Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dulluma; Maanguddoota

Dulluma; Maanguddoota

Yeroo dulloomaa deemnu maal taana?

Fr 71:9; 90:10

Dabalataanis “Jajjabina—Sababa dhukkubaa fi dullumaatiin hamma yaadne hojjechuu dadhabuu” isa jedhu ilaali

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Lal 12:1-8—Solomoon Mootichi rakkinoota dulluma keessa dhufan tokko tokko fakkeenyaan ibseera, fakkeenyaaf sirriitti arguu dadhabuu (“giiftiiwwan karaa foddaa ilaalan isaanitti dukkanaaʼa”) fi sirriitti dhagaʼuu dadhabuu (“sagaleen sirba ijoollee durbaa ni dadhaba”) caqaseera

Maanguddoonni sababa dullumaatiin rakkinni garaa garaa yoo isaan irra gaʼee fi humna yoo dhabanillee gammachuu isaanii eeggachuu ni dandaʼuu?

2Qo 4:16-18; Yaq 1:2-4

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • 1Sa 12:2, 23—Saamuʼel raajichi inni maanguddoo ture, yeroo hunda saba Yihowaatiif kadhachuun isaa baayʼee barbaachisaa akka taʼe beekee ture

    • 2Sa 19:31-39—Daawit Mootichi deggarsa Baarzilaay maanguddichi isaaf godheef galateeffateera; Baarzilaay wanta dabalataa akka hojjetu yommuu gaafatamu gad of qabuudhaan akkas gochuuf humna akka hin qabne dubbateera

    • Fr 71:9, 18—Daawit Mootichi yeroo dulloometti kana booda Yihowaan natti hin fayyadamu jedhee waan sodaateef, Yihowaan akka isa hin dhiisnee fi dhaloota itti aanu waaʼee Yihowaa barsiisuu akka dandaʼuuf jabina akka isaaf kennu kadhateera

    • Luq 2:36-38—Haannaa raajittiin isheen abbaan manaa irraa duʼe, Waaqayyoof waan bultee fi amanamummaadhaan waan tajaajilteef eebbifamteetti

Yihowaan maanguddootaaf bakka guddaa akka kennu kan argisiise akkamitti?

Fr 92:12-14; Fak 16:31; 20:29; Isa 46:4; Tit 2:2-5

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Uma 12:1-4—Yihowaan, Abrahaamiif umurii isaa waggaa 75​tti hojii jireenya isaa guutummaatti jijjiiru isaaf kenneera

    • Dan 10:11, 19; 12:13—Maleekaan tokko yommuu Daaniʼel umurii waggoota 90​nii keessa turetti gara isaa dhaquudhaan, Yihowaa biratti iddoo guddaa akka inni qabuu fi amanamummaa isaatiif akka badhaafamu isatti himeera

    • Luq 1:5-13—Yihowaan, Zakkaariyaasii fi Elsaabex erga dulloomanii booda dinqiidhaan ilma Yohaannis jedhamu akka godhatan gargaaruudhaan isaan eebbiseera

    • Luq 2:25-35—Yihowaan, Simiʼoon maanguddichi mucaa isa Masiihii taʼu akka argu mirga isaaf kenneera; Simiʼoonis hafuuraan geggeeffamee waaʼee mucaa kanaa raajii dubbateera

    • HoE 7:23, 30-36—Musee raajichi Israaʼeliin akka geggeessu yeroo Yihowaan isa muudetti umuriin isaa waggaa 80 ture

Maanguddoonni amanamoon haala akkamiitiin qabamuu qabu?

Lew 19:32; 1Xi 5:1

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Uma 45:9-11; 47:12—Yoseef, abbaa isaa Yaaqoob isa maanguddoo ture ofitti fudhatee hamma inni duʼutti isa kunuunseera

    • Rut 1:14-17; 2:2, 17, 18, 23—Ruut, Naaʼomii ishee maanguddoo turte jechaa fi gocha isheetiin deggerteetti

    • Yoh 19:26, 27—Yesuus yeroo muka dhiphinaa irratti fannifamee ture, Yohaannis ergamaan haadha isaa akka isaaf kunuunsu isatti ishee kenneera

Karaawwan Kiristiyaanonni maanguddoota gumii keessa jiran gargaaruu itti dandaʼan muraasni kamfaʼi?