Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Arraba Keessan To’achuudhaan Jaalalaafi Ulfina Waliif Qabaadhaa

Arraba Keessan To’achuudhaan Jaalalaafi Ulfina Waliif Qabaadhaa

Arraba Keessan To’achuudhaan Jaalalaafi Ulfina Waliif Qabaadhaa

“Tokkon tokkon abbaa manaa akkuma kanatti haadha manaa isaa akka ofii isaatiitti haa jaallatu; haati manaas abbaa manaa isheetiif ulfina haa kennitu!”—EFESOON 5:33.

1, 2. Namoonni gaa’ela qaban hundi gaaffii akkamii of gaafachuu qabu? Maaliif?

 KENNAA waraqaa kennaatiin marameefi “Of Eeggannoodhaan Qabadhu!” jedhamee irratti barreeffame utuu sii kennamee wanta marame sana akkamitti qabatta? Kennaa sana akka hin balleessineef of eeggannoo guddaa akka gootu beekamaadha. Gaa’elakee isa kennaa ta’ehoo akkamitti qabatta?

2 Dubartii abbaan manaa jalaa du’e kan turte Naa’omiin, dubartoota dargaggoota turan Orphaafi Ruutiin: “Waaqayyo, mana itti uffee jettan akka argattaniif bultii isiniif haa kennu!” jetteenii turte. (Ruut 1:3-9) Macaafni Qulqulluun haadha manaa gaarii ilaalchisee, “Manaa fi badhaadhummaa abboota irraa in dhaalu, haati manaa hubattuun garuu kennaa Waaqayyoo ti” jedha. (Fakkeenya 19:14) Gaa’ela kan qabdu yoo ta’e hiriyaa gaa’elaakee akka kennaa Waaqayyootti ilaaluu qabda. Kennaa kana akkamitti qabachaa jirta?

3. Abbaan manaafi haati manaa gorsa Phaawulos kenne isa kam hojiirra oolchuu qabu?

3 Phaawulos ergamaan Kiristiyaanota jaarraa jalqabaatiif akkas jechuudhaan barreesseera: “Tokkon tokkon abbaa manaa akkuma kanatti haadha manaa isaa akka ofii isaatiitti haa jaallatu; haati manaas abbaa manaa isheetiif ulfina haa kennitu!” (Efesoon 5:33) Abbaan manaafi haati manaa dubbiisaanii ilaalchisee gorsa kana akkamitti hojiirra oolchuu akka danda’an hubadhu.

‘Hamaa Gabii Hin Qabnerraa’ Of Eegaa

4. Arrabni dhiibbaa gaariis gadhees geessisuu kan danda’u akkamitti?

4 Barreessaa Macaafa Qulqulluu kan ta’e Yaaqoob, arrabni “hamaa gabii hin qabne”, “hadhaa du’a fiduunis guutuu” akka ta’e dubbateera. (Yaaqoob 3:8) Yaaqoob arrabni gabii hin qabne badiisa akka geessisu beeka ture. Fakkeenya Macaafa Qulqulluu dubbii yaada malee dubbatame ‘billaa nama waraanuu’ wajjin wal fakkeessu akka beeku hin shakkisiisu. Faallaasaatiinimmoo fakkeenyumti kun, “arrabni ogeessaa garuu in fayyisa” jechuudhaan dubbata. (Fakkeenya 12:18) Dhugaadha, jechoonni dhiibbaa guddaa geessisuu danda’u. Madeessuu ykn fayyisuu danda’u. Jechoonnikee hiriyaa gaa’elaa keerratti dhiibbaa maalii geessisu? Jechoota itti fayyadamtu ilaalchisee wanta hiriyaa gaa’elaakeetti dhaga’amu utuu gaafattee deebii maalii argatta?

5, 6. Namoonni tokko tokko arrabasaanii to’achuun kan isaan rakkisu maaliifi?

5 Dubbiin nama miidhu suuta suutaan gaa’ela keessan keessatti baramaa yoo dhufe haala kana jijjiiruu ni dandeessu. Ta’uyyuu carraaqqii gochuu kan gaafatudha. Maaliif? Sababiin inni tokko, foon keenya isa gonkummaa hin qabnee wajjin wal’aansoo wal qabaa waan jirruufidha. Cubbuun dhaalle, karaa waa’ee walii keenyaa itti yaannuufi walitti dubbannurratti dhiibbaa gadhee geessisa. Yaaqoob, “Namni dubbii isaatiin irraa hin kaanne nama fiixaan ba’ee dha. Inni akka nama luugama itti kaa’eetti, namummaa isaa guutummaatti qabuu in danda’a” jechuudhaan barreesseera.—Yaaqoob 3:2.

6 Gonkummaa dhabuu keenya malees, amalli maatiin keessatti guddanne qabu arraba keenyatti karaa sirrii hin taaneen akka fayyadamnu gochuu danda’a. Namoonni tokko tokko kan guddatan maatii warri “araara hin jaallanne, . . . of hin qabne, warra namatti hin madaqne” ta’an keessattidha. (2 Ximotewos 3:1-3) Yeroo baay’ee ijoolleen maatii akkasii keessatti guddatan nama guddaa ennaa ta’an amaluma akkasii argisiisu. Haata’u malee, gonkummaa dhabuunis ta’e guddisa baduun, jecha nama miidhu dubbachuuf sababii hin ta’u. Kana hubachuun keenya, dubbii miidhaa geessisurraa arraba ofii ittisuun namoota tokko tokkoof rakkisaa kan ta’u maaliif akka ta’e hubachuuf nu gargaara.

‘Maqaa Namaa Balleessuurraa Fagaadhaa’

7. Phexros “maqaa namaa balleessuu hundumaas of irraa fageessaa!” jechuudhaan Kiristiyaanota yeroo gorsu maal jechuusaa ture?

7 Sababiinsaa maaliyyuu yoo ta’e, gaa’ela keessatti jecha nama miidhu dubbachuun hiriyaa gaa’elaa ofiitiif jaalalaafi kabaja akka hin qabaanne argisiisa. Phexros, “maqaa namaa balleessuu hundumaas of irraa fageessaa!” jechuudhaan Kiristiyaanota gorsuunsaa barbaachisaadha. (1 Phexros 2:1) Jechi afaan Giriikii “maqaa balleessuu” jedhamee hiikame “arrabsoo” jechuu yeroo ta’u, kunis yaada ‘jechaan nama waraanuu’ jedhu qaba. Yaanni kun arrabni gabii hin qabne hammam akka nama miidhu akka gaariitti kan argisiisu mitii?

8, 9. Jecha arrabsootti fayyadamuun miidhaa akkamii geessisuu danda’a? Hiriyoonni gaa’elaa kanarraa fagaachuu kan qaban maaliifi?

8 Arrabsoon hamma kana ulfaataa fakkaachuu dhiisuu danda’a; haata’u malee abbaan manaa ykn haati manaa jechoota akkasii yeroo walitti dubbatan wanta uumamuu danda’u mee yaadi. Hiriyaa gaa’elaa ofiitiin, ati doofaadha, dhibaa’aadha, ofittoodha jechuun, abbaan sun nama gatii hin qabne ta’ee akka itti dhaga’amu godha. Kun dhugumaan hammeenyadha. Dadhabbii hiriyaa gaa’elaa ilaalchisee waan tokko arbeessinee dubbachuunoo maal fida? “Yeroo hundumaa ni barfatta” ykn “tasumaa na dhaggeeffattee hin beektu” jedhanii dubbachuun arbeessuu mitii? Dubbiin akkasii namni tokko aariidhaan deebii akka laatu gochuu danda’a. Kunimmoo jibbaan akka wal morman gochuu danda’a.—Yaaqoob 3:5.

9 Haasaan arrabsoodhaan guutame gaa’ela keessatti dhiphina fiduufi bu’aansaas gadhee ta’uu danda’a. Fakkeenyi 25:24, “Haadha manaa qoccoltuu wajjin mana tokko keessa taa’uu irra, golee bantii manaa irra taa’uu wayya” jedha. Abbaa manaa qoccolaa ta’eefis akkasuma jechuun ni danda’ama. Jechoonni gadheen hiriyaa gaa’elaatti dubbataman, suuta suutaan michoomasaanii balleessuufi abbaan manaa ykn haati manaa akka hin jaallatamnetti, kana malees nama jaallatamuu danda’an akka hin taanetti akka itti dhaga’amu godhu. Dhugumayyuu arraba ofii to’achuun barbaachisaadha. Kun akkamitti ta’uu danda’a?

‘Arraba Ofii Luugamuu’

10. Arraba ofii to’achuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

10 Yaaqoob 3:8: “Namni arraba leejjisuu danda’u hin jiru” jedha. Haata’u malee, akkuma namni farda gulufu tokko fardicha to’achuudhaan gara barbaadetti geessuuf luugamatti fayyadamu, nuyis arraba keenya luugamuuf hanga dandeenye carraaquu qabna. “Namni, nama amantii qabu of se’ee, arraba isaatti immoo luugama hin keenye, inni of sossoba malee, amantiin isaa waa’ee hin baasuuf.” (Yaaqoob 1:26; 3:2, 3) Jechoonni kun, akkaataan arrabakeetti itti fayyadamtu wanta irratti yaaduu qabdu ta’uusaa argisiisu. Walitti dhufeenya hiriyaa gaa’elaakee wajjin qabdu qofa utuu hin ta’in, walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabdus si jalaa balleessa.—1 Phexros 3:7.

11. Waldhabiinsi gara mormii jibba fiduutti akka hin jijjiiramne gochuun kan danda’amu akkamitti?

11 Akkaataa hiriyaa gaa’elaakee wajjin itti haasofturratti yaaduunkee barbaachisaadha. Haalli rakkisaa ta’e yeroo uumamutti baay’ee dhiphachuu dhiisuuf yaali. Uumama 27:46–28:4⁠rratti akka ibsametti haala Yisihaqiifi Ribqaa gidduutti uumamee ture ilaali. “Ribqaan Yisihaqiin, ‘Sababii durboota Heet kanaaf, ani jireenya koo nan jibbe; Yaaqoobis immoo durboota Heet sanyii durboota biyya kanaa keessaa niitii yoo fuudhe, jireenyi maal anaaf godha ree?’” jette. Yisihaq jecha hammeenyaa isheedhaaf deebisuunsaa hin ibsamne. Kanaa mannaa, ilmisaanii Yaaqoob haadha manaa Waaqayyoon sodaattu, ishee Ribqaa hin gaddisiisne akka argatuuf jecha isa erge. Abbaa manaafi haadha manaa gidduutti wal dhabiinsi uumame haa jennu. Isa “ati” jedhanii dubbachaa turan “ani” jedhanii dubbachuutti yoo jijjiiran waldhabiinsi ka’e lola guddaatti guddachuurraa ooluu danda’a. Fakkeenyaaf, “Ati tasumaa anaa wajjin yeroo dabarsitee hin beektu!” jechuu mannaa, “Utuu yeroo baay’ee waliin dabarsinee nan gammada” jechuu hin wayyuu? Rakkoo uumamerratti malee namicharratti hin xiyyeeffatin. Balleessaan kan eenyuu akka ta’e beekuuf hin yaalin. Roomaan 14:19, ‘Wanta nagaaf ta’u, waan ittiin jireenya tokkummaa waliif ijaartan duukaa bu’aa!’ jedha.

‘Hadhaa’ummaa, Dheekkamsaafi Aariirraa’ Fagaadhaa

12. Arraba keenya to’achuuf waa’ee maalii kadhachuu dandeenya? Maaliif?

12 Arraba keenya luugamuun waan dubbannurratti of eeggachuu malees waan dabalatu qaba. Dubbiin keenya afaanumarraa kan dhufu utuu hin ta’in waan garaa keenya keessa jiru ta’uunsaa beekamaadha. Yesus akkas jedheera: “Namni gaariin gaarummaa garaa isaa keessaa waan gaarii in baasa; namni hamaanis hammina garaa isaa keessaa waan hamaa in baasa. Namni waan garaa isaa keessa guute afaaniin in dubbata.” (Luqaas 6:45) Kanaafuu arrabakee to’achuuf akkuma Daawit jedhe, “Garaa qullaa’aa anaaf uumi, yaa Waaqayyo! Hafuura dhaabataas ana keessatti haaressi!” jettee kadhachuu si barbaachisa ta’a.—Faarfannaa 51:10.

13. Hadhaa’ummaan, dheekkamsiifi aariin arrabsootti kan nama geessu akkamitti?

13 Phaawulos Kiristiyaanota Efesoon yommuu gorsu dubbii nama miidhu dubbachuurraa qofa utuu hin ta’in, miira dubbii sana akka dubbatan godherraas akka fagaatan itti himeera. Akkas jedhe: “Hadhaa’um[m]aan, dheekkamsi, aariin, waci, maqaa wal balleessuun, hamminni hundinuu isin irraa haa fagaatu!” (Efesoon 4:31) Phaawulos waa’ee ‘wacaafi maqaa wal balleessuu’ dubbachuusaa dura ‘hadhaa’ummaa, dheekkamsaafi aarii’ caqasuusaa qalbeeffadhu. Aariin nama tokko keessatti yeroo boba’u namni sun dubbii nama miidhu akka dubbatu isa godha. Kanaafuu, ‘hammeenyiifi dheekkamsi garaakoo keessa jiraa? Ani “nama aarudhaa”?’ jedhii of gaafadhu. (Fakkeenya 29:22) Nama akkasii yoo taate, aariikee baasuurraa of qusachuuf, Waaqayyo miira akkasii kana mo’uufi of qabuu akka dandeessu akka si gargaaru kadhadhu. Faarfannaan 4:4 akkas jedha: “Yoo aartan iyyuu, cubbuu hin hojjetinaa! Yeroo gab jettanii siree keessan irra jirtanitti, kana garaa keessanitti itti yaadaa!” Garmalee yoo aarteefi of to’achuu akka hin dandeenye yoo sitti dhaga’ame, gorsa Fakkeenya 17:14⁠rratti [1899], ‘Waliin morkiin utuu hin jabaatin ati duraa maqi!’ jedhu hordofi. Hamma dubbiin qabbanaa’utti yeroo xinnoodhaaf bakka sanaa sokki.

14. Mufachuun gaa’ela keessatti miidhaa geessisuu kan danda’u akkamitti?

14 Akkuma Phaawulos jedhe kan dheekkamnuufi kan aarru ‘hadhaa’ummaadhaan’ kakaanee yoo ta’e, amalawwan kanarraa fagaachuun salphaa hin ta’u. Jechi afaan Giriikii Phaawulos itti fayyadame, “mufachuudhaan araaramuu diduu” akkasumas “aariidhaan kan ka’e dogoggora hojjetame galmeessanii qabachuu” yaada jedhu kan argisiisudha. Yeroo tokko tokko akkuma hurrii duudaa haadha manaafi abbaa manaa gidduutti jibbi guddaan uumamee yeroo dheeraadhaaf turuu danda’a. Walitti mufachuun akkasii karaa sirrii ta’een furmaata argachuu baannaan wal tuffiin dhufuu danda’a. Haata’u malee, balleessaa darbeef namatti mufachuun gatii hin qabu. Wanti takkaa ta’e deebi’uu hin danda’u. Balleessaan dhiifamni godhameef irraanfatamuu qaba. Jaalalli “waan hamaas nama irratti hin lakkaa’u.”—1 Qorontos 13:4, 5.

15. Namoota dubbii nama miidhu dubbachuun amala ta’ef akkaataa dubbiisaanii jijjiiruuf maaltu isaan gargaara?

15 Maatii guddatte keessatti dubbii gadhee dubbachuun kan barame waan tureef, jecha akkasiitti fayyadamuu akka waan salphaatti kan ilaaltu yoo ta’ehoo? Jijjiirama gochuu ni dandeessa. Jireenyakee keessatti karaawwan baay’eedhaan wantoota tokko tokkorraa fagaachuuf of daangessiteetta. Dubbiikee ilaalchiseehoo daangaa kan goote bakka kamitti? Erga dubbiin nama miidhu afaanii si ba’ee boodaa? Gorsa Efesoon 4:29, “Dubbiin hamaan afaan keessan keessaa hin ba’in!” jechuudhaan nuu kennu hojiirra oolchi. Kana gochuuf, ‘namummaa moofaa hojii isaa hundumaa wajjin of irraa baasuufi namummaa haaraa isa akka fakkaattii isaatti isa uume bira ga’uudhaaf yeroo hundumaa haareffamu uffachuu’ si barbaachisa.—Qolosaayis 3:9, 10.

‘Walii Wajjin Mari’achuun’ Barbaachisaadha

16. Waliin ooduun gaa’ela keessatti balaa geessisuu kan danda’u maaliifi?

16 Abbaan manaafi haati manaa waliin ooduunsaanii faayidaa kan hin qabne ta’uusaarrayyuu miidhaa geessisuus ni danda’a. Namni tokko hiriyaa gaa’elaasaatiin kan oodu yeroo hundumaa isa/ishee adabuuf jecha ta’uu dhiisuu danda’a; kanaa mannaa gammachuu dhabuu ykn abdii kutachuudhaan kan ka’e ta’uu danda’a. Ta’uyyuu, waliin ooduun dhiphina dabala malee rakkoo uumameef furmaata ta’uu hin danda’u. Haati manaa tokko, “suuta suutaan wal dubbisuu jalqabnuyyuu waa’ee rakkoo sanaa kaasnee irratti hin mari’annu” jetteetti.

17. Kiristiyaanonni gaa’elasaanii keessatti dhiphinni isaanirra ga’e maal gochuu qabu?

17 Rakkoo gaa’elaa cimaa ta’e tokko hiikuun rakkisaadha. Fakkeenyi 15:22 akkas jedha: “Mareen hin jiru yoo ta’e, wanti yaadame fiixaan hin ba’u; warri gorsa kennan yoo baay’atan garuu, fiixaan in ba’a.” Hiriyaa gaa’elaakee wajjin teessee dhimmasaarratti mari’achuu si barbaachisa. Waan fedheyyuu yoo ta’e, wanta hiriyaan gaa’elaa keessan dubbatu sammuufi garaa qulqulluudhaan dhaggeeffadhaa. Kana gochuun yoo ulfaatemmoo, jaarsolii gumii Kiristiyaanaa maaliif hin mariisistan? Isaan beekumsa Caaffata Qulqullaa’oo qabu; seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuudhaanis muuxannoo qabu. Namoonni kun “akka iddoo qilleensa jabaa jalaa itti baqatanii, akka da’oo bubbee jalaa itti baqatanii” ta’uu danda’u.—Isaayaas 32:2.

Wal’aansoo Gootaniin Mo’uu Dandeessu

18. Roomaa 7:18-23⁠rratti falmii akkamiitu ibsame?

18 Arraba ofii luugamuunis ta’e gocha keenya to’achuun wal’aansoo gaafata. Phaawulos ergamaan wal’aansoo mataasaa wajjin godhe ilaalchisee akkas jechuudhaan barreesseera: “Waan gaariin tokko illee, ana keessa yookiis namummaa koo isa foonii keessa akka hin jirre ani beeka; ani waan gaarii gochuu utuman jaalladhuu hojjechuu hin danda’u. Waan gaarii isa ani jaalladhu hin godhu; waan hamaa isa ani hin jaallanne garuu nan hojjedha. Ammas waanan hin jaallanne yoon godhe, egaa si’achi cubbuu isa na keessa jirutu na hojjechiisa malee, anatu isa hojjeta miti.” “Seera cubbuu, isa bu’aa dhagna [keenyaa] keessatti hojjechaa” jiruun kan ka’e, arraba keenyas ta’e kutaawwan qaama keenyaa kaanitti karaa sirrii hin taaneen fayyadamuuf hawwina. (Roomaa 7:18-23) Kan ta’es ta’e, qabsoo kana dhiisuu hin qabnu; gargaarsa Yihowaatiinis mo’uu ni dandeenya.

19, 20. Fakkeenyi Yesus abbootiin manaafi haadhotiin manaa arrabasaanii akka luugaman kan isaan gargaaru akkamitti?

19 Walitti dhufeenya jaalalaafi kabajaan beekamu keessatti, jechi yaada malee dubbatamuufi hamaa ta’e iddoo hin qabu. Karaa kanaan fakkeenya Yesus Kiristos hubadhu. Yesus bartootasaatti jecha hamaa dubbatee hin beeku. Galgala ajjeefamuuf turettillee ergamoonnisaa isaan keessaa hunda kan caalu eenyu akka ta’e wal mormaa yeroo turanitti, Ilmi Waaqayyoo isaan hin ifanne. (Luqaas 22:24-27) Macaafni Qulqulluun, “Kristos akkuma waldaa kristiyaanaa jaallate, waldaadhaafis dabarsee of kenne, akkasuma abbaan manaas haadha manaa isaa haa jaallatu!” jechuudhaan gorsa.—Efesoon 5:25.

20 Waa’ee haadha manaahoo maal jedha? “Abbaa manaa isheetiif ulfina haa kennitu!” jedha. (Efesoon 5:33) Haati manaa abbaa manaashee kabajju jechoota arrabsootti fayyadamuudhaan isarratti iyyitii? Phaawulos, “Kristos mataa warra dhiiraa, abbaan manaa mataa haadha manaa, Waaqayyo mataa Kristos ta’uu isaa” barreesseera. (1 Qorontos 11:3) Kiristos mataasaatiif akkuma bitamu haadhotiin manaas abbootii manaa mataasaanii ta’aniif bitamuu qabu. (Qolosaayis 3:18) Nama gonkummaa hin qabne ta’ee guutummaatti Yesusin hordofuu kan danda’u eenyuyyuu kan hin jirre ta’uyyuu, “faana isaa duukaa” bu’uuf carraaqqii gochuun, abbootiin manaas ta’an haadhotiin manaa falmii arrabasaaniitti karaa dogoggora ta’een akka hin fayyadamneef godhan akka mo’an isaan gargaara.—1 Phexros 2:21.

Maal Baratte?

• Arrabni hin to’atamne gaa’ela keessatti rakkina fiduu kan danda’u akkamitti?

• Arraba luugamuun rakkisaa kan ta’e maaliifi?

• Arraba keenya to’achuuf maaltu nu gargaaruu danda’a?

• Gaa’elakee keessatti haalli nama dhiphisu yoo si mudate maal gochuu qabda?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]