Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Bilchina Hafuuraa

Bilchina Hafuuraa

Kiristiyaanonni hundi bilchina hafuuraa qabaachuuf carraaquu kan qaban maaliifi?

Beekumsi Kitaaba Qulqulluu bilchina hafuuraa qabaachuuf nu gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?

Bilchina hafuuraa qabaachuu kan dandaʼan maanguddoota qofadha?

Iyo 32:9; 1Xi 4:12

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Dan 1:6-20—Daaniʼelii fi michoonni isaa sadan dargaggoota kan turan taʼanis bilchinaa fi amanamummaa addaa akka qaban argisiisaniiru

    • HoE 16:1-5—Ximotewos tarii yeroo waggaa 20 ykn isaa gad turetti itti gaafatamummaa guddaan isaaf kennamee ture

Gumii keessaa michoota gaarii qabaachuun keenya dhiibbaa gaarii akkamii nurratti gochuu dandaʼa?

Kiristiyaanota bilchaatoo taʼuun keenya akkamitti mulʼachuu dandaʼa?

Kiristiyaanni bilchaataan tokko gumii keessatti itti gaafatamummaa dabalataa fudhachuuf fedhii qabaachuu kan qabu maaliifi?

Lallabuu fi barsiisuu irratti karaan bilchaatoo fi buʼa qabeeyyii taʼuu itti dandeenyu isa kam qofadha?

Luq 21:14, 15; 1Qo 2:6, 10-13

Dabalataanis Luq 11:13 ilaali

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Mat 10:19, 20—Yesuus duuka buutonni isaa yeroo murtiitti dhihaatan maal jedhanii dhugaa akka baʼan hafuurri qulqulluun akka isaan beeksisu isaaniif mirkaneesseera