Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ariʼatama

Ariʼatama

Kiristiyaanonni akka ariʼataman eeguu kan qaban maaliifi?

Yeroo ariʼatamnu Yihowaan akka nu gargaaru gaafachuu kan qabnu maaliifi?

Fr 55:22; 2Qo 12:9, 10; 2Xi 4:16-18; Ibr 13:6

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • 1Mo 19:1-18—Eeliyaas raajichi yeroo ariʼatamni isarra gaʼetti wanta garaasaa keessa jiru hunda Yihowaatti waan himateef jajjabinaa fi jabina argateera

    • HoE 7:9-15—Yoseef obboloonni isaa isa ariʼataniiru; taʼus Yihowaan amanamaa isaaf taʼuudhaan isa oolcheera, akkasumas maatiisaa akka oolchu isatti fayyadameera

Gosoonni ariʼatamaa tokko tokko kamfaʼi?

Arrabsoo

2Se 36:16; Mat 5:11; HoE 19:9; 1Ph 4:4

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • 2Mo 18:17-35—Raabshaaqeen inni dubbii himaa mootii Asoor taʼe Yihowaa arrabseera, akkasumas namoota Yerusaalemitti qooseera

    • Luq 22:63-65; 23:35-37—Namoonni Yesuusiin ariʼatan yeroo inni qabamee turettii fi muka dhiphinaa irratti fannifamee turetti isa arrabsaniiru, akkasumas itti qoosaniiru

Mormii firoota keenyarraa nu irra gaʼu

Hidhamuu fi abbootii taayitaa duratti dhiheeffamuu

Miidhaa qaamaa

Miidhaa tuutni uummataa jeequmsa uumu geessisu

Ajjeechaa

Kiristiyaanonni yeroo ariʼataman maal gochuu qabu?

Mat 5:44; HoE 16:25; 1Qo 4:12, 13; 1Ph 2:23

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • HoE 7:57–8:1—Isxifaanos miidhaa tuutni uummataa jeequmsa uumu isarratti raawwateen kan kaʼe duʼuu jala gaʼee yeroo turetti, Waaqayyo Saaʼoliin dabalatee namoota isa ariʼatanitti gara laafina akka argisiisu kadhateera

    • HoE 16:22-34—Phaawulos ergamaan kan reebamee fi jirma gidduu galfamee kan hidhame taʼus, eegduu mana hidhaa sanatti gaarummaa argisiiseera, kunimmoo namichii fi guutummaan maatii isaa Kiristiyaanota akka taʼan godheera

Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa tokko tokkorra maaltu gaʼee ture?

Yeroo ariʼatamni nurra gaʼu maaltu nutti dhagaʼamuu qaba?

Yeroo ariʼatamni nurra gaʼu abdiin keenya kan nu jabeessu akkamitti?

Ariʼatamni akka nu qaanessu, akka nu sodaachisu ykn abdii akka nu kutachiisu heyyamuudhaan Yihowaa tajaajiluu akka dhiisnu nu gochuu kan hin qabne maaliifi?

Fr 56:1-4; HoE 4:18-20; 2Xi 1:8, 12

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • 2Se 32:1-22—Loltoonni Senaaheriib Mootichaa waraana akka banan yommuu isa sossodaachisan, Hisqiyaas Mootichi inni amanamaa taʼe, Yihowaa amanateera, akkasumas sabicha jajjabeesseera; kanaan kan kaʼes eebba guddaa argateera

    • Ibr 12:1-3—Namoonni Yesuusiin ariʼatan isa qaanessuu barbaadanii turan, inni garuu qaaniin abdii akka isa kutachiisu heyyamuu dideera

Ariʼatamni wanta gaarii akkamii nuuf argamsiisuu dandaʼa?

Qorumsa dandaʼuun keenya Yihowaa gammachiisa, akkasumas maqaa isaatiif ulfina fida

1Ph 2:19, 20; 4:12-16

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Iyo 1:6-22; 2:1-10—Iyyoob, rakkina isarraan geessisaa kan jiru Seexana akka taʼe beekuu baatus, Yihowaa ganuu dideera, kunis Waaqayyoof ulfina fideera, akkasumas Seexanni sobduu taʼuusaa mirkaneesseera

    • Dan 1:6, 7; 3:8-30—Hanaaniyaa, Mishaaʼelii fi Azaariyaan (Shaadraak, Meeshaakii fi Abedneegoo) warri amanamoo turan, Yihowaa ganuurra duʼa suukaneessaa duʼuuf fedhii qabu turan; kunis Nebukadnezaar inni waaqa tolfamaa waaqeffatu uummata duratti Yihowaa akka kabaju taasiseera

Ariʼatamni dhugaa baʼiinsa dabalataatiif karaa bana

Luq 21:12, 13; HoE 8:1, 4

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • HoE 11:19-21—Kiristiyaanonni sababa ariʼatamaatiin bittinnaaʼan, misiraachicha bakka fagoottii fi balʼinaan lallabaniiru

    • Flp 1:12, 13—Phaawulos ergamaan hidhamuu isaatiin kan kaʼe, namoonni hedduun misiraachicha dhagaʼuu isaanitti gammadee ture

Ariʼatama dandamachuun keenya obboloota keenya jabeessuu dandaʼa

Tajaajiltoota Yihowaa amanamoo taʼanirra yeroo baayʼee ariʼatama kan geessisan geggeessitoota amantii fi namoota siyaasaati kan jennu maaliifi?

Er 26:11; Mar 3:6; Yoh 11:47, 48, 53; HoE 25:1-3

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • HoE 19:24-29—Efesoonitti namoonni fakkiiwwan mana qulqullummaa Arxemiis tolchan, barumsi Kiristiyaanaa inni waaqolii tolfamoo waaqeffachuu dhowwu daldala isaanii akka miidhu yaaduudhaan Kiristiyaanota ariʼataniiru

    • Gal 1:13, 14—Phaawulos (Saaʼol) Kiristiyaana taʼuusaa dura hinaaffaa amantii Yihudiitiif qabuun kan kaʼe Kiristiyaanota ariʼateera

Tajaajiltoonni Yihowaa akka ariʼataman kan godhu eenyudha?