Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 52

Akkaataa Uffannaa fi Miidhaginaa Keenyaaf Xiyyeeffannaa Kennuu kan Qabnu Maaliifi?

Akkaataa Uffannaa fi Miidhaginaa Keenyaaf Xiyyeeffannaa Kennuu kan Qabnu Maaliifi?

Hundi keenya wanta uffannuu fi akkamitti akka of miidhagsinu filachuu barbaanna. Qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu muraasa yoo hordofne, uffata nutti tolu uffachuu qofa utuu hin taʼin, Yihowaa gammachiisuus ni dandeenya. Mee qajeelfamoota kanneen keessaa tokko tokko haa ilaallu.

1. Qajeelfamoonni akkaataa uffannaa fi miidhaginaa keenya filachuuf nu gargaaran kam faʼi?

“Karaa kabaja qabuu fi hubannaadhaan uffata seera qabeessa taʼe” uffachuu qabna; akkaataan itti of miidhagsinu ‘Waaqayyoof kan bulle’ taʼuu keenya kan argisiisu taʼuu qaba. (1 Ximotewos 2:9, 10) Qajeelfamoota arfan kana ilaali: (1) Uffanni keenya “seera qabeessa” taʼuu qaba. Akkuma walgaʼiiwwan gumii irratti argite, sabni Yihowaa akkaataan uffannaa isaan jaallatan garaa gara dha, taʼus akkaataan uffannaa keenyaa fi akkaataan rifeensa mataa keenya itti miidhagsinu Waaqa waaqeffannuuf ulfina akka kenninu kan argisiisu dha. (2) “Karaa kabaja” qabuun uffachuu jechuun, uffata saalqunnamtiidhaaf nama kakaasu ykn garmalee xiyyeeffannaa namootaa harkisu uffachuu dhiisuu jechuu dha. (3) Akkaataa uffannaa fi miidhaginaa faashinii taʼe hunda hordofuu dhiisuudhaan “hubannaa” akka qabnu argisiisna. (4) Akkaataan itti of miidhagsinu yeroo hunda ‘Waaqayyoof kan bulle’ taʼuu keenya kan argisiisu taʼuu qaba; kun immoo namoonni Waaqa dhugaa akka waaqeffannu salphaatti akka hubatan godha.—1 Qorontos 10:31.

2. Akkaataan uffannaa keenya obboloota keenya irratti dhiibbaa gochuu kan dandaʼu akkamitti?

Wanta uffannu filachuuf mirga kan qabnu taʼus, akkaataan uffannaa keenya warra kaan irratti dhiibbaa akkamii gochuu akka dandaʼu yaaduu qabna. Nama kam iyyuu akka hin mufachiisne wanta nuuf dandaʼame hunda gochuu fi ‘wanta gaarii isaanii goonee isaan ijaaruudhaan warra kaan gammachiisuu’ qabna.—Roomaa 15:1, 2 dubbisi.

3. Akkaataan uffannaa keenya warra kaan gara waaqeffannaa dhugaatti harkisuu kan dandaʼu akkamitti?

Yeroo hundumaa uffata seera qabeessa uffachuuf carraaqqii kan goonu taʼus, keessumaa yeroo walgaʼiiwwan gumii irratti argamnuu fi tajaajila irratti hirmaannu akkaataa uffannaa keenyaaf xiyyeeffannaa guddaa kennina. Namoonni ergaa lallabnu irratti akka hin xiyyeeffanne gufuu isaanitti taʼuu hin barbaannu. Kanaa mannaa, akkaataan uffannaa keenya namoonni dhugaa barachuuf akka kakaʼanii fi ‘barumsi Fayyisaa keenyaa akka miidhagu’ kan godhu taʼuu qaba.—Tiitoo 2:10.

CAALAATTI BARADHU

Akkaataa uffannaa fi miidhaginaa keenyaan, namoonni Kiristiyaanota taʼuu keenya akka hubatan gochuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe hubadhu.

Akkaataan miidhaginaa keenya namoota aangoo qabaniif kabaja kan qabnu taʼuu fi dhiisuu keenya kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Yihowaan wanta garaa keenya keessa jiru kan ilaalu taʼus, akkaataan miidhaginaa keenya akka isa kabajnu kan argisiisu taʼuu qaba

4. Akkaataa miidhaginaa gaariin Yihowaadhaaf ulfina fida

Sababni akkaataa uffannaa keenyaaf xiyyeeffannaa itti kenninu inni guddaan maali dha? Faarfannaa 47:2 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Yihowaa kan bakka buunu taʼuun keenya akkaataa uffannaa keenya irratti jijjiirama akkamii fiduu qaba?

  • Walgaʼiiwwan irratti yommuu argamnuu fi tajaajila irratti yommuu hirmaannu akkaataa miidhaginaa keenyaaf xiyyeeffannaa kennuun barbaachisaa akka taʼe sitti dhagaʼamaa? Maaliif?

5. Akkaataa uffannaa fi miidhaginaa ilaalchisee filannoo gaarii gochuu kan dandeenyu akkamitti?

VIIDIYICHA taphachiisaa.

Uffanni keenya miʼaas taʼe rakasa qulqulluu fi haala keessa jirruuf kan taʼu taʼuu qaba. Qorontos Tokkoffaa 10:24 fi 1 Ximotewos 2:9, 10 dubbisaa. Achiis gosa uffataa armaan gadii uffachuu irraa of qusachuu kan barbaannu maaliif akka taʼe mariʼadhaa:

  • Qulqulluu kan hin taane ykn seera qabeessa kan hin taane.

  • Dhagnatti kan maxxanu, qaama kan mulʼisu ykn fedhii saalqunnamtii kan kakaasu.

Kiristiyaanonni Seera Musee jala kan hin jirre taʼanis, Seericha irraa ilaalcha Yihowaa barachuu dandaʼu. Keessa Deebii 22:5 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Akkaataa uffannaa fi miidhaginaa dhiira dubartii, dubartii immoo dhiira fakkeessu irraa fagaachuu kan qabnu maaliifi?

Qorontos Tokkoffaa 10:32, 33 fi 1 Yohaannis 2:15, 16 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Akkaataan itti of miidhagsinu namoota naannoo keenya jiraatan ykn gumii keessa jiran kan gufachiisu taʼuu fi dhiisuu isaa irratti yaaduu kan qabnu maaliifi?

  • Akkaataan uffannaa fi miidhaginaa naannoo keetti baramaa taʼe kan akkamiiti?

  • Akkaataan uffannaa fi miidhaginaa tokko tokko Kiristiyaana tokkoof sirrii kan hin taane sitti fakkaataa? Maaliif?

Karaa adda addaatiin uffachuus taʼe of miidhagsuudhaan Yihowaa gammachiisuu ni dandeenya

NAMOONNI TOKKO TOKKO AKKANA JEDHU: “Wantan barbaade uffachuuf mirga qaba.”

  • Atoo kana irratti walii galtaa? Maaliif?

MAAL BARATTE?

Akkaataa miidhaginaa keenya ilaalchisee filannoo gaarii kan goonu yoo taʼe, Yihowaafis taʼe namoota kaaniif kabaja akka qabnu argisiisna.

Irra Deebii

  • Yihowaan akkaataa uffannaa fi miidhaginaa keenyaaf xiyyeeffannaa kan kennu maaliifi?

  • Qajeelfamoonni akkaataa miidhaginaa keenya filachuuf nu gargaaran tokko tokko kam faʼi?

  • Akkaataan miidhaginaa keenya ilaalcha namoonni waaqeffannaa dhugaatiif qaban irratti dhiibbaa gochuu kan dandaʼu akkamitti?

Galma

QORANNOO DABALATAA GODHI

Akkaataan uffannaa kee ergaa akkamii dabarsuu akka dandaʼu hubadhu.

“Akkaataan Uffannaa Koo Akkami?” (Mata duree jw.org irratti baʼe)

Dhagna tumachuu kee dura irratti yaaduu kan qabdu maaliif akka taʼe baradhu.

“Kitaabni Qulqulluun Waaʼee Dhagna Tumachuu Maal Jedha?” (Mata duree jw.org irratti baʼe)

Qajeelfamoota murtoo gochuuf nu gargaaruu dandaʼan dabalataa ilaali.

“Akkaataan Uffannaa Kee Waaqayyoof Ulfina ni Fidaa?” (Masaraa Eegumsaa, Fulbaana 2016)

Dubartiin Waaqayyoon gammachiisuu barbaaddu takka akkaataa miidhaginaa namoonni filataniif ilaalcha madaalamaa qabaachuu kan baratte akkamitti?

“Akkaataan Uffannaa fi Miidhaginaa Gufuu Natti Taʼee Ture” (Dammaqaa!, Muddee 22, 2003)