnamtii kan barsiisan akkamitti?

Akkuma raajiidhaan dubbatame addunyaan Seexanaa caalaatti hammeenyi isaa dabalaa deemeera. Ximotewos Lammaffaa 3:1, 13 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Namoonni hamoon lakkoofsa 13 irratti ibsaman tokko tokko ijoollee irratti miidhaa saalaa geessisu. Maarree warri ijoollee isaanii waaʼee saalqunnamtii fi namoota miidhaa geessisan irraa akkamitti of eeguu akka dandaʼan barsiisuun isaanii barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

Kana beektaa?

Dhugaa Baatonni Yihowaa barreeffamootaa fi viidiyoowwan warri ijoollee isaanii waaʼee saalqunnamtii fi miidhaa irraa akkamitti of eeguu akka dandaʼan barsiisuuf isaan gargaaran hedduu qopheessaniiru. Fakkeenyaaf, viidiyoo fi barreeffamoota armaan gadii ilaali:

6. Warra keessan kabajaa

Ijoolleen akkaataa itti warra isaaniitti dubbataniin akka isaan kabajan argisiisuu dandaʼu. VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa.

  • Ijoolleen warra isaanii karaa kabaja qabuun haasofsiisuun isaanii barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

  • Ijoolleen karaa kabaja qabuun warra isaanii haasofsiisuu kan dandaʼan akkamitti?

Fakkeenya 1:8 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Ijoolleen warri isaanii qajeelfama yommuu isaaniif kennan deebii akkamii kennuu qabu?

7. Maatiidhaan Yihowaa waaqeffadhaa

Maatiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa torban torbaniin waaqeffannaa maatiitiif yeroo ni ramadu. Yeroo waaqeffannaa maatii kanatti maal gochuu dandeessu? VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa.

  • Maatiin tokko sagantaa Waaqeffannaa Maatii dhaabbataa taʼe qabaachuu kan dandaʼu akkamitti?

  • Warri waaqeffannaan maatii miseensota maatii hundumaaf kan taʼuu fi gammachiisaa akka taʼu gochuu kan dandaʼan akkamitti?—Suuraa jalqaba barumsa kanaa irratti argamu ilaali.

  • Wanti waliin taatanii qoʼachuun akka isinitti ulfaatu taasisu maali dha?

Yihowaan Israaʼel durii keessatti maatiiwwan yeroo hundumaa Kitaabota Qulqulluu irratti akka mariʼatan barbaada ture. Keessa Deebii 6:6, 7 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Qajeelfama kana hojii irra oolchuu kan dandeessu akkamitti?

Yaadawwan waaqeffannaa maatiitiif taʼan:

NAMOONNI TOKKO TOKKO AKKANA JEDHU: “Ijoolleen Kitaaba Qulqulluu hubachuun baayʼee isaanitti ulfaata.”

  • Atoo maal jetta?

MAAL BARATTE?

Yihowaan warri ijoollee isaanii akka jaallatan, akka leenjisanii fi eegumsa akka isaaniif godhan barbaada; ijoolleen immoo warra isaanii akka kabajanii fi akka isaaniif ajajaman barbaada; akkasumas maatiiwwan waliin akka isa waaqeffatan barbaada.

Irra Deebii

  • Warri ijoollee isaanii leenjisuu fi eegumsa isaaniif gochuu kan dandaʼan akkamitti?

  • Ijoolleen warra isaanii akka kabajan argisiisuu kan dandaʼan akkamitti?

  • Maatiiwwan torban torbaniin waaqeffannaa maatiitiif yeroo ramaduun isaanii faayidaa akkamii argamsiisa?

Galma

QORANNOO DABALATAA GODHI

Barumsawwan ijoolleen keessan gaʼeessa taʼuuf akka qophaaʼan gargaaran kam faʼi?

“Barumsawwan Ijoolleen Barachuu Qaban Jaʼa” (Dammaqaa! Lakk. 2 2019)

Kitaabni Qulqulluun namoota warra isaanii dullooman kunuunsaniif gorsa akkamii akka kennu baradhu.

“Kitaabni Qulqulluun Warri Keenya Yommuu Dullooman Kunuunsuu Ilaalchisee Maal Jedha?” (Mata duree jw.org irratti baʼe)

Namni akkamitti ijoollee guddisuun akka dandaʼamu hin beekne tokko abbaa gaarii taʼuu kan dandaʼe akkamitti akka taʼe ilaali.

Yihowaan Akkaataa Itti Ijoollee Keenya Guddisnu Nu Barsiiseera (5:58)

Abbootiin hariiroo ilmaan isaanii wajjin qaban cimsachuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe dubbisi.

“Abbootiin Ilmaansaaniitti Caalaatti Dhihaachuu Kan Dandaʼan Akkamitti?” (Masaraa Eegumsaa, Amajjii-Bitootessaa 2012)

a Akka Kitaaba Qulqulluutti ‘adabni’ barsiisuu, qajeelchuu fi sirreessuu wajjin wal qabata. Kana jechuun garuu miidhuu ykn garaa jabaachuu jechuu miti.—Fakkeenya 4:1.