Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Seensa

Seensa

Kitaabni Caqasoota Jireenya Kiristiyaanaatiif Taʼan jedhamu kun, caqasootaa fi seenaawwan Kitaaba Qulqulluu rakkoowwan jireenya kee keessatti si mudatan moʼuuf si gargaaran salphaatti argachuuf si gargaara. Akkasumas caqasoota Kitaaba Qulqulluu warra kaan jajjabeessuu fi murtoo Yihowaaf ulfina fidu akka murteessan gargaaruuf si dandeessisan argachuuf si gargaara. Mata duree barbaaddu tokko erga filattee booda gaaffiiwwanii fi seenaawwan Kitaaba Qulqulluu gabaabfamanii kaaʼamanitti fayyadamuudhaan qorannaa gochuu dandeessa. (Mataduree,Saanduqa “ Kitaaba Kanatti Akkamitti Fayyadamuu Dandeessa?” jedhu ilaali.) Kitaaba kanatti yommuu fayyadamtu, Dubbii Waaqayyoorraa gorsa, qajeelfamaa fi jajjabina si barbaachisu argatta. Akkasumas, qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu namoota kaan karaa hafuuraa jajjabeessuuf, rakkoowwan isaanii furuuf, gorsaa fi jajjabina isaaniif kennuuf si gargaaran irraa argatta.

Barreeffamni kun caqasoota mata duree tokkoo wajjin wal qabatan hunda hin tarreessu. Taʼus caqasoota caalaatti si fayyadan argachuuf si gargaara; sana booda yoo barbaadde meeshaalee qorannaa kaan fayyadamuu ni dandeessa. (Fak 2:1-6) Gadi fageenyaan qorachuuf, caqasoota wal fakkaatanitti fayyadami. Waaʼee caqasa tokkoo caalaatti baruu fi akkaataa itti hojiirra oolchuu dandeessu beekuuf Barreeffama Qorannaa Dhugaa Baatota Yihowaa Gargaaruuf Qophaaʼetti fayyadami. Dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu ilaalchisee hubannaa sirrii qabaachuuf barreeffamoota dhiheenyatti maxxanfamanitti fayyadami.

Barreeffamni Caqasoota Jireenya Kiristiyaanaatiif Taʼan jedhamu kun ogummaa, beekumsaa fi hubannaa Kitaaba Qulqulluu argachuuf akka si gargaaru hawwina. Barreeffama kanatti yeroo fayyadamtu, “Dubbiin Waaqayyoo jiraataa fi humna qabeessa” akka taʼe caalaatti amanta. —Ibr 4:12.