Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARATTOOTA GOCHUU

BARUMSA 12

Ija Jabina Qabaadhu

Ija Jabina Qabaadhu

Dhugaa buʼuuraa: “Zayitii fi ixaanni garaa namaa ni gammachiisu; michuun garaadhaa gorsa kennus akkanuma dha.”—Fak. 27:9.

Yesuus Maal Godhe?

1. VIIDIYICHA ilaali ykn Maarqos 10:17-22 dubbisi. Achiis gaaffilee armaan gadiirratti yaadi:

  1.    Yesuus dargaggeessi bulchaa taʼe kun amaloota gaggaarii kamfaa akka qabu hubatee taʼuu dandaʼa?

  2.   Yesuus dargaggeessa sana gorsuuf jaalalaa fi ija jabina qabaachuun kan isa barbaachise maaliifi?

Yesuusirraa Maal Baranna?

2. Barattoonni keenya guddina hafuuraa akka godhan gargaaruuf jaalalaan garuummoo ifatti dubbachuu qabna.

Fakkeenya Yesuus Hordofi

3. Barataan kee galma akka baafatuu fi akka irra gaʼu gargaari.

  1.    Kutaa “Galma” jedhuu fi kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamurratti argamu fayyadami.

  2.   Galma yeroo gabaabaa fi galma yeroo dheeraarra gaʼuuf tarkaanfiiwwan fudhachuu qabu akka adda baafatu barataa kee gargaari.

  3.   Guddina gochaa jiruuf yeroo hunda isa galateeffadhu.

4. Wantoota guddina akka hin goone gufuu isatti taʼan hubachuuf yaali, gufuuwwan sana akka moʼus isa gargaari.

  1.    Akkana jedhii of gaafadhu:

    • ‘Barataan koo cuuphamuuf guddina gochaa hin jiru taanaan, wanti gufuu isatti taʼe maalidha?’

    • ‘Isa gargaaruuf maal gochuun dandaʼa?’

  2.   Ija jabina barataa kee wajjin sirreeffama gochuu qaburratti ifatti garuummoo jaalalaan mariʼachuuf si dandeessisu akka siif kennu Yihowaa kadhadhu.

5. Barataan kee guddina gochaa hin jiru taanaan qoʼannaa keessan addaan kuti.

  1.    Barataan kee guddina gochaa kan jiru taʼuu fi dhiisuu isaa beekuuf akkana jedhii of gaafadhu:

    • ‘Barataan koo wanta baratu hojiirra oolchaa jiraa?’

    • ‘Walgaʼii gumiirratti ni argamaa? Wanta baratehoo warra kaanitti ni himaa?’

    • ‘Qoʼachuu erga jalqabee tureera taanaan, Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuu ni barbaadaa?’

  2.   Barataan tokko guddina gochuuf fedhii hin qabu taanaan:

    • Wanta guddina akka hin goone gufuu isatti taʼuu dandaʼurratti akka yaadu isa jajjabeessi.

    • Qoʼannaa keessan kan addaan kuttu maaliif akka taʼe malaan isaaf ibsi.

    • Qoʼannaa isaa itti fufuu yoo barbaade sirreeffama akkamii gochuu akka qabu isatti himi.