Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Misiraachicha Lallabuu

Misiraachicha Lallabuu

Kiristiyaanonni dhugaan hundi waaʼee amantii isaanii namootatti himuu kan qaban maaliifi?

Yesuus hojii lallabarratti fakkeenya akkamii taʼeera?

Luq 8:1; Yoh 18:37

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Luq 4:42-44—Yesuus gara lafatti kan ergame lallabuuf akka taʼe dubbateera

    • Yoh 4:31-34—Yesuus misiraachicha lallabuun isaaf akkuma nyaataa akka taʼe ibseera

Misiraachicha lallabuuf itti gaafatamummaa kan qaban warra gumii keessatti aangoo qaban qofadhaa?

Fr 68:11; 148:12, 13; HoE 2:17, 18

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • 2Mo 5:1-4, 13, 14, 17—Intalli xinnoon lammii Israaʼel tokko, waaʼee Elsaaʼi isa raajii Yihowaa taʼee giiftii isheetti himteetti

    • Mat 21:15, 16—Yesuus, ijoollee xixinnoon mana qulqullummaa keessatti isa jajachuu isaaniitti dura buutonni lubootaa fi barsiisonni seeraa isaan mormuun isaanii sirrii akka hin taane ibseera

Ilaaltonni olaanoon misiraachoo lallabuu fi warra kaan barsiisuurratti gaʼee akkamii qabu?

Yihowaa fi Yesuus hojii misiraachoo lallabuu akka raawwannu kan nu gargaaran akkamitti?

2Qo 4:7; Flp 4:13; 2Xi 4:17

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • HoE 16:12, 22-24; 1Ta 2:1, 2—Phaawulos ergamaanii fi michoonnisaa miidhaan kan isaanirra gaʼe taʼus, gargaarsa Waaqayyootiin ija jabinaan lallabuusaanii itti fufaniiru

    • 2Qo 12:7-9—Phaawulos ergamaan inni boqonnaa tokko malee lallabu, tarii dhukkuba taʼuu dandaʼaa, ‘qoree foon isaa waraanu’ qaba ture; taʼus jabina Yihowaa irraa argateen lallabuu isaa itti fufeera

Kiristiyaana tokkoof mirga lallabuu kan kennu eenyudha?

1Qo 1:26-28; 2Qo 3:5; 4:13

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Yoh 7:15—Namoonni biyya Yesuus itti guddate keessa turan, Yesuus utuu mana barumsaa warra rabbii hin galin beekumsa guddaa qabaachuusaa dinqisiifatanii turan

    • HoE 4:13—Ergamoonni Yesuus namoota gad aanoo fi hin baranne akka taʼanitti ilaalamu turan; taʼus, hinaaffaa fi ija jabinaan lallabaniiru

Yihowaan warri kaan lallabuu fi barsiisuu akka dandaʼaniif akka isaan leenjisnu akka barbaadu akkamitti beekna?

Mar 1:17; Luq 8:1; Efe 4:11, 12

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Isa 50:4, 5—Masiihichi nama taʼuusaa dura Yihowaarra dhuunfaatti leenjii argateera

    • Mat 10:5-7—Yesuus yeroo lafarra turetti, barattoonni isaa hojii lallabaa akka raawwataniif obsaan isaan leenjiseera

Hojii lallabaa keenya akkamitti ilaaluu qabna?

Kiristiyaanni tokko hojii lallabaarratti yommuu hirmaatu miira akkamiitu isatti dhagaʼama?

Lallabni keenya ergaawwan akkamii of keessatti qabata?

Kiristiyaanonni barumsawwan sobaa saaxiluu kan qaban maaliifi?

2Qo 10:4, 5

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Mar 12:18-27—Yesuus, Saduuqonni duʼaa kaʼuutti amanuu dhiisuunsaanii dogoggora akka taʼe, Kitaaba Qulqulluurraa caqasee isaanitti himeera

    • HoE 17:16, 17, 29, 30—Phaawulos ergamaan, waaqolii tolfamoo waaqeffachuun dogoggora akka taʼe ragaadhaan namoota Ateenaaf ibseera

Hojii lallabaa akkamitti raawwachuu qabna?

Bakkawwan namoonni itti baayʼatanitti kan lallabnu maaliifi?

Tajaajila keenya utuu walirraa hin kutin obsaan raawwachuu akka qabnu wanti argisiisu maalidha?

Hojiin lallabaa buʼaawwan gaggaarii akkamii argamsiisa?

Carraa arganne hundatti fayyadamnee lallabuun sirrii kan taʼe maaliifi?

1Qo 9:23; 1Xi 2:4; 1Ph 3:15

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Yoh 4:6, 7, 13, 14—Yesuus utuma dadhabee jiruu boolla bishaanii uummataa tokko biratti dubartii Samaariyaa tokkoof lallabeera

    • Flp 1:12-14—Phaawulos ergamaan sababa amantii isaatiif yeroo hidhamee turettillee, dhugaa baʼuu fi warra kaan jajjabeessuuf carraa argatetti fayyadameera

Namni hundi ergaa keenya ni fudhata jennee yaaduu qabnaa?

Yoh 10:25, 26; 15:18-20; HoE 28:23-28

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Er 7:23-26—Yihowaan sabnisaa irra deddeebiʼanii raajotasaa dhaggeeffachuu akka didan karaa Ermiyaas ibseera

    • Mat 13:10-16—Yesuus akkuma namoota bara Isaayyaas turanii namoonni hedduun ergicha akka dhagaʼan, garuummoo akka hin fudhanne ibseera

Namoonni hedduun dhaggeeffachuuf yeroo dhabuun isaanii kan nu hin dinqisiisne maaliifi?

Namoonni tokko tokko jalqabarratti kan dhagaʼan taʼanis, akka itti hin fufne wanti argisiisu maalidha?

Namoonni tokko tokko hojii lallabaa keenya yoo morman bitaa nutti galuu akka hin qabne fakkeenyonni argisiisan kamfaʼi?

Hojii lallabaa keenyarratti yommuu mormiin nurra gaʼu maal gochuu qabna?

Namoonni tokko tokko misiraachicha akka fudhatan mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi?

Waaqayyo namoonni misiraachicha lallaban maal akka godhan isaanirraa eega?

Namoota amantii fi sanyii garagaraa qaban, akkasumas lammii biyya gara garaa taʼan hundaaf lallabuu kan qabnu maaliifi?

Sanbata dabalatee, guyyaa kamittiyyuu lallabuun sirriidhaa?

Kitaaba Qulqulluu fi amantii mataasaanii yoo qabaataniyyuu namoota hundaaf lallabuun sirrii akka taʼe fakkeenyota kamfaatu argisiisa?