Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ogummaa

Ogummaa

Ogummaa dhugaa argachuuf amala akkamii qabaachuu qabna?

Ogummaa dhugaa eessaa argachuu dandeenya?

Ogummaa argachuuf Waaqayyoon kadhachuun sirriidhaa?

Qol 1:9; Yaq 1:5

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • 2Se 1:8-12—Solomoon Mootichi inni dargaggeessa ture ogummaa Israaʼeloota sirriitti bulchuuf isa gargaaru argachuuf kadhateera; Yihowaanis gammachuudhaan isaaf kenneera

    • Fak 2:1-5—Ogummaanii fi hubannaan qabeenya dhokataa gatii guddaa qabuu fi barbaannee argachuu qabnutti fakkeeffamaniiru, Yihowaan namoota dhimmanii barbaadaniif ni kenna

Yihowaan ogummaa kan kennu karaa eenyuu fi gargaarsa eenyuutiini?

Isa 11:2; 1Qo 1:24, 30; 2:13; Efe 1:17; Qol 2:2, 3

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Fak 8:1-3, 22-31—Ogummaan Ilma Waaqayyoo isa angafa uumama hundaa taʼetti fakkeeffameera

    • Mat 13:51-54—Namoonni Yesuusiin dhaggeeffachaa turan hedduun Yesuus inni isaan biratti guddate ogummaa guddaa akkasii akkamitti akka argate hubachuu hin dandeenye

Ogummaa Waaqayyoo akka qabnu akkamitti argisiisuu dandeenya?

Ogummaan kan nu gargaaruu fi eegumsa kan nuuf godhu akkamitti?

Ogummaan Waaqayyo biraa argamu hangam barbaachisaadha?

Fak 3:13, 14; 8:11

Dabalataanis Iyo 28:18 ilaali

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Iyo 28:12, 15-19—Iyyoob gaddee, dhiphatee fi qabeenya isaa dhabee kan ture taʼus, ogummaan Yihowaa gatii guddaa akka qabu ibseera

    • Fr 19:7-9—Daawit Mootichi seerrii fi yaadachiisni Yihowaa warra muuxannoo hin qabneefillee ogummaa kennuu akka dandaʼu dubbateera

Ogummaan addunyaa inni Waaqayyorraa hin maddine miidhaa akkamii geessisa?