Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Bilisummaa

Bilisummaa

Uumama cufa keessatti bilisummaa daangaa hin qabne kan qabu eenyu qofadha?

Isa 40:13, 15; Rom 9:20, 21

Dabalataanis Rom 11:33-36 ilaali

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Dan 4:29-35—Nebukadnezaar Mootichi inni aangoo guddaa qabu, Yihowaan aangoo hunda caalu akka qabuu fi wanta inni gochuu qabu eenyuyyuu isatti himuu akka hin dandeenye hubateera

    • Isa 45:6-12—Yihowaan Uumaa waan taʼeef wanta garaa garaa kan raawwatu maaliif akka taʼe nutti himuuf dirqamni isarra hin jiru

Yihowaan bilisummaa daangaa hin qabne kan qabu taʼus, wantoonni inni raawwachuu dhiisuuf filate tokko tokko maalfaʼi?

Bilisummaan keenya daangeffamaadha kan jennu maaliif?

Kiristiyaanonni warra kaaniif jedhanii bilisummaa isaanii daangessuu kan qaban maaliif?

Tajaajiltoonni Yihowaa bilisummaa guddaa qabu kan jennu maaliifi?

Jireenya keenya Waaqayyoon tajaajiluuf itti fayyadamuun gammachuu kan argamsiisu maaliif?

Fr 40:8

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Uma 18:3; Ibr 11:8-10—Abrahaam abdii Waaqayyo isaaf kenne matumaa hin irraanfanne, kunis Yihowaa tajaajiluusaa akka itti fufu isa gargaareera

    • Ibr 11:24-26—Musee raajichi Yihowaa tajaajiluunsaa gammachuu, bilisummaa fi abdii guddaa isaaf argamsiiseera

Yihowaan garbummaa maalii jalaa bilisa nu baase?

Bilisummaa keenya karaa dogoggoraatiin itti fayyadamuu kan hin qabne maaliifi?

Kiristiyaanonni bilisummaa isaanii tokko tokkotti akka hin fayyadamne jaalalli isaan kakaasuu kan dandaʼu yoomi?

Ergaan keenya namoota bilisa kan baasu akkamitti?

Kitaabni Qulqulluun gara fuulduraatti bilisummaa akkamii akka argannu ibsa?

Namoonni wanta barbaadan raawwatan garboota kan taʼan akkamitti?

Akka ilaalcha Waaqayyootti namoonni hundi walqixa akka taʼan wanti argisiisu maalidha?