Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Qabeenya Jaallachuu

Qabeenya Jaallachuu

Kitaabni Qulqulluun qarshii qabaachuu ykn qabeenya horachuu ni balaaleffataa?

Lal 7:12

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • 1Mo 3:11-14—Yihowaan, Solomoon Mootichi waan gad of qabeef qabeenya guddaa isaaf kenneera

    • Iyo 1:1-3, 8-10—Iyyoob baayʼee sooressa ture, haataʼu malee, hunda caalaa kan beekamu Waaqayyoof amanamaa taʼuu isaatiini

Qarshii fi qabeenya walitti qabachuun gammachuu ykn nagaa sammuu kan nuuf hin argamsiisne maaliifi?

Qabeenyi faayidaa kan nuuf hin argamsiisne yeroowwan akkamiittidha?

Qarshii fi qabeenyi balaa guddaa akkamii qaba?

Humni qabeenyi qabu nu gowwoomsuu kan dandaʼu akkamitti?

Fak 11:4, 18, 28; 18:11; Mat 13:22

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • HoE 8:18-24—Simoon, gumii Kiristiyaanaa keessatti qarshiidhaan mirga bitachuu akka dandaʼu yaaduunsaa gowwummaa ture

Jaalalli qarshii maal nu dhabsiisuu dandaʼa?

Mat 6:19-21; Luq 17:31, 32

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Mar 10:17-23—Dargaggeessi sooressi garmalee qabeenya jaallatu tokko mirga Yesuus duukaa buʼuu dhabeera

    • 1Xi 6:17-19—Phaawulos ergamaan, Kiristiyaanonni sooreyyii taʼan of tuuluudhaan Waaqayyo duratti fudhatama akka hin dhabne akeekkachiiseera

Qabeenya jaallachuun amantii keenya laaffisuudhaan Waaqayyo duratti fudhatama nu dhabsiisuu kan dandaʼu akkamitti?

Kes 8:10-14; Fak 28:20; 1Yo 2:15-17

Dabalataanis Fr 52:6, 7; Amo 3:12, 15; 6:4-8 ilaali

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Iyo 31:24, 25, 28—Iyyoob qabeenya amanachuun balaa akka qabu, jechuunis Waaqayyoon ganuu wajjin tokko akka taʼe sirriitti hubateera

    • Luq 12:15-21—Yesuus waaʼee nama sooressa Waaqayyo biratti sooressa hin taane tokkoo ibsuudhaan, waaʼee qabeenya jaallachuu akeekkachiiseera

Wanta qabnutti gammannee jiraachuu kan dandeenyu akkamitti?

Qabeenya foonii caalaa gatii kan qabu qabeenya isa kamidha? Maaliifi?

Fak 3:11, 13-18; 10:22; Mat 6:19-21

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Hag 1:3-11—Yihowaan sabni isaa mana qulqullummaa isaa deebisanii ijaaruu dhiisanii mana ofii isaanii irrattii fi gammachuu argachuu irratti waan xiyyeeffataniif, qabeenya fooniis akka isaan dhowwatu karaa Haagee isaan akeekkachiiseera

    • Mul 3:14-19—Gumiin Lodooqiyaa Waaqayyoon tajaajiluu caalaa qabeenya fooniitiif iddoo guddaa waan kenneef Yesuus itti dheekkameera

Yihowaan wanta jireenyaaf nu barbaachisu akka nuuf kennu isa amanachuu kan qabnu maaliifi?