Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Irra Deebii Kutaa 2⁠ffaa

Irra Deebii Kutaa 2⁠ffaa

Barsiisaa kee wajjin gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa:

  1. Waaqayyo amantaa sobaa irratti tarkaanfii akkamii fudhata?

    (Barumsa 13 ilaali.)

  2. Baʼuu 20:4-6 dubbisaa.

    • Yihowaan namoonni fakkiiwwanitti fayyadamanii akka isa waaqeffatan yommuu dubbatan maaltu isatti dhagaʼama?

      (Barumsa 14 ilaali.)

  3. Yesuus eenyu?

    (Barumsa 15 ilaali.)

  4. Amalawwan Yesuus keessaa caalaatti kan si hawwatu isa kami?

    (Barumsa 17 ilaali.)

  5. Yohaannis 13:34, 35 fi Hojii Ergamootaa 5:42 dubbisaa.

    • Yeroo harʼaatti Kiristiyaanonni dhugaan eenyu faʼi? Kiristiyaanota dhugaa taʼuu isaanii kan si amansiise maali dha?

      (Barumsa 18 fi 19 ilaali.)

  6. Mataan gumii Kiristiyaanaa eenyu? Geggeessaa kan jiru hoo akkamitti?

    (Barumsa 20 ilaali.)

  7. Maatewos 24:14 dubbisaa.

    • Raajiin kun yeroo harʼaatti raawwatamaa kan jiru akkamitti?

    • Misiraachicha eenyufaatti himaa jirta?

      (Barumsa 21 fi 22 ilaali.)

  8. Cuuphamuun galma faayidaa guddaa qabu sitti fakkaataa? Maaliif?

    (Barumsa 23 ilaali.)

  9. Seexanaa fi jinniiwwan irraa of eeguu kan dandeessu akkamitti?

    (Barumsa 24 ilaali.)

  10. Kaayyoon Waaqayyo nuuf qabu maali dha?

    (Barumsa 25 ilaali.)

  11. Ilmaan namootaa kan rakkatanii fi kan duʼan maaliifi?

    (Barumsa 26 ilaali.)

  12. Yohaannis 3:16 dubbisaa.

    • Yihowaan cubbuu fi duʼa irraa nu oolchuuf maal godheera?

      (Barumsa 27 ilaali.)

  13. Lallaba 9:5 dubbisaa.

    • Yeroo duunu maal taana?

    • Yesuus namoota duʼanii fi biliyoonaan lakkaaʼamaniif maal godha?

      (Barumsa 29 fi 30 ilaali.)

  14. Mootummaan Waaqayyoo bulchiinsa kaan hunda irra kan caalu akkamitti?

    (Barumsa 31 fi 33 ilaali.)

  15. Mootummaan Waaqayyoo yeroo ammaatti bulchaa akka jiru ni amantaa? Maaliif? Bulchuu kan jalqabe hoo yoomi?

    (Barumsa 32 ilaali.)