Dhugaa Baatota Yihowaa—Nuyi Eenyu?
Qomoo adda addaa keessaa kan dhufnee fi afaan garaa garaa kan dubbannu taʼus galma tokko qabna. Hunda caalaa immoo, Waaqa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsamee fi Uumaa wanta hundumaa taʼe Yihowaa kabajuu barbaanna. Fakkeenya Yesuus Kiristoos hordofuuf carraaqqii guddaa goona; Kiristiyaanota jedhamuu keenyattis ni boonna. Hundi keenya namoonni waaʼee Kitaaba Qulqulluu fi waaʼee Mootummaa Waaqayyoo akka baratan gargaaruu irratti hirmaanna. Waaʼee Yihowaa fi waaʼee Mootummaa isaa dhugaa waan baanuuf ykn waan dubbannuuf, Dhugaa Baatota Yihowaa jedhamna.
Weebsaayitii keenya sakattaʼi. Kitaaba Qulqulluu Intarneetii irraa dubbisi. Waaʼee keenyaa fi wanta itti amannu caalaatti baradhu.