Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KUTAA DABALATAA A

Dhugaawwan Namoota Barsiisuu Jaallannu

Dhugaawwan Namoota Barsiisuu Jaallannu

Yesuus namoonni garaa qajeelaa qaban dhugaa dhagaʼan akka hubatan dubbateera. (Yoh. 10:4, 27) Kanaafuu, yeroo namoota haasofsiisnu hundumaatti dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu salphaa taʼan isaanitti himuu barbaanna. Dhugaa tokko isaanitti himuu kee dura, “ . . . beektaa?” ykn “ . . . dhageessee beektaa?” jedhii isaan gaafadhu. Achiis caqasoota dhugaa sana ibsuuf gargaaranitti fayyadami. Sanyii dhugaa garaa nama tokkoo keessa dhaabuuf dhugaa Kitaaba Qulqulluu salphaa taʼe tokko qofa itti himuun gaʼaa taʼuu dandaʼa; Waaqayyos sanyiin sun akka guddatu gochuu dandaʼa.—1 Qor. 3:6, 7.

 YEROO GARA FUULDURAA

  1. 1. Taʼeewwan yeroo ammaatti raawwatamaa jiranii fi amalli namootaa dhiheenyatti jijjiiramni akka dhufu argisiisa.—Mat. 24:3, 7, 8; Luq. 21:10, 11; 2 Xim. 3:1-5.

  2. 2. Lafti matumaa hin baddu. —Far. 104:5; Lal. 1:4.

  3. 3. Lafti ni haareffamti.—Isa. 35:1, 2; Mul. 11:18.

  4. 4. Namni hundi fayyaa guutuu qabaata.—Isa. 33:24; 35:5, 6.

  5. 5. Bara baraaf lafarra jiraachuu ni dandeessa.—Far. 37:29; Mat. 5:5.

 MAATII

  1. 6. Abbaan manaa tokko ‘akkuma of jaallatutti haadha manaa isaa jaallachuu’ qaba.—Efe. 5:33; Qol. 3:19.

  2. 7. Haati manaa takka abbaa manaa ishii garaadhaa kabajuu qabdi.—Efe. 5:33; Qol. 3:18.

  3. 8. Abbaan manaa fi haati manaa waliif amanamoo taʼuu qabu. —Mil. 2:16; Mat. 19:4-6, 9; Ibr. 13:4.

  4. 9. Ijoolleen warra isaanii kabajanii fi isaaniif ajajaman milkaaʼina argatu.—Fak. 1:8, 9; Efe. 6:1-3.

NASA, ESA and the Hubble Heritage Team (STScI/AURA)-ESA/Hubble Collaboration. Licensed under CC BY 4.0. Source.

 WAAQAYYO

  1. 10. Waaqayyo maqaa qaba. —Far. 83:18; Er. 10:10.

  2. 11. Waaqayyo Dubbii isaa nuuf kenneera.—2 Xim. 3:16, 17; 2 Phe. 1:20, 21.

  3. 12. Waaqayyo hin loogu. —Kes. 10:17; HoE. 10:34, 35.

  4. 13. Waaqayyo nu gargaaruu barbaada.—Far. 46:1; 145:18, 19.

 KADHANNAA

  1. 14. Waaqayyo kadhannaa akka isatti dhiheessinu barbaada. —Far. 62:8; 65:2; 1 Phe. 5:7.

  2. 15. Kitaabni Qulqulluun akkamitti kadhachuu akka qabnu nu barsiisa.—Mat. 6:7-13; Luq. 11:1-4.

  3. 16. Yeroo hunda kadhachuu qabna.—Mat. 7:7, 8; 1 Tas. 5:17.

 YESUUS

  1. 17. Yesuus barsiisaa guddaadha, gorsi isaa yeroo harʼaattis nu fayyada.—Mat. 6:14, 15, 34; 7:12.

  2. 18. Yesuus taʼeewwan yeroo harʼaatti argaa jirru raajiidhaan dubbateera.—Mat. 24:3, 7, 8, 14; Luq. 21:10, 11.

  3. 19. Yesuus Ilma Waaqayyooti.—Mat. 16:16; Yoh. 3:16; 1 Yoh. 4:15.

  4. 20. Yesuus Waaqa Hundumaa Dandaʼu miti.—Yoh. 14:28; 1 Qor. 11:3.

Based on NASA/Visible Earth imagery

 MOOTUMMAA WAAQAYYOO

  1. 21. Mootummaan Waaqayyoo bulchiinsa samii keessa jirudha.—Dan. 2:44; 7:13, 14; Mat. 6:9, 10; Mul. 11:15.

  2. 22. Mootummaan Waaqayyoo mootummoota ilmaan namootaa balleessee bakka isaanii buʼa. —Far. 2:7-9; Dan. 2:44.

  3. 23. Rakkina ilmaan namootaatiif furmaata kan kennu Mootummaa Waaqayyo qofadha.—Far. 37:10, 11; 46:9; Isa. 65:21-23.

 RAKKINA

  1. 24. Rakkina kan nutti fidu Waaqayyo miti.—Kes. 32:4; Yaq. 1:13.

  2. 25. Addunyaa kana kan bulchu Seexanadha.—Luq. 4:5, 6; 1 Yoh. 5:19.

  3. 26. Waaqayyo yeroo rakkinni sirra gaʼu si gargaaruu barbaada. —Far. 34:17-19; Isa. 41:10, 13.

  4. 27. Waaqayyo yeroo dhihootti rakkina ni balleessa.—Isa. 65:17; Mul. 21:3, 4.

 DUʼA

  1. 28. Namoonni duʼan homaa hin beekan; dhiphachaas hin jiran. —Lal. 9:5; Yoh. 11:11-14.

  2. 29. Namoonni duʼan nu gargaaruus taʼe nu miidhuu hin dandaʼan. —Far. 146:4; Lal. 9:6, 10.

  3. 30. Namoonni nu jalaa duʼan duʼaa ni kaʼu.—Iyo. 14:13-15; Yoh. 5:28, 29; HoE. 24:15.

  4. 31. ‘Duuti kana booda hin jiraatu.’—Mul. 21:3, 4; Isa. 25:8.

 AMANTAA

  1. 32. Waaqayyoon kan gammachiisan amantaawwan hunda miti. —Er. 7:11; Mat. 7:13, 14, 21-23.

  2. 33. Waaqayyo fakkeessaa ni jibba.—Isa. 29:13; Mik. 3:11; Mar. 7:6-8.

  3. 34. Jaalalli dhugaan amantaa dhugaa adda baasee beeksisa.—Mik. 4:3; Yoh. 13:34, 35.