Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Waldhabiinsa Furuu

Waldhabiinsa Furuu

Namni tokko yommuu nu mufachiisu, aaruu ykn haaloo qabachuu kan hin qabne maaliifi?

Fak 20:22; 24:29; Rom 12:17, 18; Yaq 1:19, 20; 1Ph 3:8, 9

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • 1Sa 25:9-13, 23-35—Naabaal, Daawitii fi namoota isaa yeroo arrabsee fi gargaarsa isaaniif gochuu yeroo didetti, Daawit miiraan kakaʼee Naabaalii fi dhiirota mana isaa keessa jiran ajjeesuuf murteessee ture; haataʼu malee, gorsi gaariin Abigaayil isaaf kennite Daawitiin dhiiga dhangalaasuu irraa oolcheera

    • Fak 24:17-20—Solomoon Mootichi hafuuraan geggeeffamee sabni Waaqayyoo yeroo diinni isaanii miidhamu gammaduun isaanii Yihowaa akka gaddisiisu isaan akeekkachiiseera; Yihowaan hamootatti akka murteessu isaaf dhiisuu qabna

Kiristiyaanni tokko nama tokkoo wajjin yoo waldhabe, isaan ooduu ykn haaloo isatti qabachuu qabaa?

Lew 19:17, 18; 1Qo 13:4, 5; Efe 4:26

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Mat 5:23, 24—Yesuus obboleessa keenya nutti mufate tokkoo wajjin nagaa uumuuf wanta nuuf dandaʼame hunda gochuu akka qabnu ibseera

Yeroo namni tokko nu mufachiisu wanti sirriin gochuu qabnu maalidha?

Namoonni irra deddeebiʼanii cubbuu yoo nurratti raawwatanillee garaadhaa yoo yaada geddaratan dhiifama isaaniif gochuu kan qabnu maaliifi?

Wanti nu mufachiise tokko cimaa yoo taʼee fi dhiisuu yoo dadhabne, fakkeenyaaf maqaa balleessuu ykn gowwoomsuu yoo taʼe, nama sana haasofsiisuu kan qabu eenyudha? Maaliifi?

Mat 18:15

Dabalataanis Yaq 5:20 ilaali

Namni maqaa keenya balleesse ykn nu gowwoomse tokko yeroo qofaatti isa haasofsiisnu yoo yaada geddarachuu dide maal gochuu qabna?