Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MARII JALQABUU

BARUMSA 2

Mariin Keessan Ofuma Isaatiin Akka Itti Fufu Godhi

Mariin Keessan Ofuma Isaatiin Akka Itti Fufu Godhi

Dhugaa buʼuuraa: ‘Dubbiin yeroo sirrii taʼetti dubbatame akkam gaariidha!’—Fak. 15:23.

Filiphoos Maal Godhe?

1. VIIDIYICHA ilaali ykn Hojii Ergamootaa 8:30, 31 dubbisi. Achiis gaaffilee armaan gadiirratti yaadi:

  1.    Filiphoos marii kan jalqabe akkamitti?

  2.   Malli kun namicha sana wajjin marii jalqabuu fi wanta haaraa isatti himuuf mala gaarii kan taʼe maaliifi?

Filiphoosirraa Maal Baranna?

2. Mariin keenya ofuma isaatiin akka itti fufu gochuun keenya, namni haasofsiisnu sun akka hin dhiphannee fi ergaa keenya dhagaʼuuf fedhii akka qabaatu godha.

Fakkeenya Filiphoos Hordofi

3. Hubataa taʼi. Wanti fuula nama haasofsiisnurraa dubbisnuu fi ibsi qaamaa isaa waaʼee isaa wanta hedduu nu hubachiisa. Namni sun si wajjin haasaʼuuf fedhii qabaa? Tarii dhugaa Kitaaba Qulqulluu tokkorratti isa mariisisuu jalqabuuf, “ . . . beektaa?” jettee isa gaafachuu dandeessa. Haasaʼuu hin barbaadu taanaan si wajjin akka mariʼatu isa hin dirqisiisin.

4. Obsa qabaadhu. Waaʼee Kitaaba Qulqulluu yeruma sana kaasuu akka qabdu sitti hin dhagaʼamin. Yeroo sirrii akkas gochuu itti dandeessu hamma argattutti eegi. Akkas gochuuf tarii hanga yeroo itti aanutti deebitanii wal argitanitti eeguun si barbaachisuu dandaʼa.

5. Akka haala isaatti sirreeffama godhi. Mariin keessan gara dhimma ati hin yaanneetti jijjiiramuu dandaʼa. Yeroo akkasiitti wanta nama sana hawwatu kaasuuf yaali; tarii yaanni kaastu isa jalqaba yaadderraa adda taʼuu dandaʼa.