Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gorsa

Gorsa

Gorsa dhagaʼuu

Gorsa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe argachuuf carraaquu kan qabnu maaliifi?

Gocha keenyaaf sababa dhiheessuu mannaa gorsa nuuf kennamu dhaggeeffachuu wayya kan jennu maaliifi?

Fak 12:15; 29:1

Dabalataanis Fak 1:23-31; 15:31 ilaali

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • 1Sa 15:3, 9-23—Saamuʼel raajichi yommuu Saaʼoliif sirreeffama kennetti Saaʼol sababa dhihessuudhaan gorsicha fudhachuu dide, kanaan kan kaʼes Yihowaa biratti fudhatama dhabe

    • 2Se 25:14-16, 27—Amaaziyaa Mootichi cubbuu raawwate, achiis sirreeffama raajiin Yihowaa isaaf kenne fudhachuu dide, kanaan kan kaʼes surraa fi eegumsa Yihowaa dhabe

Ilaaltota olaanoo gorsa nuu kennan kabajuu kan qabnu maaliifi?

1Ta 5:12; 1Xi 5:17; Ibr 13:7, 17

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • 3Yo 9, 10—Diyooxiraaxis obboloota gumii keessatti dursa fudhatanii geggeessan waan hin kabajneef Yohaannis maanguddichi isa balaaleffateera

Maanguddoota dhaggeeffachuu kan qabnu maaliifi?

Lew 19:32; Fak 16:31

Dabalataanis Iyo 12:12; 32:7; Tit 2:3-5 ilaali

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • 1Sa 23:16-18—Daawit Mootichi, gorsa Yonaataan inni gara waggaa 30 isa caalu isaaf kenne dhaggeeffateera, akkasumas jajjabina irraa argateera

    • 1Mo 12:1-17—Rooboʼaam Mootichi gorsa gaarii maanguddoonni isaaf kennan fudhachuu dhiisee gorsa hamaa hiriyoonni isaa isaaf kennan dhaggeeffateera, kunis miidhaa guddaa isarraan geessiseera

Dubartoonni amanamoonii fi dargaggoonni Yihowaa tajaajilan gorsa gaarii kennuu akka dandaʼan wanti argisiisu maalidha?

Iyo 32:6, 9, 10; Fak 31:1, 10, 26; Lal 4:13

Dabalataanis Fr 119:100 ilaali

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • 1Sa 25:14-35—Abigaayil, Daawit mootichaaf gorsa gaarii lubbuu namoota hedduu oolchee fi dhiiga dhangalaasuudhaan akka itti hin gaafatamne isa gargaare isaaf kenniteetti

    • 2Sa 20:15-22—Dubartii ogeettiin magaalaa Abeel keessa jiraattu tokko, gorsa kenniteen guutummaa magaalichaa badiisarraa oolchiteetti

    • 2Mo 5:1-14—Intalli xinnoon lammii Israaʼel taate tokko loltuu cimaan tokko dhukkuba nadaayii irraa akkamitti fayyuu akka dandaʼu isatti himteetti

Gorsa namoonni Yihowaa ykn Dubbiisaa hin kabajne nuuf kennan dhaggeeffachuu kan hin qabne maaliifi?

Fr 1:1; Fak 4:14

Dabalataanis Luq 6:39 ilaali

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • 1Se 10:13, 14—Saaʼol Mootichi Yihowaa dhiisee eker dubbistuu gorsa gaafateera; haala kanaan Yihowaadhaaf waan hin ajajamneef duʼeera

    • 2Se 22:2-5, 9—Akaaziyaan Mootichi gorsitoota hamoo filateera; kunis duʼa isarraan geessiseera

    • Iyo 21:7, 14-16—Iyyoob yaada namoota Yihowaa hin kabajnee fudhachuu dideera

Gorsuu

Gorsuu keenya dura, odeeffannoo guutuu argachuunii fi gama lamaaniinuu namoota dhimmisaa ilaallatu dhaggeeffachuun baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

Fak 18:13, 17

Dabalataanis Fak 25:8 ilaali

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • 1Sa 1:9-16—Eelii lubni olaanaan haala Haannaa hubachuusaa dura, dubartiin amanamtuun kun akka machoofte yaaduudhaan gorsa cimaa ishiif kenneera

    • Mat 16:21-23—Pheexiros odeeffannoo guutuu utuu hin argatin, wanta Yihowaan barbaadu utuu hin taʼin, wanta Seexanni barbaadu akka raawwatu Yesuusiin gorseera

Gorsa kennuu keenya dura Yihowaan akka nu qajeelchu kadhachuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

Fr 32:8; 73:23, 24; Fak 3:5, 6

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Bau 3:13-18—Museen gaaffii Israaʼeloonni gaafachuu dandaʼaniif deebii gaarii akkamii kennuu akka dandaʼu Yihowaa gaafateera

    • 1Mo 3:5-12—Solomoon Mootichi inni dargaggeessa ture, ofitti amanamuu mannaa Yihowaan ogummaa akka isaaf kennu gaafateera; kunimmoo eebba Yihowaa isaaf argamsiiseera

Yommuu Gorsa kenninuu fi gaaffii gaafatamneef deebii yommuu kenninu dubbii Waaqayyoorratti hundaaʼuu kan qabnu maaliifi?

Fr 119:24, 105; Fak 19:21; 2Xi 3:16, 17

Dabalataanis Kes 17:18-20 ilaali

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Mat 4:1-11—Yesuus qorumsa Seexanaatiif deebii kan kenne, ogummaa mataasaatiin utuu hin taʼin, dubbii Waaqayyoo irratti hundaaʼeeti

    • Yoh 12:49, 50—Yesuus wanti inni barsiisu hundi wanta abbaansaa isa barsiise irratti akka hundaaʼe ibseera; kunimmoo fakkeenya gaarii nuuf taʼa

Yeroo gorsa kenninutti garraamii taʼuuf carraaquu, darbees yoo dandaʼame yommuu gorsa kenninu nama sana galateeffachuu kan qabnu maaliifi?

Gal 6:1; Qol 3:12

Dabalataanis Isa 9:6; 42:1-3; Mat 11:28, 29 ilaali

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • 2Se 19:2, 3—Yihowaan raajiisaatti fayyadamee Yoshaafaax Mooticha kan sirreesse taʼus, wanta gaarii inni raawwateef isa galateeffateera

    • Mul 2:1-4, 8, 9, 12-14, 18-20—Yesuus gumiiwwan hedduudhaaf gorsa kennuusaa dura isaan galateeffateera

Kiristiyaanni tokko obboleessi kan biraan isa gowwomsuudhaan ykn maqaa balleessuudhaan akka isa miidhe yoo nutti himate, obboleessa sana dhuunfaatti akka haasofsiisu jajjabeessuun keenya gaarii kan taʼe maaliifi?

Mat 18:15-17; Luq 17:3

Dabalataanis Lew 19:17 ilaali

Kiristiyaanni miidhame tokko garaa akka laafu, obsa akka argisiisuu fi dhiifama akka godhu jajjabeessuu kan dandeenyu akkamitti?

Mat 18:21, 22; Mar 11:25; Luq 6:36; Efe 4:32; Qol 3:13

Dabalataanis Mat 6:14; 1Qo 6:1-8; 1Ph 3:8, 9 ilaali

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Mat 18:23-35—Yesuus dhiifama gochuun keenya hammam barbaachisaa akka taʼe ibsuuf fakkeenya baayʼee cimaa taʼe tokkotti fayyadameera

Yeroo gorsa kenninutti ulaagaa qajeelinaa Yihowaa laaffisuu kan hin qabne maaliifi?

Fr 141:5; Fak 17:10; 2Qo 7:8-11

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • 1Sa 15:23-29—Saamuʼel raajichi, Saaʼol Mooticha sodaatee gorsa isaaf kennuu hin dhiisne

    • 1Mo 22:19-28—Mikaayaan raajichi, kan doorsifamee fi jalʼinni kan isarratti raawwatame taʼus, ergaa akeekkachiisaa Ahaab Mootichatti himuu qabu jijjiiree isatti hin himne

Nama tokko karaa hafuuraa utuu hin miidhin gorsa isaaf kennu kan dandeenyu akkamitti?

Ibr 12:11-13

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Luq 22:31-34—Yesuus, Pheexiros dogoggora cimaa kan raawwate taʼus, warra kaan jajjabeessuu akka inni dandaʼu akka amanu isaaf ibseera

    • Flm 21—Phaawulos, Fiilmoon gorsa waaqayyoo akka fudhatu akka amanu isaaf ibseera

Namoota dhiphataniif ykn namoota hamileen isaanii cabeef yommuu gorsa kenninu garummaa argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

Kaayyoon keenya namni cubbuu raawwate sun deebisee Yihowaa wajjin hariiroo gaarii akka qabaatu gargaaruu akka taʼe akkamitti argisiisuu dandeenya?

Umuriin isaanii ykn saalli isaanii maaliyyuu yoo taʼe namoota gorsinu akka kabajnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

Jaarsoliin nama irra deddeebiʼee gorsa Kitaaba Qulqulluu cabse tokkoof sirreeffama cimaa kennuu kan qaban maaliifi?

1Qo 5:9, 11, 13; 1Xi 5:20; Tit 3:10

Dabalataanis “Gumiidhaa Baasuu” isa jedhu ilaali