Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARATTOOTA GOCHUU

BARUMSA 10

Kutannoo Qabaadhu

Kutannoo Qabaadhu

Dhugaa buʼuuraa: “Misiraachoo Waaqayyoo qofa utuu hin taʼin, lubbuu keenya illee isinii kennuuf murteessinee turre; sababiin isaas, isin nu biratti baayʼee jaallatamoo turtan.”—1 Tas. 2:8.

Yesuus Maal Godhe?

1. VIIDIYICHA ilaali ykn Yohaannis 3:1, 2 dubbisi. Achiis gaaffilee armaan gadiirratti yaadi:

  1.    Niqoodimos gara Yesuus halkan keessa kan dhufe maaliif taʼuu dandaʼa?—Yohaannis 12:42, 43 ilaali.

  2.   Yesuus halkan keessa Niqoodimos wajjin wal arguun isaa barattoota gochuuf kutatee akka ture kan argisiisu akkamitti?

Yesuusirraa Maal Baranna?

2. Hojii barattoota gochuurratti hirmaachuuf wanta dandeenyu hunda gochuudhaan namootatti jaalala argisiisna.

Fakkeenya Yesuus Hordofi

3. Yeroo fi iddoo barataa keetiif mijataa taʼetti qoʼadhaa. Barataan kee torban keessaa guyyaa filatu ykn guyyaa keessaa saʼaatii filatu qaba taʼa. Qoʼachuun kan isatti tolu iddoo hojiitti, mana isaatti moo iddoo kan biraatti? Hamma siif dandaʼame, yeroo fi iddoo isaaf mijatutti isa qoʼachiisuuf sagantaa keerratti sirreeffama godhi.

4. Sagantaa dhaabbataa qabaadhaa. Deemtee qoʼachiisuu hin dandeessu taanaan, beellama isaa jalaa hin haqin. Kanaa mannaa, kanarratti yaadi:

  1.    Torbanuma sana keessatti yeroo biraa isa qoʼachiisuu dandeessaa?

  2.   Bilbilaan ykn viidiyookonfiransiidhaan isa qoʼachiisuu dandeessaa?

  3.   Babalʼisaa kan biraan akka isa qoʼachiisu gochuu dandeessaa?

5. Ilaalcha sirrii qabaachuuf kadhadhu. Barataan kee yeroo hunda kan hin qoʼanne ykn wanta baratu dafee hojiirra kan hin oolchine yoo taʼellee, abdii akka isatti hin kutanne akka si gargaaru Yihowaa kadhadhu. (Filp. 2:13) Barataan kee amaloota gaggaarii hedduu qabaachuu dandaʼa; amaloota sanarratti xiyyeeffachuuf akka si gargaaru Yihowaa kadhadhu.

CAQASOOTA KANAS ILAALI