Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KUTAA DABALATAA C

Kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! Jedhamutti Fayyadamuudhaan Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Geggeessuu

Kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! Jedhamutti Fayyadamuudhaan Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Geggeessuu

Obboloonni kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamu qopheessan yeroo dheeraadhaaf kadhataniiru, qorannaa gadi fageenya qabus godhaniiru. Kitaaba kanatti akka gaariitti fayyadamuuf, yeroo Kitaaba Qulqulluu qoʼachiistu yaada armaan gadii hojiirra oolchi.

Qoʼannaa dura

  1. 1. Akka gaariitti qophaaʼi. Yeroo qophooftu wanta barataa kee barbaachisu, haala keessa jiruu fi ilaalcha isaarratti yaadi. Qabxiilee hubachuun ykn hojiirra oolchuun itti ulfaachuu dandaʼu tilmaamuuf yaali. Odeeffannoowwan kutaa “Qorannoo Dabalataa Godhi” jedhu jalatti argaman barataa kee gargaaruu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe yaadi; barbaachisaa taanaan, yeroo qoʼannaa keessaniitti itti fayyadamuuf qophaaʼaa taʼi.

Yeroo qoʼannaatti

  1. 2. Barataan kee hamma hin morminetti, qoʼannaa keessan yeroo jalqabdanittis taʼe yeroo xumurtan kadhannaa dhiheessi.

  2. 3. Baayʼee akka hin dubbanne of eeggadhu. Barumsicharratti xiyyeeffadhu, baratichi yaada isaa akka ibsu godhi.

  3. 4. Kutaa haaraa yeroo jalqabdan, yaada ijoo kutaa sanaa dubbisaa, akkasumas mata dureewwan tokko tokkorratti mariʼadhaa.

  4. 5. Kutaa tokko yeroo xumurtan irra deebii kutaa sanaatti fayyadamiitii barataan kee dhugaawwan barate akka yaadatu gargaari.

  5. 6. Barataa kee wajjin barumsa tokko yeroo qoʼattan hundumaatti:

    1. Keeyyatoota dubbisaa.

    2. Caqasoota “Dubbisaa” jedhan hunda dubbisaa.

    3. Barbaachisaa taanaan caqasoota kaanis dubbisaa.

    4. Viidiyoowwan “Taphachiisaa” jedhan hunda taphachiisaa (kan dandaʼamu yoo taʼe).

    5. Gaaffii dhihaate hunda baraticha gaafadhu.

    6. Fakkii kutaa “Caalaatti Baradhu” jedhu jalatti argamu akka ilaaluu fi yaada akka irratti kennu baraticha jajjabeessi.

    7. Saanduqa “Galma” jedhutti fayyadamiitii barataan kee guddina hafuuraa gochaa jiru akka gamaaggamu gargaari. Galma achi keessatti ibsame, galma kan biraa ykn galma lamaanuu akka baafatu isa jajjabeessuu dandeessa.

    8. Yeroo qoʼannaa isaatiif qophaaʼu mata dureewwan ykn viidiyoowwan kutaa “Qorannoo Dabalataa Godhi” jedhu jalatti ibsaman keessaa isa kam caalaatti akka jaallate barataa kee gaafadhu.

    9. Barumsa tokko guyyuma tokkotti xumuruuf yaalaa.

Qoʼannaa booda

  1. 7. Waaʼee barataa keetii yaadi. Guddina barataan kee gochaa jiru akka isaaf eebbisuu fi ogummaa isa gargaaruuf si barbaachisu akka siif kennu Yihowaa kadhadhu.