Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Warra

Warra

Sababiiwwan Yihowaan gaaʼela itti hundeesse tokko tokko maalfaʼi?

Warri ijoollee isaaniitiif ilaalcha akkamii qabaachuu qabu?

Fr 127:3-5; 128:3

Dabalataanis “Ijoollee; Dargaggoota” isa jedhu ilaali

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Uma 33:4, 5—Yaaqoob ijoolleen isaa kennaa Yihowaa biraa argaman akka taʼanitti ilaaleera

    • Bau 1:15, 16, 22; 2:1-4; 6:20—Amraamii fi Yokebeed ilma isaanii Musee eeguuf jecha lubbuusaanii balaadhaaf saaxilanii turan

Warri ijoollee isaaniitiif maal gochuu qabu?

Kes 6:6, 7; 11:18, 19; Fak 22:6; 2Qo 12:14; 1Xi 5:8

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • 1Sa 1:1-4—Elqaanaan ijoolleesaa hundaa wajjin ayyaana Shiilootti kabajamu irratti ni argama ture

    • Luq 2:39, 41—Yoseefii fi Maariyaam ayyaana Faasikaa kabajuuf yeroo hunda ijoollee isaanii wajjin Naazireetii gara Yerusaalem ni imalu turan

Ijoolleen Yihowaaf akka ajajaman barsiisuun faayidaawwan akkamii qaba?

Fak 1:8, 9; 22:6

Dabalataanis 2Xi 3:14, 15 ilaali

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • 1Sa 2:18-21, 26; 3:19—Warri Saamuʼel mucaan isaanii mana qulqullummaatti akka tajaajilu kennanii turan; taʼus yeroo hunda dhaqanii isa gaafatu akkasumas wanta isa barbaachisu isaaf godhu turan; innis guddatee nama Yihowaa jaallatuu fi amanamummaadhaan isa tajaajilu taʼeera

    • Luq 2:51, 52—Warri Yesuus namoota cubbuu dhaalan yoo taʼaniyyuu, Yesuus isaaniif ni bitama ture

Warri qajeelfama ijoollee leenjisuuf isaan gargaaru eessaa argachuu dandaʼu?

Kes 6:4-9; Efe 6:4; 2Xi 3:14-17

Dabalataanis Fr 127:1; Fak 16:3 ilaali

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Abo 13:2-8—Maanoʼaan, haati manaasaa dinqiidhaan ilma akka deessu erga itti himamee booda, mucicha akkamitti akka guddisu qajeelfama dabalataa gaafateera

    • Fr 78:3-8—Yihowaan warri wanta Kitaaba Qulqulluu irraa baratan ijoollee isaanii akka barsiisan barbaada

Mucaan tokko maatii Waaqayyoon jaallatu keessatti yoo guddateyyuu, Yihowaa tajaajiluu kan dhiisu maaliif taʼuu dandaʼa?

His 18:1-13, 20

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Uma 6:1-5; Yih 6—Maleekonni ilmaan Waaqayyoo taʼan hedduun waggoota hedduudhaaf Waaqayyoo wajjin samii keessa kan jiraatan taʼanis, finciluu filataniiru

    • 1Sa 8:1-3—Saamuʼel raajii amanamaa fi qajeelaa taʼus, ilmaansaa amanamoo utuu hin taʼin hafaniiru, malaanmaltummaas raawwataniiru

Warri wanta Waaqayyo isaanirraa barbaadu ijoollee isaanii barsiisuu eegaluu kan qaban yoomi?

2Xi 3:15

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Kes 29:10-12, 29; 31:12; Iz 10:1—Bara duriitti ijoolleenis waaʼee daandiiwwan Yihowaa barachuuf walgaʼiiwwan irratti ni argamu turan

    • Luq 2:41-52—Yoseefii fi Maariyaam ayyaana Faasikaatiif, Yesuusiin dabalatee ijoolleesaanii gara mana qulqullummaa Yerusaalemitti ni geessu turan

Warri ijoollee isaanii namoota isaan miidhan irraa eeguu ilaalchisee fakkeenyota akkamii hordofuu qabu?

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Bau 19:4; Kes 32:11, 12—Yihowaan risaa cuucota ishee baattee deemtu, eegduu fi kunuunsitutti of fakkeesseera

    • Isa 49:15—Yihowaan haadha mucaa ishee isa hoosistutti gara laafina argisiistu caalaa tajaajiltoota isaa akka kunuunsuu fi akka eegu waadaa galeera

    • Mat 2:1-16—Seexanni namoota urjii lakkaaʼan gara Herodis Mooticha isa hamaa taʼetti erguudhaan Yesuus isa mucaa ture ajjeesuuf yaaleera; Haataʼu malee, Yihowaan, Yoseef maatiisaa fudhatee gara Gibxii akka deemu ajajuudhaan ilma Isaa eegeera

    • Mat 23:37—Yesuus akkaataa lukkuun tokko qoochoo ishee jalatti cuucota ishee itti walitti qabduu fi eegumsa isaaniif gootuu wajjin wal bira of qabuudhaan, fedhii sabasaa gargaaruuf qabu ibseera

Warri waaʼee saalqunnamtii ijoollee isaanii barsiisuu kan qaban maaliifi?

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Lew 15:2, 3, 16, 18, 19; Kes 31:10-13—Seerri Musee waaʼee qaama hormaataa ifatti dubbata; akkasumas Yihowaan yommuu seerri kun sagalee guddaadhaan dubbifamu ijoolleenis akka argaman ajajeera

    • Fr 139:13-16—Daawit faarfatichi qaama wal hormaataa dabalatee diizaayinii qaama namaa isa dinqisiisaa taʼeef Yihowaa jajateera

    • Fak 2:10-15—Beekumsii fi ogummaan Yihowaa hamootaa fi gowwoomsitoota irraa nu eeguu dandaʼa

Adabni karaa jaalala qabuun kennamuu kan qabu maaliifi?

Fak 13:24; 29:17; Er 30:11; Efe 6:4

Dabalataanis Fr 25:8; 145:9; Qol 3:21 ilaali

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Fr 32:1-5—Yihowaan, balleessaa Daawit Mootichi raawwateef kan isa adabe taʼus; Daawit, Yihowaan namoota dhugumaan yaada geddarataniif dhiifama akka godhu beekuun isaa isa jajjabeesseera

    • Yon 4:1-11—Yoonaas raajichi karaa kabaja hin qabnee fi aariidhaan Yihowaatti dubbateera; taʼus, Yihowaan obsaan waaʼee gara laafinaa isa barsiiseera

Adabni karaa jaalalli itti ibsamu akka taʼetti ilaalamuu dandaʼa kan jennu maaliifi?