Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 54

“Garbichi Amanamaanii fi Ogeessi” Eenyu? Hojiin Isaa hoo Maali Dha?

“Garbichi Amanamaanii fi Ogeessi” Eenyu? Hojiin Isaa hoo Maali Dha?

Yesuus mataa gumii Kiristiyaanaa ti. (Efesoon 5:23) Yeroo ammaattis samii irra taaʼee ‘garbicha amanamaa fi ogeessatti’ fayyadamuudhaan duuka buutota isaa lafa irra jiran geggeessaa jira. (Maatewos 24:45 dubbisi.) Yesuus Kiristoos “garbicha” kana muudeera; murtoowwan tokko tokko akka godhus mirga isaaf kenneera; taʼus garbichi kun Kiristoosiif ajajamuu fi obboloota Kiristoos tajaajiluu qaba. Maarree garbichi kun eenyu? Kunuunsa kan nuuf godhu hoo akkamitti?

1. “Garbichi amanamaanii fi ogeessi” eenyu?

Yihowaan saba isaatiif qajeelfama kennuuf yeroo hundumaa nama tokko ykn garee namootaa muraasatti fayyadama. (Miilkiyaas 2:7; Ibroota 1:1) Erga Yesuus duʼee booda ergamoonnii fi jaarsoliin Yerusaalem dursa fudhachuudhaan qajeelfama kennuu jalqaban. (Hojii Ergamootaa 15:2) Haaluma wal fakkaatuun, yeroo harʼaattis gareen jaarsolii muraasni, jechuunis Qaamni Ol Aanaa Dhugaa Baatota Yihowaa nyaata hafuuraa dhiheessaa fi hojii lallabaa geggeessaa jira. Gareen kun ‘garbicha amanamaa fi ogeessa Yesuus muude’ dha. (Maatewos 24:45a) Miseensonni Qaama Ol Aanaa hundi Kiristiyaanota hafuuraan dibamani dha; isaan jireenyi isaanii inni lafa irraa yommuu xumuramu Mootummaa isaa isa samii irratti Yesuusii wajjin taʼuuf abdiidhaan eeggatu.

2. Garbichi amanamaan nyaata akkamii dhiheessa?

Yesuus garbichi amanamaan, “yeroo sirrii taʼetti [Kiristiyaanotaaf] nyaata isaanii akka isaaniif kennu” dubbateera. (Maatewos 24:45) Akkuma nyaanni karaa qaamaa jabina akka qabaannuu fi fayya buleeyyii akka taanu nu gargaaru, nyaanni hafuuraa, jechuunis qajeelfamni Dubbii Waaqayyoo irraa argamus jabina Yihowaadhaaf amanamoo taanee jiraachuu fi hojii lallabaa Yesuus nu ajaje raawwachuuf nu barbaachisu nuuf kenna. (1 Ximotewos 4:6) Nyaata hafuuraa kanas karaa walgaʼiiwwan gumii, walgaʼiiwwan guguddaa, barreeffamootaa fi viidiyoowwanii arganna; nyaanni hafuuraa kun immoo fedha Waaqayyoo hubachuu fi michummaa isaa wajjin qabnu cimsachuuf nu gargaara.

CAALAATTI BARADHU

“Garbichi amanamaanii fi ogeessi,” jechuunis Qaamni Ol Aanaan kan nu barbaachisu maaliif akka taʼe hubadhu.

Qaamni Ol Aanaan, Dhugaa Baatota Yihowaa addunyaa maratti argamaniif nyaata hafuuraa, qajeelfamaa fi gargaarsa qabatamaa kennaa jira

3. Sabni Yihowaa gurmaaʼuu qaba

Qaamni Ol Aanaan qajeelfama Yesuus jala taʼuudhaan hojii Dhugaa Baatota Yihowaa gurmeessa. Yesuus Kiristiyaanota jaarraa jalqabaatti turan haaluma kanaan geggeessaa ture. VIIDIYICHA taphachiisaa.

Qorontos Tokkoffaa 14:33, 40 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Caqasoonni kun Yihowaan Dhugaa Baatonni isaa akka gurmaaʼan kan barbaadu taʼuu isaa kan argisiisan akkamitti?

4. Garbichi amanamaan hojii lallabaa gurmeessaa jira

Hojii guddaan Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa hojjechaa turan hojii lallabaa ti. Hojii Ergamootaa 8:14, 25 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa keessaa hojii lallabaatiif qajeelfama kennaa kan ture eenyu?

  • Pheexirosii fi Yohaannis qajeelfama obboloota akkuma isaanii ergamoota taʼan irraa isaanii kennameef deebii akkamii kennan?

Hojii guddaan Qaamni Ol Aanaan gurmeessaa jiru hojii lallabaa ti. VIIDIYICHA taphachiisaa.

Yesuus hojiin lallabaa barbaachisaa taʼuu isaa dubbateera. Maarqos 13:10 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Qaamni Ol Aanaan hojii lallabaatiif bakka guddaa kan kennu maaliifi?

  • “Garbichi amanamaanii fi ogeessi” hojii addunyaa maratti raawwatamu kana akka qindeessu kan barbaachise maaliifi?

5. Garbichi amanamaan qajeelfama kenna

Qaamni Ol Aanaan Kiristiyaanota addunyaa maratti argamaniif qajeelfama kenna. Qajeelfama akkamii kennuu akka qabu kan murteessu akkamitti? Qaamni ol aanaan jaarraa jalqabaatti ture kana gochaa kan ture akkamitti akka taʼe ilaali. Hojii Ergamootaa 15:1, 2 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa tokko tokko maal irratti wal falmaa turan?

  • Phaawulos, Barnaabaasii fi obboloonni kaan dhimma kanaaf furmaata argachuuf eenyu bira dhaqan?

Hojii Ergamootaa 15:12-18, 23-29 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Qaamni ol aanaan jaarraa jalqabaatti ture murtoo gochuu isaa dura dhimmicha ilaalchisee qajeelfama Waaqayyoo argachuuf maal godhe?—Lakkoofsa 12, 15 fi 28 ilaali.

Hojii Ergamootaa 15:30, 31 fi 16:4, 5 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa qajeelfama qaamni ol aanaan isaanii kenneef deebii akkamii kennan?

  • Yihowaan ajajamuu isaaniitiif kan isaan eebbise akkamitti?

Ximotewos Lammaffaa 3:16 fi Yaaqoob 1:5 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Yeroo harʼaatti Qaamni Ol Aanaan murtoo yommuu godhu qajeelfama argachuuf maal godha?

NAMOONNI TOKKO TOKKO AKKANA JEDHU: “Wanta Qaamni Ol Aanaan jedhu yoo dhageesse namoota hordofaa jirta jechuu dha.”

  • Yesuus Qaama Ol Aanaa geggeessaa akka jiru wanti si amansiise maali dha?

MAAL BARATTE?

Qaamni Ol Aanaan ‘garbicha amanamaa fi ogeessa’ Kiristoosiin muudame dha. Kiristiyaanota addunyaa mara irratti argamaniif qajeelfamaa fi nyaata hafuuraa kenna.

Irra Deebii

  • ‘Garbicha amanamaa fi ogeessa’ kan muude eenyu?

  • Qaamni Ol Aanaan kunuunsa kan nuuf godhu akkamitti?

  • Qaamni Ol Aanaan ‘garbicha amanamaa fi ogeessa’ taʼuu isaa ni amantaa?

Galma

QORANNOO DABALATAA GODHI

Qaamni Ol Aanaan hojii isaa kan qindeessu akkamitti akka taʼe ilaali.

“Qaamni Olaanaa Dhugaa Baatota Yihowaa Maalidha?” (Mata duree jw.org irratti baʼe)

Qaamni Ol Aanaan nyaata hafuuraa sirrii akka argannu gochaa kan jiru akkamitti akka taʼe baradhu.

Barreeffamoota Sirrii Taʼan Qopheessuu (17:18)

Miseensonni Qaama Ol Aanaa hojii Yesuus isaaniif kenne raawwachuu ilaalchisee maaltu isaanitti dhagaʼama?

Mirga Iddoo Guddaa Qabu (7:04)

Walgaʼiiwwan gumii fi walgaʼiiwwan guguddaan Yihowaan Qaama Ol Aanaa geggeessaa akka jiru kan mirkaneessan akkamitti?

Yihowaan Saba Isaa Barsiisaa Jira (9:39)