Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ilaaltota Olaanoo

Ilaaltota Olaanoo

Jaarsoliin gumii keessa jiran hamma dandaʼan ulaagaalee kamfaa guutuu qabu?

Ilaaltonni olaanoon ulaagaalee Kiristiyaanota irraa barbaadaman warra kamfaa guutuu irrattis fakkeenya taʼuu qabu?

Tajaajiltoonni gumii hamma dandaʼan ulaagaalee kamfaa guutuu qabu?

Ilaaltonni olaanoon hafuura qulqulluudhaan muudamu jechuu kan dandeenyu maaliifi?

HoE 20:28

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • HoE 13:2-5; 14:23—Phaawulosii fi Baarnaabaas warri daawwattoota olaanoo taʼan gumiiwwan garagaraa keessatti jaarsolii muudaniiru; daawwattoonni olaanoon yeroo harʼaa jiranis, hafuura qulqulluu argachuuf kadhachuu fi ulaagaalee Kitaaba Qulqulluu isa geggeessaa hafuuraatiin barreeffame keessa jiran sirriitti hordofuudhaan jaarsolii muudu

    • Tit 1:1, 5—Tiitoon gumiiwwan gara garaatti imaluudhaan jaarsolii akka muudu itti gaafatamummaan isaaf kennamee ture

Gumiin kan eenyuuti? Gatii akkamiitu itti kaffalame?

Ilaaltonni olaanoon namoota warra kaan tajaajilan akka taʼanitti kan ibsaman maaliifi?

Ilaaltonni olaanoon gad of qabanii jiraachuu kan qaban maaliifi?

Flp 1:1; 2:5-8; 1Ta 2:6-8; 1Ph 5:1-3, 5, 6

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • HoE 20:17, 31-38—Phaawulos ergamaan hojii waggootaaf hojjete jaarsolii Efesooniif ibseera; isaanis jaalala inni isaanitti argisiiseef isa galateeffataniiru

Ilaaltuu olaanaan tokko qajeelfama ‘Garbicha amanamaa fi ogeessa’ irraa dhufu fudhachuu kan qabu maaliifi?

Karaa gaariin jaarsoliin warra kaan barsiisuu itti dandaʼan isa kamidha?

1Xi 4:12; 1Ph 5:2, 3

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Nah 5:14-16—Nahimiyaa inni bulchaa ture, dinqisiifannaa fi kabaja Yihowaadhaaf qabuun kan kaʼe, faayidaa isaaf malullee dhiisuudhaan, aangoo saba Waaqayyoo irratti qabu karaa sirrii hin taaneen itti fayyadamuu irraa of qusateera

    • Yoh 13:12-15—Yesuus gad of qabuurratti fakkeenya taʼuudhaan duuka buutota isaa barsiiseera

Kiristiyaanni tiksee taʼe tokko namoota gumii keessa jiran hundaaf akka yaadu argisiisuu kan dandaʼu akkamitti?

Jaarsoliin namoota karaa hafuuraa dhukkubsatan kan gargaaran akkamitti?

Jaarsoliin yeroo barsiisanitti itti gaafatamummaa akkamii qabu?

Jaarsoliin, gumiin naamusa qulqulluu qabaatee akka itti fufuuf jabaatanii hojjechuu kan qaban maaliifi?

Jaarsoliin eenyufaa leenjisuurratti dammaqinaan hirmaatu?

2Xi 2:1, 2

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Mat 10:5-20—Yesuus hojii lallabaatiif isaan erguusaa dura ergamoota isaa 12n leenjiseera

    • Luq 10:1-11—Yesuus hojii lallabaatiif isaan erguusaa dura barattoota isaa 70f qajeelfama barbaachisu kenneera

Jaarsoliin hojiiwwan hedduu isaanitti kennaman raawwachuuf maaltu isaan gargaara?

1Ph 5:1, 7

Dabalataanis Fak 3:5, 6 ilaali

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • 1Mo 3:9-12—Solomoon Mootichi hubannaa saba Yihowaatiif murtii kennuuf isa barbaachisu akka isaaf kennu Yihowaa kadhateera

    • 2Se 19:4-7—Yoshaafaax Mootichi magaalota Yihudaa keessatti abbootii murtii muudeera, akkasumas hojii guddaa kana yommuu raawwatan Yihowaan akka isaanii wajjin taʼu isaan yaadachiiseera

Gumiin ilaaltota olaanoo amanamoo taʼan akkamitti ilaaluu qaba?

1Ta 5:12, 13; 1Xi 5:17; Ibr 13:7, 17

Dabalataanis Efe 4:8, 11, 12 ilaali

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • HoE 20:37—Jaarsoliin Efesoon Phaawulos ergamaadhaaf jaalala isaanii ibsuurraa duubatti hin jenne

    • HoE 28:14-16—Phaawulos ergamaan gara Roomaa deemaa yeroo turetti, obboloonni magaalicha keessa jiran Bakka Gabaa Aphiyos jedhamutti isa simachuuf kiilomeetira 65 kan deeman yommuu taʼu, kunis Phaawulosiin baayʼee jajjabeesseera