Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kana Beektaa?

Kana Beektaa?

Kana Beektaa?

Ogeeyyiin urjii lakkaa’an Yesusiin kan daawwatan yoom ture?

Wangeelli Maatewos, “ogeeyyiin urjii lakkaa’an tokko ba’a-biiftuutii” kennaa Yesusiif ta’u qabatanii isa daawwatanii akka turan ibsa. (Maatewos 2:1-12) Namoonni ykn “ogeeyyiin” Yesus isa daa’ima daawwatan meeqa akka ta’an wanti ibsame hin jiru; namoonni kun sadii akka turan kan dubbatamu ta’us, ragaa cimaan kana deggeru kan hin jirre ta’uusaarrayyuu, maqaansaaniis Macaafa Qulqulluu keessatti hin ibsamne.

Kitaabni Niwuu Intarnaashinaal Varshin Istadii Baayibil jedhamu, Maatewos 2:11⁠rratti yaada akkas jedhu kenneera: “Wantoota jedhamanirraa haala faallaa ta’een, ogeeyyiin kun Yesusiin kan gaafatan akka tiksitoota sanaa, halkanuma inni dhalateefi siree horiin irraa nyaatanirratti hin turre. Ogeeyyiin kun Kan dhufan ji’oota muraasa booda yommuu ta’u, ‘mucicha’ kan arganis ‘mana’ keessatti ture.” Herodis mucichi akka ajjeefamu barbaadee, ijoollee dhiiraa Betlihemiifi naannooshee hundaatti argaman, akkasumas umriinsaanii waggaa lamaafi isaa gad ta’an akka ajjeefaman yommuu ajaje wanti kun dhugaa ta’uunsaa beekameera. “Akka yericha isa warra ogeessota sana irraa gaafatee barettis,” ijoollee umrii sanaa keessatti argamanirratti xiyyeeffatee ture.—Maatewos 2:16.

Namoonni urjii lakkaa’an kun halkanuma Yesus dhalatetti isa daawwatanii warqeefi kennaawwan gati jabeeyyii isaaf kennaniiru utuu ta’e, Maariyaam guyyaa 40 booda Yesusiin gara mana qulqullummaa yommuu geessitu gugee lama qofa dhiheessiti jedhanii yaaduun baay’ee ulfaataa ta’a. (Luqaas 2:22-24) Qophiin akkasii kan godhame namoota xobbaallaa hoolaa dhiheessuu hin dandeenyeef qofadha. (Lewwoota 12:6-8) Haata’u malee, kennaawwan yeroosaatti argamaniifi gati jabeeyyii ta’an kun, warri Yesus yommuu biyya Gibxii turanitti, wantoota isaan barbaachisuuf itti gargaaramanii ta’uu danda’a.—Maatewos 2:13-15.

Yesus bakka awwaalcha Alaazaar ga’uuf guyyaa afur kan itti fudhate maaliifi?

Jalqabumayyuu, Yesus akkas akka ta’u waan barbaade fakkaata. Akkas jechuu kan dandeenyu maaliifi? Mee seenaa Wangeela Yohannis boqonnaa 11⁠rratti argamu haa’ilaallu.

Michuu Yesusiifi magaalaa Bitaaniyaa kan jiraatu Alaazaar garmalee yommuu dhukkubsate, obboleettonnisaa Yesusitti ergaa ergan. (Lakkoofsa 1-3) Yesus yeroo sanatti Bitaaniyaarraa adeemsa guyyaa lamaa kan ta’u fagaatee jira ture. (Yohannis 10:40) Ergaan kun yommuu Yesusitti himame, Alaazaar akka du’e haalasaarraa hubachuun ni danda’ama. Yesus maal godhe? “Iddoodhuma ture sana guyyaa lama oole.” Achiis gara Bitaaniyaa dhaqe. (Lakkoofsa 6, 7) Kanaaf, Yesus guyyaa lama naannoodhuma sana kan ture si’a ta’u, guyyaa lamammoo karaa waan adeemeef bakka awwaalcha Alaazaar kan ga’e guyyaa afur booda ture.—Lakkoofsa 17.

Yesus kana dura namoota lama du’aa kaasee ture; namicha isa jalqabaa kan du’aa kaase battaluma inni du’etti si’a ta’u, isa kaanimmoo guyyuma inni du’etti yeroo muraasa booda hin ta’in hin oolu. (Luqaas 7:11-17; 8:49-55) Haata’u malee, namoonni tokko tokko nama erga du’ee guyyaa afur guuteefi dhagnisaa diigamuu jalqabe du’aa kaasuu danda’aa? jedhanii gaafachuunsaanii hin oollu. (Lakkoofsa 39) Kan nama dinqisiisu, kitaabni Macaafa Qulqulluurratti ibsa kennu tokko Yihudoonni amantii akkasii akka qaban yommuu ibsu akkas jedheera: “Namni erga du’ee guyyaa afur guute abdii tokkoyyuu hin qabu, yeroo kanatti dhagnisaa diigamuu akka jalqabu beekamaadha; lubbuun reeffa namichaarra guyyaa sadiif balaliiti jedhamtee yaadamtus yeroo kanatti ni sokkiti.”

Namoota bakka awwaalchaa kana biratti walitti qabaman keessaa shakkii kan qabu kamiyyuu, amma Yesus du’arratti aboo qabaachuusaa hubachuu ni danda’a. Yesus bakka awwaalchaa banamee jiru dura dhaabatee sagalee guddaadhaan: “Alaazaar as ba’i!” jedhee waame. Achiis, “namichi du’ee ture sun awwaalicha keessaa gad ba’e.” (Lakkoofsa 43, 44) Abdiin dhugaa namoonni du’an qaban, du’aa ka’uu malee, ilaalcha sobaa isa namoonni baay’ee du’a booda lubbuun jiraachuushee itti fufti jedhu miti.—Hisqi’el 18:4; Yohannis 11:25.