Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARATTOOTA GOCHUU

BARUMSA 11

Karaa Salphaa Taʼeen Barsiisi

Karaa Salphaa Taʼeen Barsiisi

Dhugaa Buʼuuraa: ‘Dubbii salphaatti hubatamu dubbadhaa.’—1 Qor. 14:9.

Yesuus Maal Godhe?

1. VIIDIYICHA ilaali ykn Maatewos 6:25-27 dubbisi. Achiis gaaffilee armaan gadiirratti yaadi:

  1.    Yesuus Yihowaan akka nu kunuunsu fakkeenyaan kan ibse akkamitti?

  2.   Yesuus waaʼee simbirrootaa wanta baayʼee kan beeku taʼus, wanta salphaa akkamiirratti xiyyeeffate? Kun mala barsiisuu gaarii kan taʼe maaliifi?

Yesuusirraa Maal Baranna?

2. Karaa salphaa taʼeen kan barsiisnu yoo taʼe, barataan keenya wanta isa barsiisne hin irraanfatu, garaa isaa tuquus ni dandeenya.

Fakkeenya Yesuus Hordofi

3. Baayʼee hin dubbatin. Dhimma tokko ilaalchisee wanta beektu hunda dubbachuu mannaa, mata duree qoʼachaa jirtanirratti xiyyeeffadhu. Barataa kee gaaffii tokko erga gaafattee booda, hamma deebii kennutti obsaan eegi. Deebii isaa hin beeku taanaan ykn wanta barumsa Kitaaba Qulqulluu wajjin wal faallessu yoo dubbate, gaaffilee dabalataatti fayyadamiitii dhimmicharratti akka yaadu isa gargaari. Barataan kee qabxii ijoo barumsichaa hubateera taanaan, gara barumsa itti aanutti darbi.

4. Barumsa haaraa tokko wanta duraan beeku wajjin akka wal qabsiisu isa gargaari. Fakkeenyaaf, barumsa waaʼee duʼaa kaʼuu dubbatu jalqabuu keessan dura, haala namoonni duʼan keessatti argaman ilaalchisee wanta kanaan dura qoʼattan gabaabsitee irra deebiʼuu dandeessa.

5. Fakkeenyotatti of eeggannoodhaan fayyadami. Fakkeenya tokko fayyadamuu kee dura akkana jedhii of gaafadhu:

  1.    ‘Fakkeenyi kun salphaadhaa?’

  2.   ‘Barataan koo fakkeenyicha salphaatti hubachuu dandaʼaa?’

  3.   ‘Barataan koo fakkeenyicha qofa utuu hin taʼin, qabxii ijoos akka yaadatu ni gargaaraa?’

CAQASOOTA KANAS ILAALI