Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Garaa

Garaa

Kitaabni Qulqulluun garaa inni fakkeenyaan ibsame yaada, karoora, amalaa fi miira dabalatee keessa nama tokkoo akka argisiisu kan ibsu akkamitti?

Fr 49:3; Fak 16:9; Luq 5:22; HoE 2:26

Dabalataanis Kes 15:7; Fr 19:8 ilaali

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Luq 9:46-48—Yesuus ergamoonnisaa aangoo argachuuf fedhii cimaa akka qaban garaasaanii keessatti waan argeef isaan sirreesseera

Garaa keenya eeggachuun baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

1Se 28:9; Fak 4:23; Er 17:9

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Uma 6:5-7—Hammeenyi garaa namootaa keessa jiru jalʼina akka raawwatan godheera. Kunimmoo Waaqayyo Bishaan Badiisaa akka fidu isa kakaaseera

    • 1Mo 11:1-10—Solomoon Mootichi dubartoota biyya ormaa garaansaa Yihowaarra akka fagaatu godhan fuudhuudhaan garaasaa utuu hin eeggatin hafeera

    • Mar 7:18-23—Yesuus garaan wantoota namni tokko Waaqayyo duratti xuraaʼaa akka taʼu godhan hundumaatiin akka guutame ibseera

Garaa keenya eeggachuu kan dandeenyu akkamitti?

Fr 19:14; Fak 3:3-6; Luq 21:34; Flp 4:8

Dabalataanis Iz 7:8-10; Fr 119:11 ilaali

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Efe 6:14-18; 1Ta 5:8—Phaawulos meeshaawwan waraanaa hafuuraa yommuu ibsu, akkuma uffanni qomaa onnee nama tokkoo eegu, qajeelummaan, amantii fi jaalalli garaa keenya isa fakkeenyaan ibsame eeguu akka dandaʼu ibseera

Garaa keenya isa fakkeenyaan ibsame keessa rakkinni jiraachuu fi dhiisuu isaa akkamitti beekna?

Fak 21:2-4; Ibr 3:12

Dabalataanis Fak 6:12-14 ilaali

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • 2Se 25:1, 2, 17-27—Amaaziyaa Mootichi yeroo muraasaaf wanta Waaqayyo duratti sirrii taʼe raawwateera, taʼus garaa guutuudhaan hin raawwanne; kanaafuu yeroo booda of tuulaa waan taʼee fi amanamaa utuu hin taʼin waan hafeef miidhaan isarra gaʼeera

    • Mat 7:17-20—Yesuus akkuma mukti gaarii hin taane firii gaarii hin taane godhatu, garaan wanta hamaadhaan guutames gocha gadhee raawwachuutti akka nama geessu ibseera

Garaa gaarii qabaachuuf carraaquu kan qabnu maaliifi? Kana gochuu kan dandeenyuhoo akkamitti?

Fak 10:8; 15:28; Luq 6:45

Dabalataanis Fr 119:97, 104; Rom 12:9-16; 1Xi 1:5 ilaali

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • 2Mo 20:1-6—Hisqiyaas Mootichi yeroo duʼuuf jedhetti, garaa guutuudhaan akka tajaajile ibsuudhaan Yihowaan gara laafina akka isatti argisiisu kadhateera

    • Mat 21:28-32—Yesuus, haalli garaa nama tokkoo caalaatti kan mulʼatu wanta inni akka raawwatu dubbatuun utuu hin taʼin, gocha isaatiin akka taʼe fakkeenya tokkoon ibseera

Yihowaan wanta garaa keenya keessa jiru akka argu beekuun kan nu jajjabeessu maaliifi?

1Se 28:9; Er 17:10

Dabalataanis 1Sa 2:3 ilaali

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • 1Sa 16:1-13—Saamuʼel raajichi wanti alaan mulʼatu Yihowaarratti dhiibbaa akka hin goone hubateera; kanaa mannaa inni garaa namaa ilaala

    • 2Se 6:28-31—Kadhannaan Solomoon Mootichi yeroo manni qulqullummaa Yihowaadhaaf murteeffametti dhiheesse, Waaqayyo wanta garaa keenya keessa jiru gara laafinaan, akkasumas sirriitti akka ilaalu argisiisa