Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MARII JALQABUU

BARUMSA 1

Fedhii Namootaatiif Xiyyeeffannaa Kenni

Fedhii Namootaatiif Xiyyeeffannaa Kenni

Dhugaa buʼuuraa: “Jaalalli . . . faayidaa mataa isaa qofa hin barbaadu.”—1 Qor. 13:4, 5.

Yesuus Maal Godhe?

1. VIIDIYICHA ilaali ykn Yohaannis 4:6-9 dubbisi. Achiis gaaffilee armaan gadiirratti yaadi:

  1.    Yesuus marii jalqabuu isaa dura dubartii sana ilaalchisee maal hubateera?

  2.   Yesuus, “Bishaan ani dhugu naa kenni” jedheera. Malli kun marii jalqabuuf buʼa qabeessa kan taʼe maaliifi?

Yesuusirraa Maal Baranna?

2. Dhimma nama haasofsiisnu hawwatu kaasuun keenya marii gaarii gochuuf nu gargaara.

Fakkeenya Yesuus Hordofi

3. Sirreeffama barbaachisu godhi. Marii jalqabuuf dirqama yaada irratti qophoofte tokko kaasuu akka qabdu gootee hin yaadin. Wanta namoonni harʼa irratti yaadaa jiran tokko kaasuudhaan marii jalqabi. Akkana jedhii of gaafadhu:

  1.    ‘Oduurratti maaltu dhihaate?’

  2.   ‘Olloonni koo, namoonni na wajjin hojjetan ykn ijoolleen na faana baratan waaʼee maalii haasaʼaa jiru?’

4. Hubataa taʼi. Akkana jedhii of gaafadhu:

  1.    ‘Namni kun amma maal gochaa jira? Waaʼee maalii yaadaa jira laata?’

  2.   ‘Uffannaan, haalli ykn manni nama kanaa waaʼee amantii isaa ykn aadaa isaa maal na hubachiisa?’

  3.   ‘Nama kana amma haasofsiisuun gaariidhaa?’

5. Dhaggeeffadhu.

  1.    Baayʼee hin dubbatin.

  2.   Namni haasofsiistu yaada isaa akka ibsu jajjabeessi. Yeroo barbaachisutti gaaffii isa gaafadhu.