Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Waaqeffannaa

Waaqeffannaa

Waaqeffatamuu kan qabu eenyu qofadha?

Bau 34:14; Kes 5:8-10; Isa 42:8

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Mat 4:8-10—Seexanni Yesuus yeruma tokko qofa yoo isa waaqeffate, mootummoota addunyaa hunda akka isaaf kennu dubbatee ture; Yesuus garuu kennaasaa kana fudhachuu diduudhaan Yihowaa qofa waaqeffachuuf murteesseera

    • Mul 19:9, 10—Maleekaan humna guddaa qabu tokko Yohaannis ergamaan akka isa hin waaqeffanne dhorkeera

Yihowaan akkamitti akka isa waaqeffannu barbaada?

Yoh 4:24; Yaq 1:26, 27

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Isa 1:10-17—Yihowaan waaqeffannaa fakkeessaa namoonni ulaagaa isaatiin hin jiraanne isaaf dhiheessan hin fudhatu, akkasumas ni balfa

    • Mat 15:1-11—Wanti Yesuus dubbate Yihowaan, waaqeffannaan keenya aadaa namootaa irratti kan hundaaʼe utuu hin taʼin, seera Waaqayyoo irratti kan hundaaʼe akka taʼu akka barbaadu argisiisa

Hamma nuuf dandaʼametti, eenyufaa wajjin Yihowaa waaqeffachuu qabna?

Ibr 10:24, 25

Dabalataanis Fr 133:1-3 ilaali

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • HoE 2:40-42—Jaarraa jalqabaatti, Kiristiyaanonni kadhachuuf, waliin taʼuu fi barumsawwan geggeessaa hafuuraatiin qophaaʼan qoʼachuuf walgaʼu turan

    • 1Qo 14:26-40—Phaawulos ergamaan namoonni hundi barumsa darbaa jiru barachuu fi hubachuu akka dandaʼaniif, walgaʼiiwwan gumii karaa nama jajjabeessuu fi qindoomina qabuun geggeeffamuu akka qaban qajeelfama kenneera

Waaqeffannaan keenya Yihowaa duratti fudhatama akka argatuuf maal gochuu qabna?

Mat 7:21-24; 1Yo 2:17; 5:3

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Ibr 11:6—Phaawulos ergamaan karaa fudhatama qabuun Yihowaa waaqeffachuu yoo barbaanne amantiin barbaachisaa taʼuusaa ibseera

    • Yaq 2:14-17, 24-26—Yaaqoob inni karaa haadhaa obboleessa Yesuus taʼe amantiin keenya hojiidhaan deggeramuu akka qabu ibseera; amantiin hojiidhaaf nu kakaasa