Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 51

Wanta Dubbattuun Yihowaa Gammachiisuu kan Dandeessu Akkamitti?

Wanta Dubbattuun Yihowaa Gammachiisuu kan Dandeessu Akkamitti?

Yihowaan yeroo nu uumu dandeettii dubbachuu isa kennaa dinqisiisaa taʼe nuuf kenneera. Yihowaan akkaataa kennaa kana itti fayyadamnuuf xiyyeeffannaa ni kennaa? Eeyyee ni kenna! (Yaaqoob 1:26 dubbisi.) Maarree dandeettii dubbachuu keenya karaa Yihowaa gammachiisuun itti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?

1. Dandeettii dubbachuu Yihowaa biraa arganne akkamitti itti fayyadamuu qabna?

Kitaabni Qulqulluun, “Wal jajjabeessuu fi wal ijaaruu keessan itti fufaa” jechuudhaan nu gorsa. (1 Tasalonqee 5:11) Namoota jajjabinni isaan barbaachisu tokko tokko beektaa? Miirri gaariin akka isaanitti dhagaʼamu gochuuf maal gochuu dandeessa? Akka isaaniif yaaddu isaaniif mirkaneessi. Tarii waaʼee isaanii wanta dinqisiifattu isaanitti himuu dandeessa. Caqasa Kitaaba Qulqulluu nama beektu tokko jajjabeessu ni yaadattaa? Caqasoonni filattee itti fayyadamuu dandeessu hedduun jiru. Akkaataan wanta tokko itti dubbattus warra kaan baayʼee jajjabeessuu akka dandaʼu yaadadhu. Kanaafuu, yeroo hundumaa gaarummaa fi garraamummaadhaan dubbachuuf yaali.—Fakkeenya 15:1.

2. Dubbii akkamii dubbachuu irraa of qusachuu qabna?

Kitaabni Qulqulluun, “Dubbii tortoraan afaan keessan keessaa hin baʼin” jedha. (Efesoon 4:29 dubbisi.) Kana jechuun dubbii gadhee dubbachuu ykn miira nama tokkoo miidhuuf wanta gaarummaa hin qabnee fi nama aarsu dubbachuu hin qabnu jechuu dha. Kana malees, hamii fi maqaa balleessuu irraa of qusachuu qabna.—Fakkeenya 16:28 dubbisi.

3. Karaa nama jajjabeessuun dubbachuuf maaltu nu gargaara?

Yeroo baayʼee wanti dubbannu, wanti dhugumaan garaa keenya keessa jiru ykn wanti yaannu maal akka taʼe argisiisa. (Luqaas 6:45) Kanaafuu, wantoota gaggaarii irratti, jechuunis wanta qajeelaa, wanta qulqulluu, wanta jaallatamaa fi wanta galateeffamu irratti xiyyeeffachuu barachuu qabna. (Filiphisiyus 4:8) Wantoota gaarii irratti xiyyeeffachuuf, wanta ittiin bashannannuu fi michoota keenya ogummaadhaan filachuu qabna. (Fakkeenya 13:20) Dubbachuu keenya dura, wanta dubbannuu fi akkaataa itti dubbannuufis xiyyeeffannaa kennuun keenya nu gargaara. Wanti dubbattu warra kaan irratti dhiibbaa akkamii akka geessisu hubadhu. Kitaabni Qulqulluun, “Dubbiin utuu itti hin yaadamin dubbatamu akkuma goraadee nama waraana, arrabni ogeessotaa garuu nama fayyisa” jedha.—Fakkeenya 12:18.

CAALAATTI BARADHU

Karaa Yihowaa gammachiisuu fi warra kaan jajjabeessuun dubbachuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe baradhu.

4. Dubbii kee toʼadhu

Yeroo tokko tokko hundi keenya wanta booda itti gaabbinu ni dubbanna. (Yaaqoob 3:2) Galaatiyaa 5:22, 23 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Dubbii kee toʼachuuf amaloota kanneen keessaa isa kam horachuuf kadhachuu dandeessa? Amaloonni kun si gargaaruu kan dandaʼan akkamitti?

Qorontos Tokkoffaa 15:33 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Michoonni kee fi bashannanni filattu dubbii kee irratti dhiibbaa akkamii gochuu dandaʼu?

Lallaba 3:1, 7 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Cal jechuuf ykn wanta tokko dubbachuuf yeroo sirrii taʼe eeguun gaarii kan taʼu yoom taʼuu dandaʼa?

5. Waaʼee warra kaanii wanta gaarii dubbadhu

Warra kaan arrabsuu irraa ykn waaʼee isaanii wanta gaarii hin taane dubbachuu irraa of qusachuu kan dandeenyu akkamitti? VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa.

  • Viidiyicha irratti akkuma ibsame, obboleessi kun karaa itti waaʼee warra kaanii dubbatu jijjiiruu kan barbaade maaliifi?

  • Jijjiirama gochuuf hoo maal godheera?

Lallaba 7:16 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Waaʼee nama tokkoo wanta sirrii hin taane dubbachuuf yoo qoramne maal yaadachuu qabna?

Lallaba 7:21, 22 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Caqasoonni kun namni tokko waaʼee kee wanta gaarii hin taane yoo dubbate akka hin aarre kan si gargaaran akkamitti?

6. Maatii kee wajjin yommuu haasoftu gaarummaa argisiisi

Yihowaan maatii keenyaa wajjin karaa gaarummaa fi jaalala qabuun akka haasofnu barbaada. VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffii armaan gadii irratti mariʼadhaa.

  • Maatii kee wajjin yommuu haasoftu gaarummaa argisiisuuf maaltu si gargaara?

Efesoon 4:31, 32 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Maatii keenya akka jaallannu karaa argisiisuun isaan haasofsiisuu kan dandeenyu akkamitti?

Yihowaan Ilma isaa Yesuus ilaalchisee wanta isatti dhagaʼamu dubbateera. Maatewos 17:5 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Karaa itti maatii kee haasofsiistuun fakkeenya Yihowaa hordofuu kan dandeessu akkamitti?

Carraa warra kaan galateeffachuu itti dandeessu argachuuf carraaqqii godhi

NAMOONNI TOKKO TOKKO AKKANA JEDHU: “Ani wanta natti dhagaʼamun dubbadha. Warri kaan wantan dubbadhu jaallatanis jaallachuu baatanis dhimma hin qabu.”

  • Atoo kana irratti walii galtaa? Maaliif?

MAAL BARATTE?

Wanti dubbannu namoota gargaaruu ykn miidhuu ni dandaʼa. Kanaafuu, maal akka dubbannu, yoom akka dubbannuu fi akkamitti akka dubbannu of eeggannoodhaan irratti yaaduu qabna.

Irra Deebii

  • Karaawwan dubbii keetiin warra kaan gargaaruu itti dandeessu keessaa tokko tokko kam faʼi?

  • Dubbii akkamii dubbachuu irraa of qusachuu barbaadda?

  • Dubbiin keenya yeroo hundumaa gaarummaa kan qabuu fi warra kaan kan ijaaru akka taʼu gochuuf wanti nu gargaaru maali dha?

Galma

QORANNOO DABALATAA GODHI

Karaa nama jajjabeessuun dubbachuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa?

Arraba Ogeessotaa Qabaachuuf Carraaqqii Godhaa (8:04)

Wanta jechoota gadhee dubbachuu irraa of qusachuuf si gargaaruu dandaʼu baradhu.

“Nama Arrabsuun Dhugumaan Wanta Hamaa Dhaa?” (Mata duree jw.org irratti baʼe)

Wanta hamii irraa fagaachuuf si gargaaruu dandaʼu ilaali.

Hamii Irraa Fagaachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti? (2:36)

Yihowaan nama dubbii gadhee dubbachuu dhiisuuf walʼaansoo gochaa ture tokko kan gargaare akkamitti akka taʼe dubbisi.

“Jireenyi Koo Garamitti Deemaa Akka Jiru Gad Fageenyaan Irratti Yaaduun Jalqabe” (Mata duree Masaraa Eegumsaa irratti ba’e)