Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MARII JALQABUU

BARUMSA 5

Mala Qabeessa Taʼi

Mala Qabeessa Taʼi

Dhugaa buʼuuraa: “Dubbiin keessan yeroo hunda gurratti kan tolu . . . haa taʼu.”—Qol. 4:6.

Phaawulos Maal Godhe?

1. VIIDIYICHA ilaali ykn Hojii Ergamootaa 17:22, 23 dubbisi. Achiis gaaffilee armaan gadiirratti yaadi:

  1.    Phaawulos gochawwan amantaa sobaa Ateenaa keessatti arge ilaalchisee maaltu isatti dhagaʼame?—Hojii Ergamootaa 17:16 ilaali.

  2.   Phaawulos namoota Ateenaa balaaleffachuu mannaa, waaʼee wantoota itti amananii kaasuudhaan malaan misiraachicha kan isaanitti hime akkamitti?

Phaawulosirraa Maal Baranna?

2. Wanta dubbannu, akkaataa itti dubbannuu fi yeroo itti dubbannurratti kan of eeggannu yoo taʼe, namoonni ergaa keenya dhagaʼuuf caalaatti fedhii qabaatu.

Fakkeenya Phaawulos Hordofi

3. Jechoota itti fayyadamtu of eeggannoodhaan filadhu. Fakkeenyaaf, nama amantaa Kiristiyaanaa hin hordofne wajjin yeroo haasoftu, jechoota Kitaaba Qulqulluu ykn Yesuusiin ibsuuf itti fayyadamturratti sirreeffama gochuun si barbaachisuu dandaʼa.

4. Nama tokko sirreessuuf hin ariifatin. Yaada isaa bilisummaadhaan akka ibsu isaaf heyyami. Wanta Kitaaba Qulqulluu wajjin wal faallessu yoo dubbate isa hin falmin. (Yaq. 1:19) Isa dhaggeeffachuudhaan wanta itti amanuu fi sababii wanta sanatti amanuuf isa kakaase beekuu dandeessa.—Fak. 20:5.

5. Yeroo dandaʼamutti yaada isaarratti walii galuudhaan isa galateeffadhu. Wanti amantaan isaa barsiisu sirrii akka taʼe garaadhaa amana taʼa. Waaʼee wanta lamaan keessaniyyuu irratti walii galtanii dubbachuuf yaali; achiis suutuma suuta wanta Kitaabni Qulqulluun barsiisu akka hubatu isa gargaari.