Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Xalayaa Qaama Olaanaarraa Ergame

Xalayaa Qaama Olaanaarraa Ergame

Obbolootaa fi Obboleettota Jaallatamoo:

Jaalalli Waaqayyoo fi namootaaf qabnu ‘dhaqnee saboota hundumaa keessaa namoota barattoota Yesuus gochuu fi akka cuuphaman’ isaan gargaaruuf nu kakaasa. (Mat. 28:19, 20; Mar. 12:28-31) Jaalalli ofittummaarraa bilisa taʼe humna guddaa qaba. Jaalalli akkasii garaa namoota “jireenya bara baraa argachuuf kakaʼumsa sirrii” qabanii tuquu ni dandaʼa.—HoE. 13:48.

Kanaan dura ittiin lixa sammuutti qabachuu fi barreeffama namootaaf kennuurratti xiyyeeffanna turre. Ammammoo namoota wajjin haasaʼuurratti dandeettii keenya fooyyeffachuuf carraaqqii gochuun nu barbaachisa. Dhimmoota isaan hawwatan isaaniif kaasuudhaan jaalala isaanitti argisiisuu barbaanna. Kunimmoo akka haala isaatti sirreeffama gochuu fi wantoota nama haasofsiisnu dhuunfaatti yaaddessanii fi hawwatanirratti of eeggannoodhaan yaaduu gaafata. Birooshurri kun kana gochuuf kan nu gargaaru akkamitti?

Birooshurri kun barumsawwan 12 qabateera; barumsawwan kunis amaloota jaalala argisiisuu fi barattoota gochuuf horachuun nu barbaachisan ibsu. Barumsi hundi seenaa Kitaaba Qulqulluu tokkorratti kan hundaaʼedha; seenaan kunis amala Yesuus ykn labsitoonni wangeelaa jaarraa jalqabaa tokko tokko argisiisan addeessa. Kaayyoon keenya ittiin lixa sammuutti qabachuu utuu hin taʼin, karaa itti namootatti jaalala argisiisnu barbaaddachuudha. Amaloota kana hunda gosa tajaajilaa hundarratti argisiisuun kan nu barbaachisu taʼus, keessumaa yeroo marii jalqabnu, yeroo deddeebii gaaffii goonuu fi yeroo Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisnu amaloota tokko tokko argisiisuun kan nu barbaachisu akkamitti akka taʼe ilaalla.

Barumsa hunda yeroo dubbistan, namoota naannoo keessan jiran yeroo haasofsiistan amala sana argisiisuu kan dandeessan akkamitti akka taʼe of eeggannoodhaan irratti yaadaa. Jaalala Yihowaa fi namootaaf qabdan cimsachuuf carraaqqii godhaa. Mala kamiyyuu caalaa barattoota gochuuf kan isin gargaaru jaalala akkasii argisiisuu keessanidha.

Mirga isin wajjin harka wal qabannee hojjechuuf arganne baayʼee dinqisiifanna. (Sef. 3:9) Yihowaan carraaqqii namoota jaallachuu fi barattoota isaan gochuuf gootan isiniif haa eebbisu!

Obboloota keessan,

Qaama Olaanaa Dhugaa Baatota Yihowaa