Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MARII JALQABUU

BARUMSA 6

Hin Sodaatin

Hin Sodaatin

Dhugaa buʼuuraa: “Misiraachoo Waaqayyoo isiniif lallabuuf gargaarsa Waaqa keenyaatiin akkuma taʼetti ija jabina arganne.”—1 Tas. 2:2.

Yesuus Maal Godhe?

1. VIIDIYICHA ilaali ykn Luqaas 19:1-7 dubbisi. Achiis gaaffilee armaan gadiirratti yaadi:

  1.    Namoonni tokko tokko Zakkewoosirraa kan fagaatan maaliif taʼuu dandaʼa?

  2.   Yesuusoo misiraachicha akka isatti himu maaltu isa kakaase?

Yesuusirraa Maal Baranna?

2. Ergaa Mootummichaa namoota hundatti himuuf ija jabina qabaachuun nu barbaachisa.

Fakkeenya Yesuus Hordofi

3. Yihowaatti amanami. Hafuurri Waaqayyoo Yesuusiif cimina lallabuuf isa barbaachisu kenneera, nuufis nuuf kenna. (Mat. 10:19, 20; Luq. 4:18) Namoota haasofsiisuu sodaattuuf lallabuu akka dandeessuuf ija jabina akka siif kennu Yihowaa kadhadhu.—HoE. 4:29.

4. Haalaalatti namatti hin murteessin. Namoota tokko tokko bifa isaanii, sadarkaa hawaasicha keessatti qaban, sadarkaa diinagdee isaanii, akkaataa jireenyaa isaanii ykn amantaa isaanii ilaaluudhaan haasofsiisuurraa duubatti jenna taʼa. Garuu kana yaadadhu:

  1.    Yihowaa fi Yesuus wanta garaa namaa keessa jiru beekuu ni dandaʼu, nuti garuu hin dandeenyu.

  2.   Namni akkamiiyyuu araara Yihowaa argachuu ni dandaʼa.

5. Hin sodaatin, garuummoo mala qabeessaa fi of eeggataa taʼi. (Mat. 10:16) Falmiirraa fagaadhu. Namni haasofsiistu misiraachicha dhagaʼuuf fedhii hin qabu taanaan ykn haalli isaa nageenya keetiif gaarii akka hin taane yoo sitti dhagaʼame, malaan marii keessan addaan kuti.—Fak. 17:14.

CAQASOOTA KANAS ILAALI