Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Maatii

Maatii

Maatii kan hundeesse Yihowaadha

Warra

Warra” isa jedhu ilaali

Abbaa

Abbaa” isa jedhu ilaali

Haadha

Haadholii” isa jedhu ilaali

Abbaa manaa, haadha manaa

Gaaʼela” isa jedhu ilaali

Ilmaanii fi Intaloota

Ijoolleen maatii keessatti itti gaafatamummaa akkamii qabu?

Ijoolleen warra isaaniif ajajamuu kan qaban maaliifi?

Efe 6:1-3; Qol 3:20

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Fr 78:1-8—Israaʼelonni ijoolleen isaanii Waaqatti akka amanamanii fi finciltoota akka hin taaneef, wanta abbootiin isaanii erga Yihowaan seera isaa isaaniif kennee booda raawwatan isaanitti himu turan

    • Luq 2:51, 52—Yesuus cubbuu kan hin qabne ture. Taʼus, yeroo ijoollee turetti warra isaa mudaa qabaniif ni ajajama ture

Ijoolleen warra isaanii kabajuun kan isaanitti ulfaatu maaliif taʼuu dandaʼa?

Waaqayyo ijoollee finciltoota taʼan akkamitti ilaala?

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Kes 21:18-21—Seerri Musee mucaan mata jabeessaa fi machaaʼaa taʼe, akkasumas sirreeffamuuf tole hin jenne duʼaan akka adabamu ajaja

    • 2Mo 2:23, 24—Ijoolleen bara Elsaaʼi raajichaatti turan, bakka buʼaa Waaqayyo kanatti waan qoosaniif baayʼeen isaanii amaaketoota lamaan nyaatamaniiru

Warri mirga ijoollee guddisuuf argatan akkamitti ilaaluu qabu?

Fr 127:3; 128:3

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Lew 26:9—Israaʼelonni ijoollee godhachuu isaanii akka eebba Yihowaatti ilaalu turan

    • Iyo 42:12, 13—Yihowaan amanamummaa guddaa Iyyoob argisiiseef, isaa fi haadha manaasaaf ijoollee dabalataa kudhan kennuudhaan isaan eebbiseera

Yihowaan ijoolleen obbolaa taʼan maal akka waliif godhan barbaada?

Fr 34:14; Fak 15:23; 19:11

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Uma 27:41; 33:1-11—Yaaqoob obboleessa isaa waan kabajee fi nagaa uumuuf carraaqqii cimaa waan godheef, Esaawu isaa wajjin nagaa uumeera

Ijoolleen, erga guddatanii booda warra isaaniif, akkasumas akkoo fi akaakayyuu isaaniif maal gochuu qabu?

Fak 23:22; 1Xi 5:4

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Uma 11:31, 32—Abraam yeroo Uurii baʼetti abbaa isaa Taaraa fudhatee deemeera, hamma inni duʼuttis isa kunuunseera

    • Mat 15:3-6—Yesuus, ijoolleen erga guddatanii booda gargaarsa warra isaaniitiif barbaachisu gochuu akka qaban argisiisuuf Seera Museetti fayyadameera

Amaatii fi Abbiyyuu

Amaatii fi Abbiyyuu” isa jedhu ilaali

Akaakayyuu fi Akkoo

Akaakayyuu fi Akkoo” isa jedhu ilaali