Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MARII JALQABUU

BARUMSA 4

Gad Of Qabi

Gad Of Qabi

Dhugaa buʼuuraa: “Gad of qabuudhaan warri kaan akka isin irra caalan godhaa yaadaa.”—Filp. 2:3.

Phaawulos Maal Godhe?

1. VIIDIYICHA ilaali ykn Hojii Ergamootaa 26:2, 3 dubbisi. Achiis gaaffilee armaan gadiirratti yaadi:

  1.    Phaawulos yeroo Agriiphaa Mooticha haasofsiisetti akka gad of qabu kan argisiise akkamitti?

  2.   Phaawulos xiyyeeffannaa ofitti harkisuu mannaa, Agriiphaan Yihowaa fi Kitaabota Qulqulluurratti akka xiyyeeffatu kan godhe akkamitti?—Hojii Ergamootaa 26:22 ilaali.

Phaawulosirraa Maal Baranna?

2. Kan gad of qabnuu fi kabaja kan argisiisnu yoo taʼe ergaan keenya caalaatti namoota kan hawwatu taʼa.

Fakkeenya Phaawulos Hordofi

3. Karaa kabaja argisiisuun dubbadhu. Ati wanta hunda akka beektuu fi namni haasofsiistu garuu homaa akka hin beekne wanta fakkeessu dubbachuurraa of qusadhu.

4. Wanti barsiistu Kitaaba Qulqulluurratti kan hundaaʼe akka taʼe ifa godhi. Dubbiin Waaqayyoo yaadawwan garaa namootaa tuquu dandaʼan qabateera. Yeroo itti fayyadamnu amantiin isaanii buʼuura sirrii akka qabaatu isaan gargaarra.

5. Garraamii taʼi. Sirrii akka taate dirqama amansiisuu akka qabdu sitti dhagaʼamuu hin qabu. Falmii keessa seenuu hin barbaannu. Tasgabbaaʼuu fi iddoo sanaa yoom deemuu akka qabdu beekuudhaan akka gad of qabdu argisiisi. (Fak. 17:14; Tit. 3:2) Garraamummaadhaan deebii kennuun kee yeroo kan biraatti marii gaarii gochuuf carraa banuu dandaʼa.

CAQASOOTA KANAS ILAALI