Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

HORDOFANII GARGAARUU

BARUMSA 8

Obsa Qabaadhu

Obsa Qabaadhu

Dhugaa buʼuuraa: “Jaalalli ni obsa.”—1 Qor. 13:4.

Yesuus Maal Godhe?

1. VIIDIYICHA ilaali ykn Yohaannis 7:3-5 fi 1 Qorontos 15:3, 4, 7 dubbisi. Achiis gaaffilee armaan gadiirratti yaadi:

  1.    Obboloonni Yesuus jalqabarratti ergaa isaatiif deebii akkamii kennan?

  2.   Yesuus obboleessa isaa Yaaqoobitti abdii akka hin kutanne wanti argisiisu maalidha?

Yesuusirraa Maal Baranna?

2. Namoonni tokko tokko misiraachicha fudhachuuf namoota kaan caalaa yeroo dheeraa waan isaanitti fudhatuuf obsa qabaachuun nu barbaachisa.

Fakkeenya Yesuus Hordofi

3. Mala garaa garaatti fayyadami. Namni sun Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf fedhii hin qabu taanaan isa hin dirqisiisin. Dandaʼamnaan viidiyoo ykn mata duree tokkotti fayyadamiitii qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu kan geggeessinu akkamitti akka taʼee fi faayidaa akkamii akka isaaf argamsiisu akka hubatu isa gargaari.

4. Namoota wal bira hin qabin. Namni hundi garaa garummaa qaba. Miseensi maatii ykn deddeebiin gaaffii tokko Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu ykn barumsa Kitaaba Qulqulluu tokko fudhachuurraa duubatti yoo jedhe, sababii isaa hubachuuf yaali. Barumsi amantaan isaa barsiisuu fi iddoo guddaa kennuuf jiraa? Firoota isaa ykn namoota kan biroorraa dhiibbaan isarra gaʼaa jiraa? Wanta ati dubbatterratti yaaduu fi wanta Kitaabni Qulqulluun barsiisu hubachuu akka dandaʼuuf yeroo gaʼaa isaaf kenni.

5. Waaʼee nama fedhii argisiise sanaa kadhadhu. Ilaalcha gaarii fi mala qabaachuuf akka si gargaaru Yihowaa kadhadhu. Namni tokko fedhii akka hin qabne argisiisaa jira taanaan, yeroo sirrii nama sana mariisisuu dhiisuu itti qabdu hubachuuf akka si gargaaru kadhadhu.—1 Qor. 9:26.