Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Jabaatanii Dhaabbachuu

Jabaatanii Dhaabbachuu

Tajaajiltoonni Yihowaa jabaatanii dhaabbachuun isaan barbaachisaa?

Namoonni tokko tokko hojii lallabaa keenyaaf dantaa dhabuu akka dandaʼan, darbees akka nu morman eeguu kan qabnu maaliifi?

Mat 10:22; Yoh 15:18, 19; 2Qo 6:4, 5

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • 2Ph 2:5; Uma 7:23; Mat 24:37-39—Noh ‘qajeelummaa lallabaa’ kan ture taʼus namoonni isa hin dhaggeeffanne, bishaan badiisaarraa kan oole isaa fi maatiisaa qofa turan

    • 2Xi 3:10-14—Phaawulos, Ximotewos rakkina keessatti jabaatee akka dhaabbatu isa jajjabeessuuf fakkeenya ofii isaatti fayyadamee isa gorseera

Miseensonni maatii keenyallee nu ariʼachuu akka dandaʼan eeguu kan qabnu maaliifi?

Mat 10:22, 36-38; Luq 21:16-19

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Uma 4:3-11; 1Yo 3:11, 12—Qaayin hojiin isaa hamaa, kan obboleessa isaammoo qajeelaa waan taʼeef Abeeliin ajjeeseera

    • Uma 37:5-8, 18-28—Obboloonni Yoseef boolla keessa isa buusaniiru akkasumas garbummaatti isa gurguraniiru, sababiin kana itti godhan keessaa tokko abjuu Yihowaan isatti argisiise waan isaanitti himeef ture

Yommuu ariʼatamnutti duʼa sodaachuu kan hin qabne maaliifi?

Mat 10:28; 2Xi 4:6, 7

Dabalataanis Mul 2:10 ilaali

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Dan 3:1-6, 13-18—Shaadraak, Meeshaakii fi Abedneegoon ejjennoo isaanii laaffisanii waaqa tolfamaa waaqeffachuu mannaa duʼuu filatanii turan

    • HoE 5:27-29, 33, 40-42—Ergamoonni akka ajjeefaman kan doorsifaman taʼus lallabuu isaanii itti fufuudhaan jabaatanii dhaabbataniiru

Yommuu adabamnuttillee Yihowaadhaaf amanamoo taanee itti fufuuf maaltu nu gargaara?

Fak 3:11, 12; Ibr 12:5-7

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

Warri kaan amanamoo utuu hin taʼin hafuun isaanii jabaannee dhaabbachuun akka nutti ulfaatu gochuu kan dandaʼu akkamitti?

Er 1:16-19; An 1:2-4

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Fr 73:2-24—Faarfatichi nagaa fi badhaadhina hamoonni qabanirratti erga yaadee booda faayidaa amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluun qabu shakkee ture

    • Yoh 6:60-62, 66-68—Namoonni hedduun Yesuus duukaa buʼuu kan dhiisan taʼus, amantiin Pheexiros qabu Yesuus duukaa buʼuusaa akka itti fufu isa kakaaseera

Jabaannee dhaabbachuuf wanti nu gargaaru maalidha?

Yihowaatti maxxanuu

Qoʼachuu fi xiinxaluudhaan beekumsa dubbii Waaqayyoo argachuu

Dhaabbataadhaan Yihowaatti kadhannaa garaadhaa madde dhiheessuu

Rom 12:12; Qol 4:2; 1Ph 4:7

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Dan 6:4-11—Daaniʼel raajichi lubbuu isaa balaadhaaf kan saaxilu taʼus ifattii fi dhaabbataadhaan kadhata ture

    • Mat 26:36-46; Ibr 5:7—Yesuus halkan dhumaa lafarratti dabarsetti cimsee kadhateera, warri kaanis akkas akka godhan jajjabeesseera

Waaqeffannaadhaaf obboloota keenyaa wajjin dhaabbataadhaan walitti qabamuu

Abdii Yihowaan nuuf kenne irratti xiyyeeffachuu

Yihowaaf, obbolootaa fi obboleettota keenyaaf akkasumas qajeelummaaf jaalala qabnu cimsachuu

Amantii keenya cimsachuu

Rakkina nurra gaʼuuf ilaalcha sirrii qabachuu

Faayidaa amanamummaadhaan dandaʼuun argamsiisu tokko tokko maalfaʼi?

Yihowaaf ulfina fidna

Fak 27:11; Yoh 15:7, 8; 1Ph 1:6, 7

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Iyo 1:6-12; 2:3-5—Seexanni amanamummaa Iyyoob irratti gaaffii kaasee ture, gaaffiin kun deebii argachuu kan dandaʼu Iyyoob amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluusaa yoo itti fufedha

    • Rom 5:19; 1Ph 1:20, 21—Yesuus, Addaam irraa haala adda taʼeen hamma dhumaatti amanamaa taʼuudhaan, gaaffii, ‘Namni mudaa hin qabne tokko yoo qorumsi guddaan isarra gaʼe amanamummaasaa eeguu dandaʼaa?’ jedhuuf deebii kenneera

Warri kaan jabaatanii akka dhaabbatan isaan jajjabeessina

Jabaannee dhaabbachuun tajaajilli keenya buʼa qabeessa akka taʼu godha

Yihowaa biratti fudhatama nuuf argamsiisa, akkasumas eebba inni waadaa nuuf gale nuuf argamsiisa