Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

HORDOFANII GARGAARUU

BARUMSA 9

Miira Namaa Hubadhu

Miira Namaa Hubadhu

Dhugaa buʼuuraa: “Warra gammadanii wajjin gammadaa; warra booʼanii wajjin booʼaa.” —Rom. 12:15.

Yesuus Maal Godhe?

1. VIIDIYICHA ilaali ykn Maarqos 6:30-34 dubbisi. Achiis gaaffilee armaan gadiirratti yaadi:

  1.    Yesuusii fi ergamoonni isaa “kophaa isaanii taʼuu” kan barbaadan maaliif ture?

  2.   Yesuus namoota hedduu sana akka barsiisu maaltu isa kakaase?

Yesuusirraa Maal Baranna?

2. Miira namootaa kan hubannu taʼuun keenya, waaʼee ergaa keenyaa qofa utuu hin taʼin, waaʼee isaaniis yaaduuf nu kakaasa.

Fakkeenya Yesuus Hordofi

3. Sirriitti dhaggeeffadhu. Namni haasofsiistu miira isaa akka ibsu isaaf heyyami. Miira isaa, wanta isa yaaddessu ykn sababii wanta tokko itti mormu yeroo ibsu addaan isa hin kutin. Sirriitti isa dhaggeeffachuudhaan ilaalcha isaatiif kabaja akka qabdu argisiisuu dandeessa.

4. Waaʼee nama fedhii qabu sanaa yaadi. Marii isa wajjin gooterratti hundaaʼuudhaan akkana jedhii of gaafadhu:

  1.    ‘Dhugaa dhagaʼuun kan isa barbaachisu maaliifi?’

  2.   ‘Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun isaa yeroo ammaatti jireenya isaa kan fooyyessuu fi gara fuulduraatti kan isa fayyadu akkamitti?’

5. Waaʼee wanta dhuunfaatti isa barbaachisuu isa mariisisi. Hamma siif dandaʼame dafiitii, Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun isaa gaaffilee isaatiif deebii argachuuf kan isa gargaaruu fi faayidaa kan isaaf argamsiisu akkamitti akka taʼe isaaf ibsi.