Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yaada Geeddarachuu

Yaada Geeddarachuu

Namoonni hundi cubbuu isaaniirraa yaada geddarachuu fi Yihowaa dhiifama gaafachuu kan qaban maaliifi?

Rom 3:23; 5:12; 1Yo 1:8

Dabalataanis HoE 26:20 ilaali

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Luq 18:9-14—Yesuus fakkeenya tokko fayyadamuudhaan cubbuu keenya himachuu fi gargaarsa Waaqayyoo argachuuf kadhachuun barbaachisaa taʼuusaa ibseera

    • Rom 7:15-25—Phaawulos nama amantii cimaa qabuu fi ergamaa kan ture taʼus, fedhiin inni cubbuu hojjechuuf qabu isa jeeqa ture

Kitaabni Qulqulluun Yihowaan namoota yaada geddarataniif ilaalcha akkamii akka qabu ibsa?

His 33:11; Rom 2:4; 2Ph 3:9

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Luq 15:1-10—Yesuus cubbamaan tokko yeroo yaada geddaratu Yihowaa fi maleekonni akka gammadan argisiisuuf fakkeenyota adda addaatti fayyadameera

    • Luq 19:1-10—Zakkewoos inni hogganaa warra qaraxa sassaabanii fi saamtuu taʼe yaada geddaratee daandii isaa jijjiireera; akkas gochuudhaan dhiifamaa fi fayyina argateera

Dhugumaan yaada akka geeddaranne akkamitti argisiisna?

Namni dhugumaan yaada geddarate tokko beekumsa dhugaa argachuun isaa faayidaa akkamii qaba?

Rom 12:2; Qol 3:9, 10; 2Xi 2:25

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • HoE 17:29-31—Phaawulos ergamaan waaqolii tolfamoo waaqeffachuun wallaalummaa akka taʼe ibsuudhaan yaada akka geddaratan warra Ateenaa jajjabeesseera

    • 1Xi 1:12-15—Phaawulos ergamaan waaʼee Yesuus Kiristoos beekumsa sirrii argachuusaa dura, wallaalummaadhaan cubbuu cimaa hojjeteera

Yaada geddarachuun hangam barbaachisaadha?

Irra deddeebinee cubbuu kan hojjenne yoo taʼellee, yoo yaada geddaranne Yihowaan dhiifama akka nuuf godhu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi?

Yihowaan namoota cubbuu isaanii himatanii fi gocha isaanii jijjiiraniif ilaalcha akkamii qaba?

Fr 32:5; Fak 28:13; 1Yo 1:9

Dabalataanis “Gara Laafina” isa jedhu ilaali

Yaada geddarachuun dhiifama gaafachuu ykn gadduu caalaa wanta dabalatu akka qabu akkamitti beekna?

2Se 7:14; Fak 28:13; His 18:30, 31; 33:14-16; Mat 3:8; HoE 3:19; 26:20

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • 2Se 33:1-6, 10-16—Minaasee Mootichi yeroo dheeraaf cubbuu kan hojjete taʼus, gad of qabuu, irra deddeebiʼee kadhachuu fi daandiisaa jijjiiruudhaan dhugumaan yaada geddarateera

    • Fr 32:1-6; 51:1-4, 17—Daawit Mootichi cubbuu Yihowaarratti raawwatetti garaadhaa gaabbuudhaan, akkasumas cubbuu isaa himachuu fi kadhachuudhaan yaada akka geddarate argisiiseera

Namoonni cubbuu nurratti hojjetan yommuu yaada geddaratan dhiifama isaaniif gochuu kan qabnu maaliifi?

Mat 6:14, 15; 18:21, 22; Luq 17:3, 4

Dabalataanis “Dhiifama Gochuu” isa jedhu ilaali