Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gaaffii Namoonni Addunyaa Maratti Argaman Gaafatan

Gaaffii Namoonni Addunyaa Maratti Argaman Gaafatan

Gaaffii Namoonni Addunyaa Maratti Argaman Gaafatan

ILMAAN NAMOOTAA miliyoona dhibbaan, akkasumas biliyoonaan lakkaa’aman gaaffii walfakkaataa yeroo gaafatan mee yaadi. Qaamni uumama cufarratti aboo hundaa caalu qabu gaaffii tokkoof deebii akka isaaniif kennu gaafachaa jiru. Haata’u malee, isaan keessaa waa’ee wanta gaafatanii sirriitti kan beekan namoota muraasa qofadha. Kun dhugumaan wanta ta’uu danda’udhaa? Wanti kun guyyaa guyyaan kan raawwatamudha. Wanti namoonni kun hundi gaafatan maalidha? Mootummaan Waaqayyoo akka dhufu kadhatu!

Akka tilmaama gabaasa tokkootti, dhaabbileen amantii 37,000 ta’an Kiristiyaanota ofiin jechuusaaniirrayyuu, Yesus Kiristos geggeessaasaanii akka ta’e dubbatu. Dhaabbileen amantii kun miseensota biliyoona lamaa ol ta’an qabu. Baay’eensaaniis, yeroo hundumaa kadhannaa Yaa Abbaa Keenyaa jedhamuudhaan beekamu kadhatu. Atoo kadhannaa kana beektaa? Akka Yesus duuka buutotasaa barsiisetti, kadhannichi akkas jechuudhaan jalqaba: “Yaa isa waaqa irra jirtu abbaa keenyaa! Maqaan kee qulqulluu ta’ee haa eegamu; mootummaan kee haa dhufu, jaalalli kee waaqa irratti akka ta’u, akkasuma immoo lafa irratti haa ta’u!”—Maatewos 6:9, 10.

Waggoota dhibbaan lakkaa’amaniif namoonni waldaa keessatti kadhannaa kanarra deebi’aa turaniiru. Maatiidhaanis ta’e dhuunfaadhaan, yeroo gaariittis ta’e yeroo hamaatti jechoota kana sammuutti qabachuudhaan irra deddeebi’u. Kanas kan godhan miira ho’aafi garaadhaa maddeen irra deddeebi’uudhaani. Namoonni hedduunimmoo hiikasaa beekuu baatanis, kadhannaa kana sammuutti qabachuudhaan, akkasumaan irra deddeebi’anii kadhatu. Namoonni Mootummaan Waaqayyoo akka dhufu abdataniifi kadhatan miseensota Saba Kiristiyaanaa qofa miti.

Dhaabbileen Amantii Kiristiyaanota Hin Taanes Kadhannaa Walfakkaatu Kadhatu

Kadhannaa beekamaan Yihudoonni yeroo firrisaanii du’u kadhatan Kaadish jedhama. Kadhannaan kun kallattiidhaan waa’ee du’aa ykn gaddaa kan hin ibsine ta’uyyuu, yeroo firoonnisaanii du’an kadhatama. Kadhannichi akkas jedha: “Inni [Waaqayyo] bara jireenyakeetti Mootummaasaa haa dhaabu . . . , dafee haa dhaabu.” * Kadhannaan mana sagadaa durii keessatti kadhatamummoo, abdii Mootummaa Masihiichaa isa mana Daawit keessaa dhufu ibsa.

Dhaabbileen amantii Kiristiyaanota hin taanes yaadi waa’ee Mootummaa Waaqayyoo ibsu isaan gammachiisa. Gaazexaan Ze Taayims oov Indiyaa jedhamu, waa’ee geggeessaa amantii Hindii jaarraa 19⁠ffaa beekamaa ta’eefi, amantaa Hinduu, Musliimaafi Kiristiyaanaa gidduutti yaadawwan walfakkaatan argachuuf carraaqqii godhu ilaalchisee akkas jedha: “Bahaafi dhihi yoo tokko ta’an malee Mootummaan Waaqayyoo inni dhugaa matumaa hin dhufu.” Hoggantuun Islaamiik kolleejjii Istiraatfiildi, Awustiraaliyaa keessatti argamu dhiheenya kana “Akkuma Musiliimota kaanii, anis Yesus deebi’ee Mootummaa Waaqayyoo isa dhugaa hundeessa jedheen amana” jechuudhaan gaazexaa tokkoof barreessiteetti.

Namoonni Mootummaa Waaqayyoo abdataniifi akka inni dhufu kadhatan biliyoonaan kan lakkaa’aman akka ta’an homaa hin shakkisiisu. Haata’u malee, dhugaa qalbii namaa hawwatan kana ilaali.

Nuyi Dhugaa Baatonni Yihowaa barruu kana akka maxxansinuufi manaa gara manaatti deemnee ollaawwankee waa’ee Macaafa Qulqulluu akka mariisisnu beekta ta’a. Hojii kana addunyaa maratti biyyoota 236⁠tti afaan 400 ta’aniin hojjenna. Bu’uurri lallaba keenyaa inni guddaan Mootummaa Waaqayyooti. Guutummaan mataduree barruu kanaas Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu kan jedhu akka ta’e qalbeeffadhu. Yeroo baay’ee namoonni waa’ee Mootummaa kanaa kadhachuusaanii kan gaafannu si’a ta’u, baay’eensaanii eeyyee jedhanii deebisu. Haata’u malee, Mootummaan kun maalidha jedhamanii yommuu gaafataman, garri caalaan “Anoo hin beeku” jedhanii deebisu. Yookiin deebii ifa hin taaneefi sirrii hin taane kennu.

Namoonni hedduun Mootummaan Waaqayyoo maal akka ta’e utuu hin beekin akka inni dhufu kan kadhatan maaliifi? Mootummaa Waaqayyoo hubachuun ulfaataafi ifa waan hin taaneefidhaa? Lakki. Mootummaan kun Macaafa Qulqulluurratti bal’inaafi haala ifa ta’een ibsameera. Kana malees, ergaan Mootummaa Waaqayyoo ilaalchisee Macaafa Qulqulluu keessatti ibsame yeroo dukkana ta’e kana keessatti abdii dhugaa argamsiisa. Mataduree ittaanu keessatti abdii kana ilaalchisee ibsa Macaafni Qulqulluun kennu ilaalla. Achiis, yeroo kadhannaan Yesus Mootummichi akka dhufu kadhate deebii itti argatu ilaalla.

[Footnotes]

^ key. 6 Akkuma fakkeenya kadhannaa Yesus barsiise, kadhannaan Yihudootaa yeroo firoonnisaanii du’an kadhataniifi Kaadish jedhamus maqaan Waaqayyoo akka qulqulleeffamu gaafata. Kadhannaan kun bara Kiristositti ykn isaan duratti jiraachuusaa ilaalchisee gaaffiin falmii kaasu jiraatuyyuu, kan walfakkaatan ta’uunsaanii nu dinqisiisuu hin qabu. Kadhannaan Yesus barsiise yaada haaraafi waan hin baramne kan ibsu miti. Gaaffiiwwan kadhannaa sanarratti dhihaatan hundi Caaffata Qulqullaa’oorratti kan hundaa’aniifi Yihudoonni yeroo sanatti turan hundi argachuu kan danda’an turan. Yesus duuka buutonnisaa utuu inni gara lafaa hin dhufin akkuma kadhachaa turan ammas kadhachuusaanii akka itti fufan jajjabeessuusaa ture.